< 2 Seenaa 20 >

1 Kana booddee Moʼaabonnii fi Amoononni Miʼuunota tokko tokko wajjin Yehooshaafaaxin loluuf dhufan.
此后,摩押人和亚扪人,又有米乌尼人,一同来攻击约沙法。
2 Namoonni tokko tokkos dhufanii, “Waraanni akka malee guddaan isaa Edoom gama Galaanaatii sitti dhufaa jira. Duulli kunis kunoo Een Gaadii lafa Hazezoon Taamaar jedhamu gaʼee jira” jedhanii Yehooshaafaaxitti himan.
有人来报告约沙法说:“从海外亚兰那边有大军来攻击你,如今他们在哈洗逊·他玛,就是隐·基底。”
3 Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef Waaqayyoon waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse.
约沙法便惧怕,定意寻求耶和华,在犹大全地宣告禁食。
4 Namoonni Yihuudaas gargaarsa Waaqayyoo barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan.
于是犹大人聚会,求耶和华帮助。犹大各城都有人出来寻求耶和华。
5 Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee
约沙法就在犹大和耶路撒冷的会中,站在耶和华殿的新院前,
6 akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, Waaqa abbootii keenyaa, ati Waaqa samii keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
说:“耶和华—我们列祖的 神啊,你不是天上的 神吗?你不是万邦万国的主宰吗?在你手中有大能大力,无人能抵挡你。
7 Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Abrahaam michuu kee sanaaf hin kenninee?
我们的 神啊,你不是曾在你民以色列人面前驱逐这地的居民,将这地赐给你朋友亚伯拉罕的后裔永远为业吗?
8 Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan:
他们住在这地,又为你的名建造圣所,说:
9 ‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’
‘倘有祸患临到我们,或刀兵灾殃,或瘟疫饥荒,我们在急难的时候,站在这殿前向你呼求,你必垂听而拯救,因为你的名在这殿里。’
10 “Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru.
从前以色列人出埃及地的时候,你不容以色列人侵犯亚扪人、摩押人,和西珥山人,以色列人就离开他们,不灭绝他们。
11 Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali.
看哪,他们怎样报复我们,要来驱逐我们出离你的地,就是你赐给我们为业之地。
12 Yaa Waaqa keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira.”
我们的 神啊,你不惩罚他们吗?因为我们无力抵挡这来攻击我们的大军,我们也不知道怎样行,我们的眼目单仰望你。”
13 Namoonni Yihuudaa hundinuu niitota isaanii, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin fuula Waaqayyoo dura dhadhaabatanii turan.
犹大众人和他们的婴孩、妻子、儿女都站在耶和华面前。
14 Yahiziiʼeel ilma Zakkaariyaas ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe.
那时,耶和华的灵在会中临到利未人亚萨的后裔—玛探雅的玄孙,耶利的曾孙,比拿雅的孙子,撒迦利雅的儿子雅哈悉。
15 Innis akkana jedhe; “Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Waaqayyo akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti.
他说:“犹大众人、耶路撒冷的居民,和约沙法王,你们请听。耶和华对你们如此说:‘不要因这大军恐惧惊惶;因为胜败不在乎你们,乃在乎 神。
16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu.
明日你们要下去迎敌,他们是从洗斯坡上来,你们必在耶鲁伊勒旷野前的谷口遇见他们。
17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’”
犹大和耶路撒冷人哪,这次你们不要争战,要摆阵站着,看耶和华为你们施行拯救。不要恐惧,也不要惊惶。明日当出去迎敌,因为耶和华与你们同在。’”
18 Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan.
约沙法就面伏于地,犹大众人和耶路撒冷的居民也俯伏在耶和华面前,叩拜耶和华。
19 Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel ni galateeffatan.
哥辖族和可拉族的利未人都起来,用极大的声音赞美耶和华以色列的 神。
20 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, “Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii Waaqayyo Waaqa keessan amanadhaa; raajota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii” jedhe.
次日清早,众人起来往提哥亚的旷野去。出去的时候,约沙法站着说:“犹大人和耶路撒冷的居民哪,要听我说:信耶和华—你们的 神就必立稳;信他的先知就必亨通。”
21 Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii, “Waaqayyoon galateeffadhaa; jaalalli isaa bara baraan jiraataatii” jechaa Waaqayyoon faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.
约沙法既与民商议了,就设立歌唱的人,颂赞耶和华,使他们穿上圣洁的礼服,走在军前赞美耶和华说:“当称谢耶和华,因他的慈爱永远长存!”
22 Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Waaqayyo namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.
众人方唱歌赞美的时候,耶和华就派伏兵击杀那来攻击犹大人的亚扪人、摩押人,和西珥山人,他们就被打败了。
23 Namoonni Amoonii fi Moʼaab namoota Tulluu Seeʼiir irraa dhufan guutumaan guutuutti barbadeessuudhaaf itti kaʼan. Isaanis erga namoota Seeʼiir dhufan sana fixanii booddee deebiʼanii wal fixan.
因为亚扪人和摩押人起来,击杀住西珥山的人,将他们灭尽;灭尽住西珥山的人之后,他们又彼此自相击杀。
24 Namoonni Yihuudaas yommuu iddoo gara gammoojjiitti garagalee jiru gaʼanii waraana guddaa sana ilaalanitti reeffa lafatti kufe qofa argan; namni tokko iyyuu hin miliqne.
犹大人来到旷野的望楼,向那大军观看,见尸横遍地,没有一个逃脱的。
25 Kanaafuu Yehooshaafaaxii fi namoonni isaa boojuu isaanii guurrachuu dhaqan; isaanis miʼa lolaa hedduu fi uffata akkasumas miʼoota gatii guddaa baasan kan guurratanii fixuu hin dandeenye achitti ni argatan. Boojuun argames waan akka malee baayʼee tureef walitti qabuuf bultii sadii fudhate.
约沙法和他的百姓就来收取敌人的财物,在尸首中见了许多财物、珍宝,他们剥脱下来的多得不可携带;因为甚多,直收取了三日。
26 Bultii afuraffaatti lafa itti Waaqayyoof galata dhiʼeessan sana Sulula Beraakaa keessatti walitti qabaman. Kanaafuu iddoon suni hamma harʼaatti Sulula Beraakaa jedhamee waamama.
第四日众人聚集在比拉迦谷,在那里称颂耶和华。因此那地方名叫比拉迦谷,直到今日。
27 Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem sababii Waaqayyo waan isaan ittiin diinota isaanii irratti gammadan isaaniif kenneef Yehooshaafaaxiin hoogganamanii gammachuudhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
犹大人和耶路撒冷人都欢欢喜喜地回耶路撒冷,约沙法率领他们;因为耶和华使他们战胜仇敌,就欢喜快乐。
28 Isaanis Yerusaalem seenanii baganaa, kiraaraa fi malakata qabatanii gara mana qulqullummaa Waaqayyoo ni dhaqan.
他们弹琴、鼓瑟、吹号来到耶路撒冷,进了耶和华的殿。
29 Mootummoonni biyyoota hundaas yommuu akka itti Waaqayyo diinota Israaʼel lole dhagaʼanitti Waaqa sodaachuun isaan qabate.
列邦诸国听见耶和华战败以色列的仇敌,就甚惧怕。
30 Mootummaan Yehooshaafaaxis waan Waaqni isaa karaa hundaan boqonnaa isaaf kenneef nagaadhaan ni jiraate.
这样,约沙法的国得享太平,因为 神赐他四境平安。
31 Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
约沙法作犹大王,登基的时候年三十五岁,在耶路撒冷作王二十五年。他母亲名叫阿苏巴,乃示利希的女儿。
32 Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete.
约沙法效法他父亚撒所行的,不偏左右,行耶和华眼中看为正的事。
33 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture.
只是邱坛还没有废去,百姓也没有立定心意归向他们列祖的 神。
34 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.
约沙法其余的事,自始至终都写在哈拿尼的儿子耶户的书上,也载入以色列诸王记上。
35 Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate.
此后,犹大王约沙法与以色列王亚哈谢交好;亚哈谢行恶太甚。
36 Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan.
二王合伙造船要往他施去,遂在以旬·迦别造船。
37 Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Waaqayyo hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.
那时玛利沙人、多大瓦的儿子以利以谢向约沙法预言说:“因你与亚哈谢交好,耶和华必破坏你所造的。”后来那船果然破坏,不能往他施去了。

< 2 Seenaa 20 >