< 2 Seenaa 33 >

1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche.
בן שתים עשרה שנה מנשה במלכו וחמשים וחמש שנה מלך בירושלם׃
2 Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
ויעש הרע בעיני יהוה כתועבות הגוים אשר הוריש יהוה מפני בני ישראל׃
3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
וישב ויבן את הבמות אשר נתץ יחזקיהו אביו ויקם מזבחות לבעלים ויעש אשרות וישתחו לכל צבא השמים ויעבד אתם׃
4 Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
ובנה מזבחות בבית יהוה אשר אמר יהוה בירושלם יהיה שמי לעולם׃
5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
ויבן מזבחות לכל צבא השמים בשתי חצרות בית יהוה׃
6 Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
והוא העביר את בניו באש בגי בן הנם ועונן ונחש וכשף ועשה אוב וידעוני הרבה לעשות הרע בעיני יהוה להכעיסו׃
7 Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
וישם את פסל הסמל אשר עשה בבית האלהים אשר אמר אלהים אל דויד ואל שלמה בנו בבית הזה ובירושלם אשר בחרתי מכל שבטי ישראל אשים את שמי לעילום׃
8 Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.”
ולא אוסיף להסיר את רגל ישראל מעל האדמה אשר העמדתי לאבתיכם רק אם ישמרו לעשות את כל אשר צויתים לכל התורה והחקים והמשפטים ביד משה׃
9 Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
ויתע מנשה את יהודה וישבי ירושלם לעשות רע מן הגוים אשר השמיד יהוה מפני בני ישראל׃
10 Waaqayyos Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene.
וידבר יהוה אל מנשה ואל עמו ולא הקשיבו׃
11 Kanaafuu Waaqayyo ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan.
ויבא יהוה עליהם את שרי הצבא אשר למלך אשור וילכדו את מנשה בחחים ויאסרהו בנחשתים ויוליכהו בבלה׃
12 Innis lubbamee Waaqayyo Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe.
וכהצר לו חלה את פני יהוה אלהיו ויכנע מאד מלפני אלהי אבתיו׃
13 Waaqayyos yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Waaqayyo Waaqa taʼe ni beeke.
ויתפלל אליו ויעתר לו וישמע תחנתו וישיבהו ירושלם למלכותו וידע מנשה כי יהוה הוא האלהים׃
14 Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.
ואחרי כן בנה חומה חיצונה לעיר דויד מערבה לגיחון בנחל ולבוא בשער הדגים וסבב לעפל ויגביהה מאד וישם שרי חיל בכל הערים הבצרות ביהודה׃
15 Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate.
ויסר את אלהי הנכר ואת הסמל מבית יהוה וכל המזבחות אשר בנה בהר בית יהוה ובירושלם וישלך חוצה לעיר׃
16 Iddoo aarsaa Waaqayyoo deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje.
ויכן את מזבח יהוה ויזבח עליו זבחי שלמים ותודה ויאמר ליהודה לעבוד את יהוה אלהי ישראל׃
17 Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Waaqayyo Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
אבל עוד העם זבחים בבמות רק ליהוה אלהיהם׃
18 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
ויתר דברי מנשה ותפלתו אל אלהיו ודברי החזים המדברים אליו בשם יהוה אלהי ישראל הנם על דברי מלכי ישראל׃
19 Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru.
ותפלתו והעתר לו וכל חטאתו ומעלו והמקמות אשר בנה בהם במות והעמיד האשרים והפסלים לפני הכנעו הנם כתובים על דברי חוזי׃
20 Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
וישכב מנשה עם אבתיו ויקברהו ביתו וימלך אמון בנו תחתיו׃
21 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche.
בן עשרים ושתים שנה אמון במלכו ושתים שנים מלך בירושלם׃
22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse.
ויעש הרע בעיני יהוה כאשר עשה מנשה אביו ולכל הפסילים אשר עשה מנשה אביו זבח אמון ויעבדם׃
23 Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
ולא נכנע מלפני יהוה כהכנע מנשה אביו כי הוא אמון הרבה אשמה׃
24 Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
ויקשרו עליו עבדיו וימיתהו בביתו׃
25 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
ויכו עם הארץ את כל הקשרים על המלך אמון וימליכו עם הארץ את יאשיהו בנו תחתיו׃

< 2 Seenaa 33 >