< 2 Seenaa 27 >

1 Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte.
Jotam var tjugufem år gammal när han blev konung, och han regerade sexton år i Jerusalem. Hans moder hette Jerusa, Sadoks dotter.
2 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan.
Han gjorde vad rätt var i HERRENS ögon, alldeles såsom hans fader Ussia hade gjort, vartill kom att han icke trängde in i HERRENS tempel; men folket gjorde ännu vad fördärvligt var.
3 Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare; dallaa dhagaa kan gaara Oofeel irrattis hojiiwwan ijaarsaa baayʼee ni hojjete.
Han byggde Övre porten till HERRENS hus, och på Ofelmuren utförde han stora byggnadsarbeten.
4 Gaarran Yihuudaa irratti magaalaawwan, bosona keessatti immoo daʼannoowwanii fi gamoowwan ni ijaare.
Därtill byggde han städer i Juda bergsbygd, och i skogarna byggde han borgar och torn.
5 Yootaamis mootii Amoonotaa waraanee isaan ni moʼate. Waggaa sana keessa Amoononni meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu safartuu qoroosii kuma kudhan ni kennaniif. Amoononni waggaa lammaffaa fi waggaa sadaffaattis hammasuma ni kaffalaniif.
Och när han så kom i strid med Ammons barns konung, blev han dem övermäktig, så att Ammons barn det året måste giva honom ett hundra talenter silver, tio tusen korer vete och tio tusen korer korn. Lika mycket måste Ammons barn erlägga åt honom också nästa år och året därpå.
6 Yootaam sababii fuula Waaqayyo Waaqa isaa dura amanamummaan deddeebiʼeef jabaachaa deeme.
Så mäktig blev Jotam, därför att han vandrade ståndaktigt inför HERREN, sin Gud.
7 Wantoonni bara Yootaam keessa hojjetaman biraa, lola inni lolee fi wantoonni inni hojjete biraa kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru.
Vad nu mer är att säga om Jotam och om alla hans krig och andra företag, det finnes upptecknat i boken om Israels och Juda konungar.
8 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche.
Han var tjugufem år gammal, när han blev konung, och han regerade sexton år i Jerusalem.
9 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Och Jotam gick till vila hos sina fäder, och man begrov honom i Davids stad. Och hans son Ahas blev konung efter honom.

< 2 Seenaa 27 >