< 2 Seenaa 29 >

1 Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
Ézéchias devint roi à l’âge de vingt cinq ans, et il régna vingt-neuf ans à Jérusalem. Sa mère s’appelait Abia, fille de Zacharias.
2 Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
Il fit ce qui est droit aux yeux de Yahweh, selon tout ce qu’avait fait David, son père.
3 Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoo ni bane; ni haaromses.
La première année de son règne, le premier mois, il ouvrit les portes de la maison de Yahweh et il les répara.
4 Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee
Il fit venir les prêtres et les lévites et, les ayant réunis sur la place orientale,
5 akkana jedheen; “Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa.
il leur dit: « Écoutez-moi, lévites! Sanctifiez-vous maintenant, sanctifiez la maison de Yahweh, le Dieu de vos pères, et faites sortir du sanctuaire ce qui est impur.
6 Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya Waaqayyoo irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan.
Car nos pères ont péché, ils ont fait ce qui est mal aux yeux de Yahweh, notre Dieu, ils l’ont abandonné, ils ont détourné leur visage de la demeure de Yahweh et lui ont tourné le dos.
7 Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Waaqa Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine.
Ils ont même fermé les portes du portique et éteint les lampes, et ils n’ont pas fait brûler de parfums ni offert d’holocaustes dans le sanctuaire au Dieu d’Israël.
8 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe.
Et la colère de Yahweh a été sur Juda et Jérusalem, et il en a fait un objet de terreur, de stupeur et de moquerie, comme vous le voyez de vos yeux;
9 Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma.
et voici qu’à cause de cela, nos pères sont tombés par l’épée, et nos fils, nos filles et nos femmes sont en captivité.
10 Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera.
Maintenant, j’ai l’intention de faire alliance avec Yahweh, le Dieu d’Israël, pour que l’ardeur de sa colère se détourne de nous.
11 Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; Waaqayyo akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii.”
Maintenant, mes enfants, ne soyez plus négligents; car c’est vous que Yahweh a choisis pour vous tenir devant lui à son service, pour être ses serviteurs et pour lui offrir des parfums. »
12 Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis: Ilmaan Qohaatotaa keessaa, Mahat ilma Amaasaayii fi Yooʼeel ilma Azaariyaa; ilmaan Meraarotaa keessaa, Qiish ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaleliʼeel; ilmaan Geershoonotaa keessaa, Yooʼak ilma Zimaa fi Eeden ilma Yooʼaa;
Alors les lévites se levèrent: Mahath, fils d’Amasaï, Joël, fils d’Azarias, des fils des Caathites; des fils de Mérari, Cis fils d’Abdi, Azarias, fils de Jalaléel; des Gersonites, Joah, fils de Zemma, Eden, fils de Joah;
13 ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa, Shimrii fi Yeʼiiʼeel; ilmaan Asaaf keessaa, Zakkaariyaasii fi Mataaniyaa;
des fils d’Elisaphan, Samri et Jahiel; des fils d’Asaph, Zacharias et Mathanias;
14 ilmaan Heemaan keessaa, Yehiiʼeelii fi Shimeʼii; ilmaan Yeduutuun keessaa, Shemaaʼiyaa fi Uziiʼeel.
des fils d’Héman, Jahiel et Seméï; et des fils d’Idithun, Séméïas et Oziel.
15 Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii Waaqayyootti isaan ajajetti mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan.
Ils réunirent leurs frères et, après s’être sanctifiés, ils vinrent, selon l’ordre du roi, d’après les paroles de Yahweh, pour purifier la maison de Yahweh.
16 Luboonnis mana Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa Waaqayyootti gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan.
Les prêtres entrèrent dans l’intérieur de la maison de Yahweh pour la purifier; ils firent sortir dans le parvis de la maison de Yahweh toutes les impuretés qu’ils trouvèrent dans le temple de Yahweh, et de là les lévites les prirent pour les emporter dehors à la vallée de Cédron.
17 Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo Waaqayyoo bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan.
Ils commencèrent à purifier le premier jour du premier mois; le huitième jour du mois, ils entrèrent dans le portique de Yahweh, et ils mirent huit jours à purifier la maison de Yahweh; le seizième jour du premier mois, ils avaient achevé.
18 Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; “Nu guutummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra.
Ils se rendirent ensuite chez le roi Ézéchias et dirent: « Nous avons purifié toute la maison de Yahweh, l’autel des holocaustes et tous ses ustensiles, et la table de proposition et tous ses ustensiles.
19 Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo dura jiru.”
Et tous les ustensiles que le roi Achaz avait profanés pendant son règne, lors de ses transgressions, nous les avons remis en état et purifiés; ils sont devant l’autel de Yahweh. »
20 Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe.
Le roi Ézéchias, s’étant levé de bon matin, assembla les chefs de la ville et monta à la maison de Yahweh.
21 Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Aroon sana ni ajaje.
Ils présentèrent sept taureaux, sept béliers, sept agneaux et sept boucs, en sacrifice pour le péché, pour le royaume, pour le sanctuaire et pour Juda. Le roi dit aux prêtres, fils d’Aaron, de les offrir sur l’autel de Yahweh.
22 Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan.
Ils immolèrent les bœufs, et les prêtres recueillirent le sang, qu’ils répandirent sur l’autel; ils immolèrent les béliers, et répandirent le sang sur l’autel; ils immolèrent les agneaux, et répandirent le sang sur l’autel.
23 Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan.
Puis ils firent approcher les boucs pour le péché devant le roi et l’assemblée, et tous posèrent la main sur eux.
24 Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan.
Les prêtres les égorgèrent et avec leur sang ils firent l’expiation à l’autel, faisant l’expiation pour tout Israël; car c’était pour tout Israël que le roi avait ordonné l’holocauste et le sacrifice pour le péché.
25 Innis akkuma Daawitii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan raajichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa Waaqayyootti ramade; kunis ajaja Waaqayyo karaa raajota isaatiin kennee dha.
Il fit placer les lévites dans la maison de Yahweh avec des cymbales, des cithares et des harpes, selon l’ordre de David, de Gad, le voyant du roi, et de Nathan le prophète; car cet ordre venait de Yahweh, par l’organe de ses prophètes.
26 Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawit, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan.
Les lévites prirent place avec les instruments de David, et les prêtres avec les trompettes.
27 Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawit mooticha Israaʼeliin Waaqayyoof faarfatamus ni jalqabame.
Et Ézéchias dit d’offrir l’holocauste, sur l’autel. Au moment où commença l’holocauste, commencèrent aussi le chant de Yahweh et le son des trompettes, accompagnés avec les instruments de David, roi d’Israël.
28 Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe.
Toute l’assemblée se prosterna, on chanta le cantique et l’on sonna des trompettes, le tout jusqu’à ce que l’holocauste fut achevé.
29 Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan.
Quand l’holocauste fut achevé, le roi et tous ceux qui étaient avec lui fléchirent le genou et adorèrent.
30 Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawitii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin Waaqayyoon galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan.
Le roi Ézéchias et les chefs dirent aux lévites de célébrer Yahweh avec les paroles de David et d’Asaph le voyant, et ils célébrèrent avec joie, et, s’inclinant, ils adorèrent.
31 Ergasiis Hisqiyaas, “Isin amma Waaqayyoof of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa Waaqayyootti galchaa” jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan.
Alors Ézéchias prit la parole et dit: « Maintenant, vous vous êtes consacrés de nouveau à Yahweh, approchez-vous, présentez des sacrifices et des actions de grâce dans la maison de Yahweh. » Et l’assemblée présenta des sacrifices et des actions de grâces, et tous ceux dont le cœur était généreux offrirent des holocaustes.
32 Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii Waaqayyoof dhiʼeeffaman.
Le nombre des holocaustes qu’offrit l’assemblée fut de soixante dix bœufs, cent béliers et deux cents agneaux: tout cela pour un holocauste à Yahweh.
33 Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture.
On consacra en outre six cents bœufs et trois mille brebis.
34 Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii.
Mais les prêtres, étant en petit nombre, ne purent dépouiller tous les holocaustes; leurs frères, les lévites, les aidèrent jusqu’à ce que l’ouvrage fut fini et jusqu’à ce que les autres prêtres se fussent sanctifiés, car les lévites avaient mis plus de sincérité de cœur que les prêtres à se sanctifier.
35 Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture. Akkasiin tajaajilli mana qulqullummaa Waaqayyoo akka duriitti deebiʼe.
Il y avait d’ailleurs beaucoup d’holocaustes, outre les graisses des sacrifices pacifiques et les libations pour les holocaustes. Ainsi fut rétabli le service de la maison de Yahweh.
36 Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Waaqni saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii.
Ezéchias et tout le peuple se réjouirent de ce que Dieu avait préparé pour le peuple, car la chose s’était faite subitement.

< 2 Seenaa 29 >