< 2 Seenaa 24 >

1 Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
Yoashi alikuwa na umri wa miaka saba alipoanza kutawala; akatawala kwa mika arobaini katika Yerusalemu. Jina la mama yake aliitwa Sibia wa Beer-sheba.
2 Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
Yoashi alifanya yaliyo mema katika macho ya Yahwe siku zote za Yehoyada, yule kuhani.
3 Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche.
Yehoyada akajichukulia wake wawili kwa ajili yake, na akawa baba wa wana na mabinti.
4 Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuuf murteesse.
Ikawa baada ya haya, kwamba Yoashi aliamua kuitengeneza nyumba ya Yahwe.
5 Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone.
Akawakusanya pamoja makuhani na Walawi, na kusema kwao, “Nendeni nje kila mwaka kwenye miji ya Yuda na kukusanya fedha kutoka Israeli yote kwa ajili ya kuikarabati nyumba ya Mungu wenu. Hakikisheni kwamba mnaanza haraka.” Walawi hawakufanya kitu kwanza.
6 Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi Waaqayyoo fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen.
Kwa hiyo mfalme akamuita Yehoyada, yule kuhani, na kumwambia, “Kwa nini hukuwaagiza Walawi kuleta kutoka Yud na Yerusalemu kodo iliyoagizwa na Musa mtumishi wa Yahwe na kusanyiko la Israeli, kwa ajili ya amri za hema ya agano?”
7 Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman.
Kwa maana wana wa Athalia, yule mwanamke muovu, walikuwa wameivunja nyumba ya Mungu na kuwapa Mabaali vitu vyote vitakatifu vya nyumba ya Yahwe.
8 Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira kaaʼan ni ajaje.
Kwa hiyo mfalme aliamuru, na wakatengeneza kasha na kulileta nje kwenye lango kwenye nyumba ya Yahwe.
9 Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Waaqayyoof fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe.
Kisha wakafanya tangazo katika Yuda na Yerusalemu, kwa ajili ya watu kuleta kwa Yahwe kodi aliyoiagiza Musa mtumishi wa Mungu juu ya Israeli jangwani.
10 Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan.
Viongozi wote na watu wote wakafurahia na wakaleta fedha na kuiweka kwenye kasha hadi walipomaliza kulijaza.
11 Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban.
Ikatokea kwamba kila lilipoletwa kasha kwa mikono ya Walawi kwa wakuu wa mfalme, na kila walipoona kwamba kulikuwa na fedha nyingi sana ndani yake, waandishi wa mfalme na mkuu wa kuhani mkuu walikuja, kulihamishia fedha kasha, na kulirudisha sehemu yake. Walifanya hivyo siku baada siku, wakikusanya kiasi kikubwa cha fedha.
12 Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Waaqayyoo hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran.
Mfalme na Yehoyada akawapa zile fedha wale waliofanya kazi ya kuhudumu katika nyumba ya Yahwe, Watu hawa waliwaajiri waashi na maseremala ili waijenge nyumba ya Yahwe, na pia wale waliofanya kazi katika chuma na shaba.
13 Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis.
Kwa hiyo wafanya kazi wakafanya kazi, na kazi ya kukarabati ikasonga mbele mikononi mwao; waakaisimamisha nyumba ya Mungu katika hali yake halisi na kuiimarisha.
14 Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan.
Walipomaliza, wakaleta fedha zilizobaki kwa mfalme na Yehoyada. Fedha hizo zilitumika kutengenezea samani kwa ajili ya nyumba ya Yahwe, vyombo vya huduma na kutolea dhabihu—vijiko na vyombo vya dhahabu na fedha. Wakatoa sadaka za kuteketezwa bila kukomaa katika nyumba ya Yahwe kwa siku zote za Yehoyada.
15 Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe.
Yehoyada akazeeka na alaaikuwa amejaa siku, na kisha akafa; alikuwa na umri wa mika 130 alipokufa.
16 Innis sababii Israaʼel keessatti Waaqaa fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawit keessatti mootota biratti ni awwaalame.
Wakamzika katika aamji wa Daudi miongoni mwa wafalme, kwa sababu alikuwa amefanya mema katika Israeli, kwa Mungu, na kwa ajili ya nyumba ya Mungu,
17 Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate.
Sasa baada ya kifo cha Yehoyada, kiongozi wa Yuda akaja na kutoa heshima kwa mfalme. Kisha mfalme akawasikiliza.
18 Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe.
Wakaiacha nyumba ya Yahwe, Mungu wa babu zao, na kuwaabudu miungu na maashera na sanamu. Ghadhabu ya Mungu ikaja juu ya Yuda na Yerusalemu kwa sababau ya hili kosa lao.
19 Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif Waaqayyo raajota isaanitti erge; raajonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne.
Bado akatuma manabii kwao ili kuwaleta tena kwake, Yahwe, manabii wakatangaza juu ya watu, lakini walipuuza kusikiliza.
20 Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Waaqayyoo eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Waaqayyoon dhiiftaniif innis isin dhiiseera’” jedheen.
Roho wa Mungu akaja juu ya Zekaria mwana wa Yehoyada, yule kuhani; Zekaria akasimama juu ya watu na kusema kwao, “Mungu anasema hivi: Kwa nini mnazivunja amri za Yahwe, ili kwamba msifanikiwe? Kwa kuwa mmemsahau Yahwe, pia amewasahau ninyi.”
21 Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan.
Lakini wakapanga njama dhidi yake; kwa amri ya mfalme, wakampiga kwa mawe katika uwanja wa nyumba ya Yahwe.
22 Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “Waaqayyo waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe.
Katika namna hii hii, Yoashi, yule mfalme, akapuuza ukarimu ambao Yehoyada, baba yake Zekaria, alikuwa amemfanyia.
23 Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan.
Ikawa karibu mwisho wa mwaka, kwamba jeshi la Aramu wakaja juu yake Yoashi. Wakaja Yuda na Yerusalemu; wakawaua viongozi wote wa watu na kupeleka nyara zote kutoka kwao kwa mfalme wa Dameski.
24 Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee Waaqayyo loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame.
Jeshsi la Waaramu walikuwa wamekuja na jeshi dogo, lakini Yahwe akawapa ushindi juu ya jeshi kubwa, kwa sababu Yuda alikuwa amemsahau Yahwe, Mungu wa babu zao. Katika namna hii Waaramu wakaleta hukumu juu ya Yoashi.
25 Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne.
Katika muda ambao Waaramu walikuwa wameondoka, Yoashi alikuwa amejeruhiwa vikali. Watumishi wake wakapanga njama dhidi yake kwa sababu ya mauaji ya wana wa Yehoyada, yule kuhani. Wakamuua katika kitanda chake, na akafa; wakamzika katika mji wa Daudi, lakini siyo katika makaburi ya wafalme.
26 Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan.
Hawa walikuwa watu waliopanaga njama dhidi yake: Zabadi mwana wa Shimeathi, Mwamoni; na Yehozabadi mwana wa Shimrithi, Mwanamke Mmoabu.
27 Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Waaqaa kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Sasa matukio kuhusu wanaye, unabii muhimu uliokuwa umesemwa kumhusu yeye, na kujengwa tena kwa nyumba ya Mungu, ona, yameandikwa katika Kamusi ya kitabu cha wafalme. Amazia mwanaye, akawa mfalme katika nafasi yake.

< 2 Seenaa 24 >