< 2 Seenaa 24 >

1 Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
Joash was seven years old when he began to reign; he reigned for forty years in Jerusalem. His mother's name was Zibiah, of Beersheba.
2 Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
Joash did what was right in the eyes of Yahweh all the days of Jehoiada, the priest.
3 Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche.
Jehoiada took for him two wives, and he became the father of sons and daughters.
4 Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuuf murteesse.
It came about after this, that Joash decided to restore the house of Yahweh.
5 Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone.
He gathered together the priests and the Levites, and he said to them, “Go out every year to the cities of Judah and gather from all Israel money to repair the house of your God. Make sure that you start right away.” The Levites did nothing at first.
6 Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi Waaqayyoo fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen.
So the king called for Jehoiada the high priest and said to him, “Why have you not required the Levites to bring in from Judah and Jerusalem the tax levied by Moses the servant of Yahweh and by the assembly of Israel for the tent of the covenant decrees?”
7 Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman.
For the sons of Athaliah, that wicked woman, had broken up the house of God and had given all the holy things of the house of Yahweh to the Baals.
8 Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira kaaʼan ni ajaje.
So the king commanded, and they made a chest and placed it outside at the entrance to the house of Yahweh.
9 Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Waaqayyoof fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe.
Then they made a proclamation through Judah and Jerusalem, for the people to bring in for Yahweh the tax that Moses the servant of God levied on Israel in the wilderness.
10 Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan.
All the leaders and all the people rejoiced and brought money in and put it into the chest until they finished filling it.
11 Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban.
It happened that whenever the chest was brought to the king's officials by the hand of the Levites, and whenever they saw that there was much money in it, the king's scribe and the high priest's official would come, empty the chest, and take it and carry it back to its place. They did this day after day, gathering large amounts of money.
12 Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Waaqayyoo hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran.
The king and Jehoiada gave the money to those who did the work of serving in the house of Yahweh. These men hired stonemasons and carpenters to restore the house of Yahweh, and also those who worked in iron and bronze.
13 Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis.
So the workmen labored, and the work of repairing went forward in their hands; they set up the house of God in its original design and strengthened it.
14 Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan.
When they finished, they brought the rest of the money to the king and Jehoiada. This money was used to make furnishings for the house of Yahweh, utensils with which to serve and make offerings—spoons and utensils of gold and silver. They offered burnt offerings in the house of Yahweh continually for all the days of Jehoiada.
15 Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe.
Jehoiada grew old and was full of days, and then he died; he was 130 years old when he died.
16 Innis sababii Israaʼel keessatti Waaqaa fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawit keessatti mootota biratti ni awwaalame.
They buried him in the city of David among the kings, because he had done good in Israel, toward God, and to God's house.
17 Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate.
Now after the death of Jehoiada, the leaders of Judah came and did honor to the king. Then the king listened to them.
18 Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe.
They forsook the house of Yahweh, the God of their ancestors, and worshiped the Asherah gods and the idols. God's anger came on Judah and Jerusalem for this wrongdoing of theirs.
19 Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif Waaqayyo raajota isaanitti erge; raajonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne.
Yet he sent prophets to them to bring them again to himself, Yahweh; the prophets testified against the people, but they refused to listen.
20 Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Waaqayyoo eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Waaqayyoon dhiiftaniif innis isin dhiiseera’” jedheen.
The Spirit of God came on Zechariah son of Jehoiada, the priest; Zechariah stood above the people and said to them, “God says this: Why do you transgress the commandments of Yahweh, so that you cannot prosper? Since you have forsaken Yahweh, he has also forsaken you.”
21 Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan.
But they plotted against him; at the king's command, they stoned him with stones in the courtyard of the house of Yahweh.
22 Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “Waaqayyo waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe.
In this manner, Joash, the king, ignored the kindness that Jehoiada, Zechariah's father, had done to him. Instead, he killed Jehoiada's son. When Zechariah was dying, he said, “May Yahweh see this and call you to account.”
23 Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan.
It came about at the end of the year, that the army of Aram came up against Joash. They came to Judah and Jerusalem; they killed all the leaders of the people and sent all the plunder from them to the king of Damascus.
24 Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee Waaqayyo loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame.
Although the army of the Arameans had come with only a few soldiers, Yahweh gave them victory over a very great army, because Judah had forsaken Yahweh, the God of their ancestors. In this way the Arameans brought judgment on Joash.
25 Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne.
By the time that the Arameans had gone, Joash had been severely wounded. His own servants plotted against him because of the murder of the sons of Jehoiada, the priest. They killed him in his bed, and he died; they buried him in the city of David, but not in the tombs of the kings.
26 Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan.
These were the persons who plotted against him: Zabad son of Shimeath, an Ammonite woman; and Jehozabad son of Shimrith, a Moabite woman.
27 Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Waaqaa kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Now the accounts about his sons, the important prophecies that were spoken about him, and the rebuilding of the house of God, see, they are written in the commentary on the book of the kings. Amaziah his son became king in his place.

< 2 Seenaa 24 >