< 2 Seenaa 35 >

1 Yosiyaas Yerusaalemitti Waaqayyoof Faasiikaa ayyaanesse; hoolaan Faasiikaas guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti qalame.
ויעש יאשיהו בירושלם פסח ליהוה וישחטו הפסח בארבעה עשר לחדש הראשון
2 Innis luboota hojii isaanii irratti muudee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilan isaan jajjabeesse.
ויעמד הכהנים על משמרותם ויחזקם לעבודת בית יהוה
3 Lewwota Israaʼeloota hunda barsiisanii fi Waaqayyoof qulqullaaʼaniinis akkana jedhe; “Taabota qulqullaaʼaa sana mana qulqullummaa kan Solomoon ilmi Daawit mooticha Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa. Taabonni kun gatiittii keessanitti hin baatamin. Isin amma Waaqayyo Waaqa keessanii fi saba isaa Israaʼelin tajaajilaa.
ויאמר ללוים המבונים (המבינים) לכל ישראל הקדושים ליהוה תנו את ארון הקדש בבית אשר בנה שלמה בן דויד מלך ישראל--אין לכם משא בכתף עתה עבדו את יהוה אלהיכם ואת עמו ישראל
4 Akkuma qajeelfama Daawit mooticha Israaʼelii fi ilma isaa Solomooniin barreeffame sanaatti isin akkuma maatiiwwan keessaniitti garee gareedhaan of qopheessaa.
והכונו (והכינו) לבית אבותיכם כמחלקותיכם--בכתב דויד מלך ישראל ובמכתב שלמה בנו
5 “Kutaa maatiiwwan obboloota keessanii kanneen Lewwota hin taʼiniitiif gareen Lewwotaa tokko kutaa maatii tokkoo iddoo buʼaatii iddoo qulqulluu dhaabadhaa.
ועמדו בקדש לפלוגת בית האבות לאחיכם בני העם--וחלקת בית אב ללוים
6 Hoolaa Faasiikaa qalaa; of qulqulleessaatii obboloota keessaniifis xobbaallaawwan hoolaa qopheessaa; waan kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti godhaa.”
ושחטו הפסח והתקדשו והכינו לאחיכם לעשות כדבר יהוה ביד משה
7 Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne.
וירם יאשיהו לבני העם צאן כבשים ובני עזים הכל לפסחים לכל הנמצא למספר שלשים אלף ובקר שלשת אלפים אלה מרכוש המלך
8 Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakkaariyaasii fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Waaqaa aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan.
ושריו לנדבה לעם לכהנים וללוים--הרימו חלקיה וזכריהו ויחיאל נגידי בית האלהים לכהנים נתנו לפסחים אלפים ושש מאות ובקר שלש מאות
9 Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan.
וכונניהו (וכנניהו) ושמעיהו ונתנאל אחיו וחשביהו ויעיאל ויוזבד--שרי הלוים הרימו ללוים לפסחים חמשת אלפים ובקר חמש מאות
10 Wanni hundinuu qopheeffamnaan akkuma mootichi ajaje sanatti luboonni iddoo isaanii ijaajjan; Lewwonnis toora isaaniitiin ijaajjan.
ותכון העבודה ויעמדו הכהנים על עמדם והלוים על מחלקותם כמצות המלך
11 Hoolonni Faasiikaa ni qalaman; luboonnis dhiiga itti kenname ni faffacaasan; Lewwonni immoo hoolota irraa gogaa ni baasan.
וישחטו הפסח ויזרקו הכהנים מידם והלוים מפשיטים
12 Isaanis akka jarri akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffame sanatti Waaqayyoof dhiʼeessaniif kutaa maatiiwwan sabaatiif kennuudhaaf aarsaa gubamu kophaatti baasan. Loon illee akkasuma godhan.
ויסירו העלה לתתם למפלגות לבית אבות לבני העם להקריב ליהוה ככתוב בספר משה וכן לבקר
13 Akkuma ajajame sanattis hoolaa Faasiikaa ibiddaan waadan; aarsaa qulqulleeffame immoo okkoteetti, hubboo fi xuwweetti affeelanii yoosuma namoota hundaaf qoqqoodan.
ויבשלו הפסח באש כמשפט והקדשים בשלו בסירות ובדודים ובצלחות ויריצו לכל בני העם
14 Isaanis ergasii sababii luboonni sanyiin Aroon hamma halkan walakkaatti aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa dhiʼeessaa turaniif ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii godhan. Akkasiin Lewwonni ofii isaaniitii fi luboota sanyii Aroon taʼaniif qopheessan.
ואחר הכינו להם ולכהנים--כי הכהנים בני אהרן בהעלות העולה והחלבים עד לילה והלוים הכינו להם ולכהנים בני אהרן
15 Ilmaan Asaaf faarfattoonni akkuma Daawit, Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun waa himaan mootichaa ajajan sana iddoodhuma isaaniif ramadame turan. Eegdonni karraa kanneen tokkoo tokkoo karraa irra turan immoo waan obboloota isaanii Lewwonni qophii isaaniif godhaniif iddoo isaaniitii deemuun hin barbaachifne.
והמשררים בני אסף על מעמדם כמצות דויד ואסף והימן וידתון חוזה המלך והשערים לשער ושער אין להם לסור מעל עבדתם--כי אחיהם הלוים הכינו להם
16 Kanaafuu tajaajilli Waaqayyoo hundinuu akkuma Yosiyaas Mootichi ajajetti ayyaana Faasiikaa ayyaanessuu fi iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuun guyyuma sana fiixaan baʼe.
ותכון כל עבודת יהוה ביום ההוא לעשות הפסח והעלות עלות על מזבח יהוה--כמצות המלך יאשיהו
17 Israaʼeloonni achi turanis yeruma sana Ayyaana Faasiikaa ayyaaneffatanii Ayyaana Maxinoo guyyaa torba ayyaaneffatan.
ויעשו בני ישראל הנמצאים את הפסח בעת ההיא ואת חג המצות שבעת ימים
18 Bara Saamuʼeel raajichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne.
ולא נעשה פסח כמהו בישראל מימי שמואל הנביא וכל מלכי ישראל לא עשו כפסח אשר עשה יאשיהו והכהנים והלוים וכל יהודה וישראל הנמצא ויושבי ירושלם
19 Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame.
בשמונה עשרה שנה למלכות יאשיהו--נעשה הפסח הזה
20 Waan kana hunda booddee yeroo Yosiyaas mana qulqullummaa qopheessetti Nekkoon mootichi Gibxi Karkemiishi ishee Efraaxiis biraa sanatti lolaaf ol baʼe; Yosiyaasis of irraa isa deebisuudhaaf itti gad baʼe.
אחרי כל זאת אשר הכין יאשיהו את הבית עלה נכו מלך מצרים להלחם בכרכמיש על פרת ויצא לקראתו יאשיהו
21 Nekkoon garuu, “Yaa mootii Yihuudaa, wanni anaa fi siʼi wal lolchiisu maali? Ani yeroo kanatti mana na lolu sana loluufin dhufe malee si loluuf hin dhufne. Waaqni akka ani ariifadhu na ajajeera; kanaafuu ati Waaqa na wajjin jiru kanaan mormuu dhiisi; yoo kanaa achii inni si balleessaatii” jedhee namoota itti erge.
וישלח אליו מלאכים לאמר מה לי ולך מלך יהודה לא עליך אתה היום כי אל בית מלחמתי ואלהים אמר לבהלני חדל לך מאלהים אשר עמי ואל ישחיתך
22 Taʼus Yosiyaas eenyumaa ofii isaa wallaalchifatee lola keessa seene malee isa irraa hin deebine. Inni waan Nekkoon Waaqaan ajajamee isatti hime sana dhagaʼuu didee dirree Megidoo irratti isa waraanuudhaaf baʼe.
ולא הסב יאשיהו פניו ממנו כי להלחם בו התחפש ולא שמע אל דברי נכו מפי אלהים ויבא להלחם בבקעת מגדו
23 Warri xiyya darbatan Yosiyaas Mootichatti ni darbatan; innis ajajjoota loltoota isaatiin, “Na fuudhaatii deemaa; ani akka malee madaaʼeeraatii” jedhe.
וירו הירים למלך יאשיהו ויאמר המלך לעבדיו העבירוני כי החליתי מאד
24 Kanaafuu isaan gaarii isaa keessaa isa fuudhanii gaarii biraa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; innis achitti duʼe. Innis awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame; Yihuudaa fi Yerusaalem hundi isaaf ni booʼan.
ויעבירהו עבדיו מן המרכבה וירכיבהו על רכב המשנה אשר לו ויוליכהו ירושלם וימת ויקבר בקברות אבתיו וכל יהודה וירושלם מתאבלים על יאשיהו
25 Ermiyaasis faaruu booʼichaa Yosiyaasiif baase; hamma harʼaattis dhiironnii fi dubartoonni faarfattoonni hundi faaruu booʼichaa kanaan Yosiyaasin yaadatu. Kunis Israaʼel keessatti bartee taʼee Faaruu Booʼichaa keessatti barreeffame.
ויקונן ירמיהו על יאשיהו ויאמרו כל השרים והשרות בקינותיהם על יאשיהו עד היום ויתנום לחק על ישראל והנם כתובים על הקינות
26 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame biraa fi gaarummaan isaa akkuma waan Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanaatti,
ויתר דברי יאשיהו וחסדיו--ככתוב בתורת יהוה
27 seenaan isaa hundi jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffameera.
ודבריו הראשנים והאחרנים--הנם כתובים על ספר מלכי ישראל ויהודה

< 2 Seenaa 35 >