< 2 Seenaa 33 >

1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche.
Manasse yana da shekara ashirin sa’ad da ya zama sarki, ya kuma yi mulki a Urushalima shekara hamsin da biyar.
2 Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
Ya yi abin da yake mugu a gaban Ubangiji, yana bin ayyukan banƙyama na al’umman da Ubangiji ya kora a gaban Isra’ilawa.
3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
Ya sāke gina masujadan kan tudun da mahaifinsa Hezekiya ya rurrushe; ya tā da bagadan Ba’al, ya kuma gina ginshiƙan Ashera. Ya rusuna wa dukan rundunonin taurari, ya kuma yi musu sujada.
4 Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
Ya gina bagadai cikin haikalin Ubangiji, waɗanda Ubangiji ya ce, “Sunana zai kasance cikin Urushalima har abada.”
5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
Cikin filayen haikalin Ubangiji, ya gina bagadai ga dukan rundunonin taurari.
6 Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
Ya miƙa’ya’yansa maza hadaya a wuta cikin Kwarin Ben Hinnom, ya yi bokanci, ya yi duba, ya kuma yi maitanci, ya nemi shawarar mabiya da masu ruhohi. Ya yi abin da yake mugu ƙwarai a gaban Ubangiji, yana tsokanarsa yă yi fushi.
7 Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
Ya ɗauki siffar da aka sassaƙa wadda ya yi, ya sa ta a cikin haikalin Allah, wanda Allah ya ce wa Dawuda da kuma ɗansa Solomon, “Cikin wannan haikali da kuma cikin Urushalima, wanda na zaɓa daga cikin kabilan Isra’ila, zan sa Sunana har abada.
8 Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.”
Ba zan ƙara bari ƙafafun Isra’ilawa su bar ƙasar da na ba wa kakanninku ba, in dai suka yi hankali ga yin kome da na umarce su game da duka dokoki, ƙa’idodi da kuma farillai da na bayar ta wurin Musa.”
9 Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
Amma Manasse ya sa Yahuda da mutanen Urushalima suka kauce, har suka aikata mugunta fiye da al’umman da Ubangiji ya hallaka a gaban Isra’ilawa.
10 Waaqayyos Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene.
Ubangiji ya yi magana da Manasse da mutanensa, amma ba su kula ba.
11 Kanaafuu Waaqayyo ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan.
Saboda haka Ubangiji ya kawo manyan hafsoshin mayaƙan sarkin Assuriya a kansu, waɗanda suka ɗauki Manasse a matsayi ɗan kurkuku, suka sa ƙugiya a hancinsa, suka daure shi da sarƙoƙin tagulla suka kuma kai shi Babilon.
12 Innis lubbamee Waaqayyo Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe.
Cikin wahalarsa ya nemi tagomashin Ubangiji Allahnsa ya kuma ƙasƙantar da kansa sosai a gaban Allah na kakanninsa.
13 Waaqayyos yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Waaqayyo Waaqa taʼe ni beeke.
Da ya yi addu’a gare shi, sai Ubangiji ya taɓu da tubansa, ya kuma saurari roƙonsa; saboda haka ya dawo da shi Urushalima da kuma zuwa mulkinsa. Sa’an nan Manasse ya san cewa Ubangiji shi ne Allah.
14 Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.
Daga baya ya sāke gina katangar waje na Birnin Dawuda, yamma da maɓulɓular Gihon a cikin kwari, har zuwa mashigin Ƙofar Kifi, ya kuma kewaye tudun Ofel; ya yi ta da tsayi sosai. Ya sa hafsoshin mayaƙa cikin dukan biranen katanga a Yahuda.
15 Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate.
Ya fid da baƙin alloli, ya kuma fid da siffofi daga haikalin Ubangiji, haka ma dukan bagadan da ya gina a kan tudun haikali da kuma cikin Urushalima, ya zubar da su a bayan birni.
16 Iddoo aarsaa Waaqayyoo deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje.
Sa’an nan ya gyara bagaden Ubangiji ya kuma miƙa hadayun salama da kuma hadayun godiya a bagaden, ya kuma faɗa wa Yahuda su bauta wa Ubangiji, Allah na Isra’ila.
17 Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Waaqayyo Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
Mutane dai suka ci gaba da miƙa hadayu a masujadai kan tudu, amma wa Ubangiji Allahnsu kaɗai.
18 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
Sauran ayyukan mulkin Manasse, haɗe da addu’arsa ga Allahnsa da kuma kalmomin da mai duba ya yi masa cikin sunan Ubangiji, Allah na Isra’ila, suna a rubuce cikin tarihin sarakunan Isra’ila.
19 Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru.
Addu’arsa da yadda Allah ya taɓu ta wurin tubansa, da kuma dukan zunubansa da rashin biyayyarsa, da wuraren da ya gina masujadan kan tudu ya kuma kafa ginshiƙan Ashera da gumaka kafin ya ƙasƙantar da kansa, duka suna a rubuce cikin tarihin mai duba.
20 Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Manasse ya huta tare da kakanninsa, aka kuma binne shi a fadansa. Sai Amon ɗansa ya gāje shi a matsayin sarki.
21 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche.
Amon yana da shekara ashirin da biyu sa’ad da ya zama sarki, ya yi mulki a Urushalima shekara biyu.
22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse.
Ya yi abin da yake mugu a gaban Ubangiji kamar yadda mahaifinsa Manasse ya yi. Amon ya bauta ya kuma miƙa hadayu ga dukan gumakan da Manasse ya yi.
23 Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
Amma ba kamar mahaifinsa Manasse ba, bai ƙasƙantar da kansa a gaban Ubangiji ba; Amon ya ƙara laifinsa.
24 Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
Fadawan Amon sukan yi masa maƙarƙashiya, suka kashe shi a fadansa.
25 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
Sa’an nan mutanen ƙasar suka kashe dukan waɗanda suka yi wa Sarki Amon maƙarƙashiya, suka naɗa Yosiya ɗansa sarki a maimakonsa.

< 2 Seenaa 33 >