< 2 Seenaa 18 >

1 Yehooshaafaax yeroo kanatti qabeenyaa fi ulfina guddaa qaba ture; innis karaa fuudhaatiin Ahaabitti ni firoome.
A IA ia Iehosapata ka waiwai, a me ka hanohano he nui loa, a kuikahi pu ae la ia me Ahaba.
2 Innis waggoota muraasa booddee Ahaabin arguuf gara Samaariyaatti gad buʼe. Ahaabis isaa fi namoota isa wajjin turaniif hoolotaa fi sangoota baayʼee qalee akka inni Raamooti Giliʼaad lolu isa sossobate.
A pau ae la kekahi mau makahiki, iho iho la oia ilalo io Ahaba la ma Samaria: a pepebi iho la o Ahaba nana, a na na kanaka me ia i na hipa, a me na bipi he nui loa, a noi ikaika mai ia ia e pii pu me ia i Ramota-Gileada.
3 Ahaab mootichi Israaʼel, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; nu waraana kana irratti isin wajjin dhaabanna” jedhee deebise.
Olelo mai la o Ahaba ke alii o ka Iseraela ia Iehosapata i ke alii o ka Iuda, Aole anei oe e hele pu me au i Ramota-Gileada? I aku la kela, E like me oe pela no au, e like me kou poe kanaka, pela ko'u poe kanaka, o kakou pu ma ke kaua.
4 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
I aku la o Iehosapata i ke alii o ka Iseraela, E ninau oe i ka olelo a Iehova i keia la.
5 Kanaafuu mootichi Israaʼel raajota dhibba afur walitti qabee, “Nu Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baanu moo dhiisnu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Waaqni dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif.
Alaila houluulu ae la ke alii o ka Iseraela i na kaula eha haneri kanaka, a olelo aku la ia lakou, E hele anei makou i Ramota-Gileada i ke kaua? a e oki paha? I mai la lakou ia ia, O pii, a na ke Akua ia e haawi mai iloko o ka lima o ke alii.
6 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
Olelo aku la o Iehosapata, Aole anei he kaula e ae o Iehova maanei i ninau kakou ia ia?
7 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen.
I mai la ke alii o ka Iseraela ia Iehosapata, Eia no kekahi kanaka i koe ma ona la e imi ai ia Iehova, o Mikaia kona inoa, ke keiki a Imela, aka, he inaina ko'u ia ia; no ka mea, aole i wanana mai ia no'u i ka pomaikai, aka, i ka poino wale no i kona mau la a pau. I aku la o Iehosapata, Mai olelo ke alii pela.
8 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
Kahea aku la ke alii o ka Iseraela i kekahi o na luna haku, E kii koke oe ia Mikaia ke keiki a Imela.
9 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
A noho iho la ke alii o ka Iseraela a me Iehosapata ke alii o ka Iuda, kela mea keia mea maluna o kona nohoalii, ua aahu laua i ko laua aahu alii, a noho laua ma kahi akea ma ka puka kahi e komo ai iloko o Samaria; a wanana iho la na kaula a pau imua o laua.
10 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
A o Zedakia ke keiki a Kenaana, hana iho la ia nona i mau kiwi hao, a olelo mai la, Penei i olelo mai ai o Iehova, Me keia mail mea oe e pahu aku ai i ko Suria, a pau lakou.
11 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
A wanana ae la ka poe kaula a pau loa pela, i mai la, E pii i Ramota-Gileada, a lanakila; ua haawi mai o Iehova ia wahi iloko o ka lima o ke alii.
12 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
A o ka elele, ka mea i hele ae e kii aku ia Mikaia, olelo aku la oia ia ia, i aku la, Aia hoi, o na olelo a pau a na kaula e wanana ai, hookahi wale no ia, o ka pomaikai no ke alii; i hookahi hoi kau olelo me ka lakou, e olelo oe ma ka pomaikai.
13 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni koo jedhu qofan isatti hima” jedhe.
I mai la o Mikaia, Ma ke ola o Iehova, o na mea a ko'u Akua i olelo mai ai, oia ka'u o olelo aku ai.
14 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo ani dhiisu?” jedhee isa gaafate. Miikaayaanis, “Isaan dabarfamanii harka keetti kennamuutii waraanii moʼadhu” jedhee deebise.
A hiki ia i ke alii, olelo ke alii ia ia, E Mikaia, e pii anei makou i Ramota-Gileada, i ke kaua? a e oki paha? I mai kela, E pii, e pomaikai, a e haawiia ua poe la iloko o ko olua lima.
15 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
Olelo aku la ke alii ia ia, Ehia la ka'u mau kauoha hoohiki aku ia oe, i ole oe e olelo mai ia'u i ka mea e, i ka mea oiaio wale no, ma ka inoa o Iehova?
16 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’”
I mai la kela, Ua ike au i ka Iseraela a pau e auwana ana ma na mauna e like me na hipa kahu ole; olelo mai o Iehova, aole o lakou haku, e hoi kela kanaka keia kanaka i kona hale iho me ka maluhia.
17 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
I aku la ke alii o ka Iseraela ia Iehosapata, Aole anei au i olelo aku ia oe, aole wanana mai kela no'u i ka pomaikai, aka, i ka poino wale no?
18 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi; ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee, ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin dhadhaabatanuu nan arge.
I mai la ke kaula, No ia mea, e hoolohe mai oe i ka olelo a Iehova; ua ike au ia Iehova e noho ana maluna o kona nohoalii, a o ka poe koa a pau o na lani e ku ana ma kona lima akau, a me kona lima hema.
19 Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaab mooticha Israaʼel gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha.
Olelo ae la o Iehova, Owai la ka mea e hoowalewale ia Ahaba ke alii o ka Iseraela i pii aku oia a make ma Ramota-Gileada? Olelo ae la kekahi peneia, a o kekahi hoi peneia.
20 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Ati maaliin isa dogoggorsita?’ jedhee isa gaafate.
Alaila, hiki mai kekahi uhane, a ku ae la imua o Iehova, a olelo aku la ia, Owau ke hoowalewale ia ia. I ae la o Iehova, Pehea?
21 “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen.
I aku la kela, E hele au a e lilo au i uhane wahahee iloko o na waha o kona poe kaula a pau. I ae la o Iehova, E hoowalewale oe, a e lanakila hoi; e hele oe a hana no pela.
22 “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneenii keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
Ano hoi, ua haawi mai o Iehova i ka uhane wahahee iloko o ka waha o keia poe kaula au, a o Iehova hoi ua olelo mai oia nau i ka poino.
23 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
Alaila, hookokoke o Zedakia ke keiki a Kenaana, a kui mai ia Mikaia ma ka papalina, me ka i ana mai, Ma ka aoao hea i hele ai ka uhane o Iehova mai o'u aku nei e olelo aku ia oe.
24 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
I aku la o Mikaia, E ike auanei oe, i ka la e komo ai oe iloko o ke keena iloko, e pee iho.
25 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
Olelo aku la ke alii o ka Iseraela, E lawe oukou ia Mikaia, a e hoihoi ia ia io Amona la i ka luna iloko o ke kulanakauhale, a ia Ioasa ke keiki a ke alii.
26 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
E olelo aku ia laua penei, Ua i mai la ke alii, e hookomo i keia kanaka iloko o ka hale paahao, a e hanai ia ia i ka berena o ka pilikia a me ka wai o ka pilikia, a hoi mai au me ka maluhia.
27 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
I aku la o Mikaia, Ina e hoi io mai oe me ka maluhia, aole o Iehova i olelo mai ma o'u nei. Olelo aku la ia, E hoolohe oukou, e na kanaka a pau.
28 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
Alaila pii aku la ke alii o ka Iseraela, a me Iehosapata, ke alii o ka Iuda, i Ramota-Gileada.
29 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
Olelo mai la ke alii o ka Iseraela ia Iehosapata, E huna au ia'u iho, a e komo iloko o ke kaua, aka, e komo oe i kou kapa alii. A huna iho ke alii o ka Iseraela ia ia iho, a komo iloko o ke kaua.
30 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaatiin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
Ua kauoha ke alii o Suria i na luna o kona mau hale kaa, i aku la, Mai kaua aku i kekahi mea uuku, aole i kekahi mea nui, i ke alii o ka Iseraela wale no.
31 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; Yehooshaafaax garuu guddisee iyye; Waaqayyos isa gargaare. Waaqnis isa irraa isaan deebise;
A ike mai na luna o na hale kaa ia Iehosapata, i iho la lakou, O ke alii ia o ka Iseraela: a puana mai la lakou ia ia a puni e kaua mai ia ia; aka, kahea aku la o Iehosapata, a kokua mai o Iehova ia ia, a hoohuli ae la ke Akua ia lakou mai ona'ku.
32 ajajjoonni gaariiwwaniis yommuu akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganitti isa ariʼuu dhiisan.
Ike mai la na luna o na hale kaa, aole ke alii ia o ka Iseraela, huli ae la lakou mai ona aku la.
33 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa qomee sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi. Ani madaaʼeeraatii” jedhe.
A pana wale mai la kekahi kanaka me kana kakaka, a ku i ke alii o ka Iseraela ma kahi ami o kona paleumauma; a olelo oia i ka mea nana e malama i kona hale kaa, E huli ae kou lima, a e lawe ia'u mai ke kaua aku, no ka mea, ua eha au.
34 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootiin Israaʼelis ol jedhee hamma aduun dhiitutti gara warra Sooriyaatti garagalee irkatee gaarii isaa keessa oole. Yommuu biiftuun lixxettis ni duʼe.
Mahuahua ae la ke kaua ia la; aka, noho iho la ke alii o ka Iseraela iloko o kona hale kaa, e ku e i ko Suria, a ahiahi; a i ka napoo ana o ka la, make iho la ia.

< 2 Seenaa 18 >