< 2 Seenaa 32 >

1 Erga Hisqiyaas waan kana hunda amanamummaadhaan hojjetee booddee Senaaheriib mootichi Asoor dhufee Yihuudaa weerare. Moʼatee isaan qabachuudhaafis magaalaawwan dallaa dhagaa qaban marse.
After all these acts of faithfulness, Sennacherib king of Assyria came and invaded Judah. He laid siege to the fortified cities, intending to conquer them for himself.
2 Hisqiyaasis yommuu akka Senaaheriib dhufee Yerusaalemin loluu barbaade argetti,
When Hezekiah saw that Sennacherib had come to make war against Jerusalem,
3 burqaa bishaanii kan magaalaan ala jiru cufuuf qondaaltota isaa fi loltoota isaa wajjin mariʼate; isaanis isa gargaaran.
he consulted with his leaders and commanders about stopping up the waters of the springs outside the city, and they helped him carry it out.
4 Namoonni akka malee hedduun walitti qabamanii, “Mootonni Asoor maaliif dhufanii bishaan baayʼee argatan?” jedhanii burqaawwanii fi lageen biyya sana keessa yaaʼan hunda ni cufan.
Many people assembled and stopped up all the springs and the stream that flowed through the land. “Why should the kings of Assyria come and find plenty of water?” they said.
5 Ergasii mootichi jabaatee hojjechuudhaan dallaawwan dhagaa kanneen jijjigan hunda dhaabuudhaan gamoowwan eegumsaa achi irratti ijaare. Isaan alatti immoo dallaawwan biraa ijaaree daangaa Magaalaa Daawit cimse. Akkasumas miʼoota lolaa fi gaachanawwan baayʼee hojjete.
Then Hezekiah worked resolutely to rebuild all the broken sections of the wall and to raise up towers on it. He also built an outer wall and reinforced the supporting terraces of the City of David, and he produced an abundance of weapons and shields.
6 Innis ajajjoota loltootaa uummata irratti muudee oobdii karra magaalaa irratti fuula isaa duratti walitti qabee akkana jedhee isaan jajjabeesse;
Hezekiah appointed military commanders over the people and gathered the people in the square of the city gate. Then he encouraged them, saying,
7 “Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii.
“Be strong and courageous! Do not be afraid or discouraged before the king of Assyria and the vast army with him, for there is a greater One with us than with him.
8 Kan isa wajjin jiru humna foonii qofaa dha; kan nu wajjin jiru garuu Waaqayyo Waaqa keenya isa nu gargaaruu fi isa lola keenya nuuf loluu dha.” Uummanni dubbii Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin jajjabaate.
With him is only the arm of flesh, but with us is the LORD our God to help us and to fight our battles.” So the people were strengthened by the words of Hezekiah king of Judah.
9 Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge:
Later, as Sennacherib king of Assyria and all his forces besieged Lachish, he sent his servants to Jerusalem with a message for King Hezekiah of Judah and all the people of Judah who were in Jerusalem:
10 “Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte?
“This is what Sennacherib king of Assyria says: What is the basis of your confidence, that you remain in Jerusalem under siege?
11 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo Waaqni keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii?
Is not Hezekiah misleading you to give you over to death by famine and thirst when he says, ‘The LORD our God will deliver us from the hand of the king of Assyria?’
12 Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Waaqa kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii?
Did not Hezekiah himself remove His high places and His altars and say to Judah and Jerusalem, ‘You must worship before one altar, and on it you shall burn sacrifices’?
13 “Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu?
Do you not know what I and my fathers have done to all the peoples of the lands? Have the gods of these nations ever been able to deliver their land from my hand?
14 Waaqota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqni keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree?
Who among all the gods of these nations that my fathers devoted to destruction has been able to deliver his people from my hand? How then can your God deliver you from my hand?
15 Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Waaqni saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!”
So now, do not let Hezekiah deceive you, and do not let him mislead you like this. Do not believe him, for no god of any nation or kingdom has been able to deliver his people from my hand or from the hand of my fathers. How much less will your God deliver you from my hand!”
16 Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu Waaqayyo Waaqaa fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan.
And the servants of Sennacherib spoke further against the LORD God and against His servant Hezekiah.
17 Mootichis akkasuma Waaqayyo Waaqa Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, “Akkuma waaqonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse.
He also wrote letters mocking the LORD, the God of Israel, and saying against Him: “Just as the gods of the nations did not deliver their people from my hand, so the God of Hezekiah will not deliver His people from my hand.”
18 Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan.
Then the Assyrians called out loudly in Hebrew to the people of Jerusalem who were on the wall, to frighten and terrify them in order to capture the city.
19 Isaan akkuma waaʼee waaqota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Waaqa Yerusaalem dubbatan.
They spoke against the God of Jerusalem as they had spoken against the gods of the peoples of the earth—the work of human hands.
20 Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan.
In response, King Hezekiah and the prophet Isaiah son of Amoz cried out to heaven in prayer,
21 Waaqayyos ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran.
and the LORD sent an angel who annihilated every mighty man of valor and every leader and commander in the camp of the king of Assyria. So he withdrew to his own land in disgrace. And when he entered the temple of his god, some of his own sons struck him down with the sword.
22 Waaqayyo akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege.
So the LORD saved Hezekiah and the people of Jerusalem from the hands of King Sennacherib of Assyria and all the others, and He gave them rest on every side.
23 Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate.
Many brought offerings to Jerusalem for the LORD and valuable gifts for Hezekiah king of Judah, and from then on he was exalted in the eyes of all nations.
24 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise.
In those days Hezekiah became mortally ill. So he prayed to the LORD, who spoke to him and gave him a sign.
25 Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe.
But because his heart was proud, Hezekiah did not repay the favor shown to him. Therefore wrath came upon him and upon Judah and Jerusalem.
26 Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti hin dhufne.
Then Hezekiah humbled the pride of his heart—he and the people of Jerusalem—so that the wrath of the LORD did not come upon them during the days of Hezekiah.
27 Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare.
Hezekiah had very great riches and honor, and he made treasuries for his silver, gold, precious stones, spices, shields, and all kinds of valuable articles.
28 Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare.
He also made storehouses for the harvest of grain and new wine and oil, stalls for all kinds of livestock, and pens for the flocks.
29 Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate.
He made cities for himself, and he acquired herds of sheep and cattle in abundance, for God gave him very great wealth.
30 Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef.
It was Hezekiah who blocked the upper outlet of the Spring of Gihon and channeled it down to the west side of the City of David. And Hezekiah prospered in all that he did.
31 Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.
And so when ambassadors of the rulers of Babylon were sent to him to inquire about the wonder that had happened in the land, God left him alone to test him, that He might know all that was in Hezekiah’s heart.
32 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas raajicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
As for the rest of the acts of Hezekiah and his deeds of loving devotion, they are indeed written in the vision of the prophet Isaiah son of Amoz in the Book of the Kings of Judah and Israel.
33 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa awwaala sanyiiwwan Daawititti gaara irratti awwaalame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
And Hezekiah rested with his fathers and was buried in the upper tombs of David’s descendants. All Judah and the people of Jerusalem paid him honor at his death. And his son Manasseh reigned in his place.

< 2 Seenaa 32 >