< 2 Seenaa 28 >
1 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
Ahazi alikuwa na miaka ishirini alipoanza kutawala. Akatawala huko Yerusalemu kwa miaka kumi na sita. Tofauti na Daudi baba yake, hakufanya yaliyo mema machoni pa Bwana.
2 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche.
Akaenenda katika njia za wafalme wa Israeli, na pia akasubu sanamu kwa ajili ya kuabudu Mabaali.
3 Inni gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
Akatoa sadaka za kuteketezwa katika Bonde la Ben-Hinomu, na kuwatoa wanawe kafara kwa kuwateketeza kwa moto, akifuata njia za machukizo za yale mataifa Bwana aliyoyafukuza humo mbele ya Waisraeli.
4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
Akatoa sadaka na kufukiza uvumba katika mahali pa juu pa kuabudia miungu, juu ya vilima, na chini ya kila mti uliotanda.
5 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan. Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe.
Kwa hiyo Bwana Mungu wake akamtia mikononi mwa mfalme wa Aramu. Waaramu wakamshinda, wakachukua watu wake wengi mateka na kuwaleta mpaka Dameski. Tena alitiwa mikononi mwa mfalme wa Israeli, ambaye aliwaua watu wake wengi.
6 Sababii sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe.
Kwa siku moja Peka mwana wa Remalia aliwaua askari 120,000 katika Yuda, kwa kuwa Yuda walikuwa wamemwacha Bwana, Mungu wa baba zao.
7 Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese.
Zikri, askari shujaa Mwefraimu, akamuua Maaseya mwana wa mfalme, Azrikamu mkuu wa jumba la kifalme na Elikana aliyekuwa wa pili kwa mfalme.
8 Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan.
Waisraeli wakawachukua mateka kutoka ndugu zao, watu wapatao 200,000 hawa wakiwa ni wanawake, watoto wa kiume na wa kike. Wakachukua pia kiasi kikubwa cha nyara, ambazo walirudi nazo Samaria.
9 Garuu raajiin Waaqayyoo kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma samiitti ol fagaatuun isaan ni fixxan.
Lakini kulikuwako huko nabii wa Bwana aliyeitwa Odedi, akaondoka ili kukutana na jeshi liliporejea Samaria. Akawaambia, “Kwa kuwa Bwana, Mungu wa baba zenu, aliwakasirikia Yuda, aliwatia mikononi mwenu. Lakini mmewachinja kwa hasira ambayo imefika hadi mbinguni.
10 Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree?
Nanyi sasa mnakusudia kuwafanya wanaume na wanawake wa Yuda na Yerusalemu watumwa wenu. Lakini ninyi je, hamna pia hatia ya dhambi mliyotenda dhidi ya Bwana Mungu wenu?
11 Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa.”
Basi nisikilizeni! Mkawarudishe mateka mliowachukua kutoka kwa ndugu zenu, kwa kuwa hasira kali ya Bwana iko juu yenu.”
12 Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan
Ndipo baadhi ya viongozi katika Efraimu, yaani, Azaria mwana wa Yehohanani, Berekia mwana wa Meshilemothi, Yehizkia mwana wa Shalumu na Amasa mwana wa Hadlai, wakakubaliana na huyo nabii, hivyo wakawapinga wale waliokuwa wanawasili kutoka vitani.
13 akkana jedhan; “Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula Waaqayyoo duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii.”
Wakamwambia, “Hamna ruhusa kuwaleta hao wafungwa hapa, ama sivyo tutakuwa na hatia mbele za Bwana. Je, mnataka kuongezea dhambi yetu na hatia yetu? Kwa sababu hatia yetu tayari ni kubwa, nayo hasira kali ya Bwana iko juu ya Israeli.”
14 Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan.
Hivyo wale askari wakawaacha wale mateka pamoja na nyara mbele ya hao maafisa na kusanyiko lote.
15 Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan.
Kisha watu waliotajwa kwa majina wakawachukua wale mateka na kutoka zile nyara, wakachukua mavazi wakawavika wale wafungwa wote waliokuwa uchi. Wakawapatia nguo na viatu, chakula na cha kunywa, wakawapa matibabu, wote waliokuwa dhaifu miongoni mwao wakawapandisha juu ya punda, wakawaleta ndugu zao mpaka Yeriko, ndio Mji wa Mitende, kisha wakarudi Samaria.
16 Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate.
Wakati ule, Mfalme Ahazi akatuma wajumbe kwa mfalme wa Ashuru kuomba msaada.
17 Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii;
Waedomu walikuwa wamekuja tena na kuwashambulia Yuda na kuchukua mateka.
18 Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan.
Pia Wafilisti walikuwa wameshambulia miji iliyokuwa chini ya vilima na katika miji ya Negebu ya Yuda. Nao wakawa wametwaa Beth-Shemeshi, Aiyaloni, Gederothi, Soko pamoja na vijiji vyake, Timna pamoja na vijiji vyake, Gimzo pia pamoja na vijiji vyake na kuishi humo.
19 Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo Waaqayyoof amanamuu dideef Waaqayyo Yihuudaa ni salphise.
Bwana aliishusha Yuda kwa sababu ya Ahazi mfalme wa Israeli, kwa kuwa alikuwa ameongeza uovu katika Yuda na kumkosea Bwana mno.
20 Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide.
Hivyo Tiglath-Pileseri mfalme wa Ashuru akaja kumtesa badala ya kumsaidia.
21 Aahaaz mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre.
Ahazi akachukua baadhi ya vitu kutoka Hekalu la Bwana, jumba la kifalme na kutoka kwa wakuu wake na kumpa mfalme wa Ashuru kama ushuru, lakini hilo halikumsaidia.
22 Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee Waaqayyoof amanamuu ni dide.
Katika wakati wake wa mateso Mfalme Ahazi akazidi kukosa uaminifu kwa Bwana.
23 Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan.
Akatoa kafara kwa miungu ya Dameski, waliokuwa wamemshinda, kwa kuwa aliwaza, “Kwa kuwa miungu ya mfalme wa Aramu imewasaidia wao, nitaitolea dhabihu ili inisaidie na mimi.” Lakini haya ndiyo yaliyokuwa maangamizi yake na Israeli wote.
24 Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoos cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe.
Ahazi akakusanya pamoja vyombo vya nyumba ya Mungu na kuvivunja vipande vipande. Akafunga milango ya Hekalu la Bwana na kusimamisha madhabahu katika kila njia panda ya barabara za Yerusalemu.
25 Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.
Katika kila mji wa Yuda akajenga mahali pa juu pa kuabudia miungu ili kutolea miungu mingine kafara za kuteketezwa na kuchochea hasira ya Bwana, Mungu wa baba zake.
26 Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
Matukio mengine ya utawala wake na njia zake nyingine zote, tangu mwanzo hadi mwisho, zimeandikwa katika kitabu cha wafalme wa Yuda na Israeli.
27 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Ahazi akalala na baba zake na akazikwa katika Mji wa Yerusalemu, lakini hawakumleta kwenye makaburi ya wafalme wa Israeli. Naye Hezekia mwanawe akawa mfalme baada yake.