< 2 Seenaa 4 >
1 Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma kudhan taʼe ni tolche.
[製造聖殿器皿]以後,他製了一座銅壇,長二十肘,寬二十肘,高十肘。
2 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche; naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
又鑄了一個銅海,從這邊到那邊直徑十肘,作圓形,高五肘,圓周三十肘。
3 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti fakkii korommii kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Korommiin sunis tarree lamaan Gaanii sana wajjin walumatti baqfamanii hojjetaman.
銅海邊緣下四周圍,圍繞著匏瓜形的裝飾品,每肘十個,分兩行,匏瓜與銅海是同時鑄成的。
4 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
有十二隻銅牛馱著銅海:三隻向北,三隻向西,三隻向南,三隻向東;銅海安放在銅牛背上,牛尾朝裏。
5 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma sadii qabata ture.
銅海厚一掌,邊如杯邊,形似百合花,可容三千「巴特。」
6 Innis caabii dhiqannaa kudhan tolchee shan gama kibbaatiin, shan immoo gama kaabaatiin ni kaaʼe. Miʼoonni aarsaa gubamuuf fayyadanis caabiiwwan kanneen keessatti miiccamu ture; Gaanicha garuu lubootatu dhiqannaadhaaf itti fayyadama ture.
他又製了十個同盆:五個安置在右邊,五個安置在左邊,作為洗滌之用,洗滌作全燔祭的物品;但銅海只可為司祭作洗滌之用。
7 Innis akkuma seerri ajajutti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman kudhan tolchee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe.
又照所規定的式樣製了十個金燈台,放在殿內:右邊五個,左邊五個。
8 Minjaala kudhan hojjetee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe. Akkasumas waciitii warqee kan ittiin dhiiga facaasan dhibba tokko ni tolche.
又製了十張桌子,放在殿內:右邊五張,左邊五張。又造了一百個金碗。
9 Innis oobdii lubootaa, oobdii guddichaa fi cufaawwan oobdii ni hojjete; cufaawwan sanas naasii itti uffise.
又造了司祭院與大院以及院門,門包市銅,
10 Gaanichas karaa kibbaatiin golee kibba baʼaa keessa ni kaaʼe.
他把銅海放在右邊東南角。[胡蘭所造的器具]
11 Huuraam okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Huuraamis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon Mootichaaf hojjechaa ture fixe; hojiin kunis:
胡蘭也製了鍋、鏟和盤。胡蘭為撒羅滿王作了一切應為上主的殿所作的工作:
12 Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
兩根柱子,兩個柱頂上的球形柱頭,兩個網子,─遮蓋柱頂上兩個球形的柱頭,
13 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
兩個網子上的四百個石榴,─每個網子有良行石榴,以遮蓋柱頂上兩個球形柱頭,
14 baattuuwwan caabii isaanii wajjin;
十個盆座及座上的十個銅盆,
15 gaanichii fi korommiin loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
一個銅海及下面十二隻銅牛,
16 okkotee, waan ittiin daaraa hammaaran, qabduu fooniitii fi miʼoota akkanaa hunda. Miʼi Huuraam-Abiin mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon Mootichaaf hojjete hundinuu naasii cululuqfame irraa hojjetame.
鍋、鏟、鉤以及一切用具:這一切都是胡蘭阿彼用光滑的銅,給撒羅滿王為上主的殿所製造的,
17 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
是王在約但平原,於穌苛特與匝爾堂之間,用膠泥模鑄成的。
18 Solomoonis miʼoota kanneen hunda baayʼinaan hojjechiise; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
撒羅滿所製的這一切器皿,實在眾多;所用的銅,重量無法計算。[其他器皿]
19 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise; isaanis: iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala buddeenni Ilaalchaa irra ture;
以後,撒羅滿又製造了上主殿內的一切用具:金壇和供餅的桌子,
20 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetamanii fi ibsaawwan isaanii; ibsaawwan kunneenis akka akkuma seeraatti fuula iddoo qulqulluu duratti ibsaniif tolfaman;
燈台和依照規例應在內殿前點的燈盞,都是用純金製成的;
21 daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee qulqulluu irraa hojjetaman;
還有花蕊、燈盞和燭剪,都是用金,即純金製成的;
22 waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa warqee qulqulluu irraa hojjetaman; akkasumas cufaawwan mana qulqullummaa cufaawwan gara keessaa kanneen Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutii fi cufaawwan galma guddichaa kanneen warqee irraa hojjetaman.
還有刀、碗盤和火盤,都是純金的。殿宇的門,即進入至聖所內裏的門,以及聖殿,即正殿的門,也都是金的。