< 2 Seenaa 31 >

1 Yommuu wanni kun hundi xumurametti Israaʼeloonni achi turan gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqanii dhagaawwan waaqeffannaa caccabsan; siidaawwan Aasheeraa ni kukkutan. Iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa kanneen Yihuudaa, Beniyaam, Efreemii fi Minaasee keessa turan hunda ni balleessan. Israaʼeloonnis erga waan kana hunda balleessanii booddee gara magaalaawwanii fi qabeenya isaaniitti deebiʼan.
و چون این همه تمام شد، جمیع اسرائیلیانی که در شهرهای یهوداحاضر بودند بیرون رفته، تمثالها را شکستند واشیریم را قطع نمودند و مکانهای بلند و مذبحهارا از تمامی یهودا و بنیامین و افرایم و منسی بالکل منهدم ساختند. پس تمامی بنی‌اسرائیل هرکس به ملک خویش به شهرهای خود برگشتند.۱
2 Hisqiyaasis tokkoo tokkoo isaanii akka isaan akkuma hojii lubummaa isaaniitti yookaan akkuma hojii Lewwummaa isaaniitti aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessaniif, akka isaan karra iddoo Waaqayyo jiraatuu duratti tajaajilaniif, akka isaan galata galchanii fi akka isaan faarfannaa galataa faarfataniif lubootaa fi Lewwota garee gareedhaan ramade.
و حزقیا فرقه های کاهنان و لاویان، رابرحسب اقسام ایشان قرار داد که هر کس ازکاهنان و لاویان موافق خدمت خود برای قربانی های سوختنی و ذبایح سلامتی و خدمت وتشکر و تسبیح به دروازه های اردوی خداوندحاضر شوند.۲
3 Mootichis akkuma Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanatti, aarsaa gubamu kan ganamaa fi galgalaa akkasumas aarsaa gubamu kan Sanbatootaa, Ayyaana Baatiiwwan Haaraa fi guyyaa ayyaana murteeffameetiif qabeenya ofii isaa irraa ni kenne.
و حصه پادشاه را از اموال خاصش برای قربانی های سوختنی معین کرد، یعنی برای قربانی های سوختنی صبح و شام وقربانی های سوختنی سبت‌ها و هلالها و موسمهابرحسب آنچه در تورات خداوند مکتوب بود.۳
4 Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera Waaqayyootiif of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje.
وبه قومی که در اورشلیم ساکن بودند، امر فرمود که حصه کاهنان و لاویان را بدهند تا به شریعت خداوند مواظب باشند.۴
5 Akkuma ajajni sun baʼeenis Israaʼeloonni mataa midhaan isaanii kan jalqabaa irraa, daadhii wayinii haaraa irraa, zayitii fi damma irraa akkasumas waan lafa qotiisaa irraa argamu hunda irraa arjummaadhaan kennan. Waan hunda irraa harka kudhan keessaa harka tokko guddisanii ni fidan.
و چون این امر شایع شد، بنی‌اسرائیل نوبر گندم و شیره و روغن وعسل و تمامی محصول زمین را به فراوانی دادند وعشر همه‌چیز را به کثرت آوردند.۵
6 Namoonni Israaʼelii fi Yihuudaa warri magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatanis loonii fi bushaayee isaanii irraa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas waan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif qulqulleeffame irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni fidan; ni tuulanis.
وبنی‌اسرائیل و یهودا که در شهرهای یهودا ساکن بودند نیز عشر گاوان و گوسفندان و عشرموقوفاتی که برای یهوه خدای ایشان وقف شده بود آورده، آنها را توده توده نمودند.۶
7 Isaanis hojii kana jiʼa sadaffaatti jalqabanii jiʼa torbaffaatti fixan.
و در ماه سوم به ساختن توده‌ها شروع نمودند، و در ماه هفتم آنها را تمام کردند.۷
8 Hisqiyaasii fi qondaaltonni isaa yommuu dhufanii tuullaawwan sana arganitti Waaqayyoon ni galateeffatan; saba isaa Israaʼelinis ni eebbisan.
و چون حزقیا وسروران آمدند و توده‌ها را دیدند، خداوند رامتبارک خواندند و قوم او اسرائیل را مبارک خواندند.۸
9 Hisqiyaasis waaʼee tuullaa sanaa lubootaa fi Lewwota gaafate;
و حزقیا درباره توده‌ها از کاهنان ولاویان سوآل نمود.۹
10 maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii Waaqayyo saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.”
و عزریا رئیس کهنه که ازخاندان صادوق بود او را جواب داد و گفت: «ازوقتی که قوم به آوردن هدایا برای خانه خداوندشروع کردند، خوردیم و سیر شدیم و بسیاری باقی گذاشتیم، زیرا خداوند قوم خود را برکت داده است و آنچه باقی‌مانده است، این مقدارعظیم است.»۱۰
11 Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan.
پس حزقیا امر فرمود که انبارها در خانه خداوند مهیا سازند و مهیا ساختند.۱۱
12 Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture.
و هدایا وعشرها و موقوفات را در آنها در مکان امانت گذاشتند و کوننیای لاوی بر آنها رئیس بود وبرادرش شمعی ثانی اثنین.۱۲
13 Yehiiʼeel, Azaziyaa, Nahaati, Asaaheel, Yeriimooti, Yoozaabaad, Eliiʼeel, Yismakiyaa, Mahatii fi Benaayaa, Konaneyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii jalatti toʼattoota taʼanii Hisqiyaas mootichaa fi Azaariyaa itti gaafatamaa mana qulqullummaa Waaqaatiin muudaman.
و یحیئیل و عزریاو نحت و عسائیل و یریموت و یوزاباد و ایللئیل ویسمخیا و محت و بنایا برحسب تعیین حزقیاپادشاه و عزریا رئیس خانه خدا زیر دست کوننیاو برادرش شمعی وکلاء شدند.۱۳
14 Qooraahi ilmi Yimnaa Lewwichi, eegduun Karra Baʼaa sun kennaa fedhiidhaan Waaqaaf kenname irratti, akkasumas buusii Waaqayyoof godhamee fi kennaawwan qulqulleeffaman qooduu irratti itti gaafatamummaa qaba ture.
و قوری ابن یمنه لاوی که دربان دروازه شرقی بود ناظر نوافل خدا شد تا هدایای خداوند و موقوفات مقدس راتقسیم نماید.۱۴
15 Eeden, Miiniyaamiin, Yeeshuuʼaan, Shemaaʼiyaan, Amariyaa fi Shekaaniyaan magaalaawwan lubootaa keessatti luboota michoota isaaniitiif guddaa fi xinnaa akkuma tokkotti garee garee isaaniitti isaaniif qooduudhaan amanamummaadhaan isa gargaaran.
و زیردست او عیدن و منیامین ویشوع و شمعیا و امریا و شکنیا در شهرهای کاهنان به وظیفه های امانتی مقرر شدند تا به برادران خود، خواه بزرگ و خواه کوچک، برحسب فرقه های ایشان برسانند.۱۵
16 Kana malees dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi sanaa ol taʼe kanneen maqaan isaanii galmee hidda dhalootaa keessa jiru warra akkuma itti gaafatamummaa isaanii fi ramaddii isaaniitti qooda hojii isaanii kan guyyaa guyyaa hojjetamu hojjechuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu dandaʼan hundaaf akkasuma ni qoodan.
علاوه برحصه یومیه ذکوری که در نسب نامه‌ها شمرده شده بودند، از سه ساله و بالاتر یعنی همه آنانی که به خانه خداوند داخل می‌شدند، برای خدمت های ایشان در وظیفه های ایشان برحسب فرقه های ایشان.۱۶
17 Luboota maatii isaaniitiin galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffamanii fi Lewwota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼeefis akkuma itti gaafatamummaa fi qooda hojii isaaniitti ni ramadaniif.
(و حصه ) آنانی که در نسب نامه‌ها شمرده شده بود، از کاهنان برحسب خاندان آبای ایشان و از لاویان از بیست ساله وبالاتر در وظیفه های ایشان برحسب فرقه های ایشان.۱۷
18 Luboonni kunneen ijoollee isaanii xixinnoo, niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii kanneen waldaa guutuu keessa jiran hunda wajjin ni galmeeffaman; isaan of qulqulleessuudhaan amanamoo turaniitii.
و (حصه ) جمیع اطفال و زنان و پسران و دختران ایشان که در تمامی جماعت درنسب نامه‌ها شمرده شده بودند، پس دروظیفه های امانتی خود خویشتن را تقدیس نمودند.۱۸
19 Luboota sanyiiwwan Aroon kanneen lafa qotiisaa naannoo magaalaawwan isaanii yookaan magaalaawwan biraa keessa jiraataniif, dhiirota garee isaanii kanneen galmee hidda dhaloota Lewwotaa keessatti galmeeffaman hundaaf akka qoodaniif namoonni filatamanii turan.
و نیز برای پسران هارون کهنه که درزمینهای حوالی شهرهای خود ساکن بودند، کسان، شهر به شهر به نامهای خود معین شدند تابه همه ذکوران کهنه و به همه لاویانی که درنسب نامه‌ها شمرده شده بودند حصه‌ها بدهند.۱۹
20 Hisqiyaas waan kana guutummaa Yihuudaa keessatti ni hojjete; innis waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii, qajeelaa fi amanamaa taʼe ni hojjete.
پس حزقیا در تمامی یهودا به اینطور عمل نمود و آنچه در نظر یهوه خدایش نیکو و پسند وامین بود بجا آورد.۲۰
21 Innis mana qulqullummaa Waaqaa keessa hojjechuunis taʼu, seeraa fi ajajawwaniif ajajamuudhaan waan hojjete hunda keessatti Waaqa isaa barbaaduudhaaf garaa isaa guutuudhaan ni hojjete; kanaafuu inni ni milkaaʼe.
و در هر کاری که در خدمت خانه خدا و در شرایع و اوامر برای طلبیدن خدای خود اقدام نمود آن را به تمامی دل خود به عمل آورد و کامیاب گردید.۲۱

< 2 Seenaa 31 >