< 2 Seenaa 19 >

1 Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti,
猶大王約沙法平平安安地回耶路撒冷,到宮裏去了。
2 Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra Waaqayyoon jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo sitti dhufeera.
先見哈拿尼的兒子耶戶出來迎接約沙法王,對他說:「你豈當幫助惡人,愛那恨惡耶和華的人呢?因此耶和華的忿怒臨到你。
3 Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.”
然而你還有善行,因你從國中除掉木偶,立定心意尋求上帝。」
4 Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe.
約沙法住在耶路撒冷,以後又出巡民間,從別是巴直到以法蓮山地,引導民歸向耶和華-他們列祖的上帝;
5 Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude.
又在猶大國中遍地的堅固城裏設立審判官,
6 Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii.
對他們說:「你們辦事應當謹慎;因為你們判斷不是為人,乃是為耶和華。判斷的時候,他必與你們同在。
7 Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.”
現在你們應當敬畏耶和華,謹慎辦事;因為耶和華-我們的上帝沒有不義,不偏待人,也不受賄賂。」
8 Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera Waaqayyoo eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
約沙法從利未人和祭司,並以色列族長中派定人,在耶路撒冷為耶和華判斷,聽民間的爭訟,就回耶路撒冷去了。
9 Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun Waaqayyoon sodaachaa tajaajiluu qabdu.
約沙法囑咐他們說:「你們當敬畏耶和華,忠心誠實辦事。
10 Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan.
住在各城裏你們的弟兄,若有爭訟的事來到你們這裏,或為流血,或犯律法、誡命、律例、典章,你們要警戒他們,免得他們得罪耶和華,以致他的忿怒臨到你們和你們的弟兄;這樣行,你們就沒有罪了。
11 “Waan kan Waaqayyoo taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; Waaqayyo warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.”
凡屬耶和華的事,有大祭司亞瑪利雅管理你們;凡屬王的事,有猶大支派的族長以實瑪利的兒子西巴第雅管理你們;在你們面前有利未人作官長。你們應當壯膽辦事,願耶和華與善人同在。」

< 2 Seenaa 19 >