< 2 Seenaa 2 >

1 Solomoonis akka Maqaa Waaqayyootiif manni qulqullummaa ofii isaaf immoo masaraan mootummaa ijaaramu ni ajaje.
And Solomon determined to build a house for the name of the LORD, and a house for his kingdom.
2 Innis namoota baʼaa baatan 70,000 warra gaarran irratti dhagaa cabsan 80,000 fi warra isaan toʼatan 3,600 gurmeesse.
And Solomon numbered out seventy thousand men to bear burdens, and eighty thousand to hew in the mountain, and three thousand and six hundred to oversee them.
3 Solomoon akkana jedhee Huuraam mooticha Xiiroositti ergaa kana erge: “Akkuma yeroo akka Daawit abbaan koo mana keessa jiraatu ittiin ijaarratuuf muka birbirsaa ergiteef sana anaafis muka birbirsaa ergi.
And Solomon sent to Huram the king of Tyre, saying, As thou didst deal with David my father, and didst send him cedars to build him a house to dwell in it, [even so deal with me].
4 Kunoo ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaree akka isa keessatti ixaanni urgaaʼaan fuula isaa duratti aarfamuuf, akka buddeenni qulqulleeffame yeroo yerootti dhiʼeeffamuu fi akka ganama hundaa fi galgala hunda, guyyoota Sanbataa, guyyaa Baatii Haaraatii fi guyyaa ayyaana Waaqayyo Waaqa keenyaa kan murtaaʼetti aarsaan gubamu dhiʼeeffamuuf addaan baasee isaa kennuuf yaadeera. Kunis Israaʼeliitiif seera bara baraa ti.
Behold, I build a house to the name of the LORD my God, to dedicate [it] to him, [and] to burn before him sweet incense, and for the continual show-bread, and for the burnt-offerings morning and evening, on the sabbaths, and on the new moons, and on the solemn feasts of the LORD our God. This [is an ordinance] for ever to Israel.
5 “Sababii Waaqni keenya waaqota kaan hunda irra guddaa taʼeef, manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa ni taʼa.
And the house which I build [is] great: for great [is] our God above all gods.
6 Garuu waan samiiwwanii fi samiiwwan samii olii iyyuu isa baachuu hin dandeenyeef eenyutu mana qulqullummaa isaaf ijaaruu dandaʼa? Yoos iddoo aarsaan itti fuula isaa duratti gubamu malee mana qulqullummaa isaaf ijaaruuf ani eenyu?
But who is able to build him a house, seeing the heaven and heaven of heavens cannot contain him? who [am] I then that I should build him a house, save only to burn sacrifice before him?
7 “Kanaafuu akka inni ogeeyyii koo kanneen dandeettii hojii harkaa qaban warra abbaan koo Daawit qopheesse wajjin Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa hojjetuuf nama hojii warqeetii fi meetiitti, hojii naasiitii fi hojii sibiilaatti hojii kirrii diimaa dhiilgeetiin, diimaa akka dhiigaatii fi cuquliisaatti ogummaa qabaatee ogummaa waa soofuutiin leenjifame tokko naaf ergi.
Send me now therefore a man skillful to work in gold, and in silver, and in brass, and in iron, and in purple, and crimson, and blue, and that hath skill to grave with the skillful men that [are] with me in Judah and in Jerusalem, whom David my father provided.
8 “Akkasumas muka gaattiraa, muka birbirsaatii fi muka sandalii Libaanoon keessaa naaf ergi; ani akka namoonni kee ogummaa muka muruu qaban beekaatii. Namoonni koos namoota kee wajjin ni hojjetu;
Send me also cedar trees, fir trees, and algum trees out of Lebanon: for I know that thy servants have skill to cut timber in Lebanon; and behold, my servants [shall be] with thy servants,
9 sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii.
Even to prepare me timber in abundance: for the house which I am about to build [shall be] wonderfully great.
10 Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.”
And behold, I will give to thy servants, the hewers that cut timber, twenty thousand measures of beaten wheat, and twenty thousand measures of barley, and twenty thousand baths of wine, and twenty thousand baths of oil.
11 Huuraam mootichi Xiiroos akkana jedhee xalayaadhaan Solomooniif deebise: “Waaqayyo waan saba isaa jaallatuuf mootii isaanii si godhe.”
Then Huram the king of Tyre answered in writing, which he sent to Solomon, Because the LORD hath loved his people, he hath made thee king over them.
12 Huuraamis ittuma fufee akkana jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni samii fi lafa uume sun haa eebbifamu! Inni Daawit mootichaaf ilma beekaa ogummaa fi hubannaan guutame kan Waaqayyoof mana qulqullummaa, ofii isaatiif immoo masaraa mootummaa ijaaru tokko kenneera.
Huram said moreover, Blessed [be] the LORD God of Israel, that made heaven and earth, who hath given to David the king a wise son, endued with prudence and understanding, that may build a house for the LORD, and a house for his kingdom.
13 “Ani kunoo Huuraamabii namicha ogummaa guddaa qabu tokko siif ergeera;
And now I have sent a skillful man, endued with understanding, of Huram my father's,
14 haati isaa nama biyya Daanii ti; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiroosii ti. Innis ogummaa hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan dhagaatii fi mukaa, akkasumas kirrii diimaa dhiilgee, cuquliisaa, diimaa akka dhiigaatii fi quncee talbaa haphiitiin leenjifameera. Inni nama hojii waa soofuu gosa hundaatiin ogummaa kuufate kan karoora itti kenname kam iyyuu raawwachuu dandaʼuu dha. Innis ogeeyyii keetii fi ogeeyyii gooftaa koo, abbaa kee Daawit wajjin ni hojjeta.
The son of a woman of the daughters of Dan, and his father [was] a man of Tyre, skillful to work in gold, and in silver, in brass, in iron, in stone, and in timber, in purple, in blue, and in fine linen, and in crimson; also to engrave any manner of engraving, and to find out every device which shall be put to him, with thy skillful men, and with the skillful men of my lord David thy father.
15 “Kanaafuu amma gooftaan koo qamadii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii wayinii kan abdachiise sana garboota isaatiif haa ergu;
Now therefore the wheat, and the barley, the oil, and the wine which my lord hath spoken of, let him send to his servants;
16 nus muka si barbaachisu hunda Libaanoonii murree walitti hiinee hamma Yoopheetti galaana irra gad siif ergina. Ati immoo Yerusaalemitti ni geeffatta.”
And we will cut wood out of Lebanon, as much as thou shalt need: and we will bring it to thee in floats by sea to Joppa; and thou mayest convey it to Jerusalem.
17 Solomoon erga Daawit abbaan isaa saba lakkaaʼeen duubatti alagoota Israaʼel keessa jiraatan hunda ni lakkaaʼe; baayʼinni isaaniis 153,600 taʼe.
And Solomon numbered all the strangers that [were] in the land of Israel, after the numbering with which David his father had numbered them; and they were found a hundred and fifty thousand and three thousand and six hundred.
18 Innis isaan keessaa nama 70,000 baʼaa baachuutti, nama 80,000 gaarran irratti dhagaa cabsuutti ramade; nama 3,600 immoo akka isaan namoota hojii hojjechiisaniif isaan irratti muude.
And he set seventy thousand of them [to be] bearers of burdens, and eighty thousand [to be] hewers in the mountain, and three thousand and six hundred overseers to set the people to work.

< 2 Seenaa 2 >