< 2 Seenaa 36 >

1 Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii Yerusaalem keessatti iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
Then the people of the land took Jehoahaz the son of Josiah, and they anointed him and made him king in his father's place in Jerusalem.
2 Yehooʼaahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche.
Joahaz was twenty-three years old when he began to reign; and he reigned three months in Jerusalem.
3 Mootiin Gibxi immoo Yerusaalem keessatti teessoo isaa irraa isa buuse; Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
The king of Egypt deposed him at Jerusalem, and fined the land one hundred talents of silver and a talent of gold.
4 Mootiin Gibxis Eliiyaaqiim obboleessa Yehooʼaahaaz Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; innis maqaa Eliiyaaqiim geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Nekkoonis Yoʼahaz obboleessa Eliiyaaqiim fuudhee Gibxitti geesse.
The king of Egypt made Eliakim his brother king over Judah and Jerusalem, and changed his name to Jehoiakim. Neco took Joahaz his brother, and carried him to Egypt.
5 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete.
Jehoiakim was twenty-five years old when he began to reign; and he reigned eleven years in Jerusalem: and he did that which was evil in the sight of the LORD his God.
6 Nebukadnezar mootichi Baabilon isatti duule; gara Baabilonittis isa geessuudhaaf foncaa naasiitiin isa hidhe.
Against him came up Nebuchadnezzar king of Babylon, and bound him in fetters, to carry him to Babylon.
7 Nebukadnezar miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo guuree Baabilonitti geessee mana waaqeffannaa isaa keessa ni kaaʼe.
Nebuchadnezzar also carried of the vessels of the house of the LORD to Babylon, and put them in his temple at Babylon.
8 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni jibbisiisaan inni hojjetee fi balleessaan isa irratti argame hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Now the rest of the acts of Jehoiakim, and his abominations which he did, and that which was found in him, look, they are written in the book of the kings of Israel and Judah: and Jehoiachin his son reigned in his place.
9 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
Jehoiachin was eighteen years old when he began to reign; and he reigned three months and ten days in Jerusalem: and he did that which was evil in the sight of the LORD.
10 Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
At the return of the year king Nebuchadnezzar sent, and brought him to Babylon, with the goodly vessels of the house of the LORD, and made Zedekiah his relative king over Judah and Jerusalem.
11 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche.
Zedekiah was twenty-one years old when he began to reign; and he reigned eleven years in Jerusalem:
12 Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii Waaqayyoo isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne.
and he did that which was evil in the sight of the LORD his God; he did not humble himself before Jeremiah the prophet speaking from the mouth of the LORD.
13 Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide.
He also rebelled against king Nebuchadnezzar, who had made him swear by God: but he stiffened his neck, and hardened his heart against turning to the LORD, the God of Israel.
14 Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa Waaqayyoo kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban.
Moreover all the chiefs of the priests, and the people, trespassed very greatly after all the abominations of the nations; and they polluted the house of the LORD which he had made holy in Jerusalem.
15 Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge.
The LORD, the God of their fathers, sent to them by his messengers, rising up early and sending, because he had compassion on his people, and on his dwelling place:
16 Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.
but they mocked the messengers of God, and despised his words, and scoffed at his prophets, until the wrath of the LORD arose against his people, until there was no remedy.
17 Kanaafuu inni mootii warra Baabilon isaanitti fide; mootichis mana qulqullummaa keessatti dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixe; dargaggoota yookaan dubara, jaarsolii yookaan warra dullooman tokko illee hin hambifne. Waaqni hunda isaanii dabarsee harka Nebukadnezaritti kenne.
Therefore he brought on them the king of the Chaldeans, who killed their young men with the sword in the house of their sanctuary, and had no compassion on young man or virgin, old man or gray-headed: he gave them all into his hand.
18 Innis mana qulqullummaa Waaqaatii miʼoota hunda xinnaa fi guddaa, qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo, qabeenya mootichaa fi kan qondaaltota isaa saamee Baabilonitti geesse.
All the vessels of God's house, great and small, and the treasures of the house of the LORD, and the treasures of the king, and of his officials, all these he brought to Babylon.
19 Isaan mana qulqullummaa Waaqaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan; masaraawwan mootummaa hunda gubanii waan gatii qabu hundas barbadeessan.
They burnt God's house, and broke down the wall of Jerusalem, and burnt all its palaces with fire, and destroyed all the goodly vessels of it.
20 Inni hambaa goraadee irraa hafe boojiʼee Baabilonitti geesse; isaanis hamma mootummaan Faares aangoo qabatetti tajaajiltoota isaa fi tajaajiltoota ilmaan isaa taʼan.
He carried those who had escaped from the sword away to Babylon; and they were servants to him and his sons until the reign of the kingdom of Persia:
21 Biyyattiin boqonnaa sanbata ishee ni argatte; akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame raawwatamuuf hamma waggaan torbaatamni dhumutti biyyattiin yeroo ontee turte guutuu ni boqotte.
to fulfill the word of the LORD by the mouth of Jeremiah, until the land had enjoyed its Sabbaths. As long as it lay desolate it kept Sabbath, to fulfill seventy years.
22 Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
Now in the first year of Koresh king of Persia, that the word of the LORD by the mouth of Jeremiah might be accomplished, the LORD stirred up the spirit of Koresh king of Persia, so that he made a proclamation throughout all his kingdom, and put it also in writing, saying,
23 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis ol haa baʼu.’”
"Thus says Koresh king of Persia, 'The LORD, the God of heaven, has given all the kingdoms of the earth to me; and he has commanded me to build him a house in Jerusalem, which is in Judah. Whoever there is among you of all his people, the LORD his God be with him, and let him go up.'"

< 2 Seenaa 36 >