< 2 Seenaa 17 >

1 Yehooshaafaax ilmi Aasaa iddoo abbaa isaa mootii taʼe; Israaʼelittis ni cime.
Yehosafati mwana wake analowa ufumu mʼmalo mwake ndipo anadzilimbitsa pofuna kulimbana ndi Israeli.
2 Innis magaalaawwan Yihuudaa kanneen jabeeffamanii ijaaraman hunda keessa loltoota ni qubachiise; Yihuudaa fi magaalaawwan Efreem kanneen abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessas loltoota magaalaa eegan ni kaaʼe.
Iye anayika magulu a asilikali mʼmizinda yonse yotetezedwa ya Yuda, ndipo anamanga maboma mu Yuda ndi mʼmizinda yonse ya Efereimu imene Asa abambo ake analanda.
3 Sababii Yehooshaafaax bara dargaggummaa isaa keessa karaa abbaan isaa Daawit jiraachaa ture irra deddeebiʼeef Waaqayyo isa wajjin ture. Inni Baʼaal duukaa hin buune;
Yehova anali ndi Yehosafati chifukwa mʼzaka zoyambirira anatsatira makhalidwe a Davide abambo ake. Iye sanafunsire kwa Abaala.
4 waan Israaʼeloonni hojjetan duukaa buʼuu dhiisee Waaqa abbootii isaa duukaa buʼuudhaan ajaja isaa ni eege.
Koma anafunafuna Mulungu wa abambo ake ndipo anatsatira malamulo ake osati zochita za Israeli.
5 Waaqayyos harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan.
Yehova anakhazikitsa kolimba ufumuwo mʼmanja mwake ndipo Ayuda onse anabweretsa mphatso kwa Yehosafati, kotero kuti anali ndi chuma ndi ulemu wambiri.
6 Garaan isaas karaa Waaqayyootiif banamaa ture; kana malees iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi siidaawwan Aasheeraa Yihuudaa keessaa ni balleesse.
Mtima wake anawupereka kutsatira Yehova, kuwonjezera apo, anachotsa malo onse achipembedzo ndi mafano a Asera mu Yuda.
7 Bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti akka isaan magaalaawwan Yihuudaa keessatti barsiisaniif qondaaltota isaa jechuunis Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naatnaaʼelii fi Miikaayaasin ni erge.
Mʼchaka chachitatu cha ufumu wake, iye anatuma akuluakulu ake Beni-Haili, Obadiya, Zekariya, Netaneli ndi Mikaya kukaphunzitsa mʼmizinda ya Yuda.
8 Lewwonni tokko tokko isaan wajjin turan; jarris: Shemaaʼiyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaaheel, Shemiiraamoot, Yoonaataan, Adooniyaa, Xoobbiyyahuu fi Xoob-Adooniyaa feʼa. Luboonni immoo Eliishaamaa fi Yehooraam turan.
Pamodzi ndi iwo panali Alevi ena: Semaya, Netaniya, Zebadiya, Asaheli, Semiramoti, Yonatani, Adoniya, Tobiya ndi Tobu-Adoniya ndiponso ansembe Elisama ndi Yehoramu.
9 Isaanis Kitaaba Seera Waaqayyoo fuudhanii deemanii guutummaa Yihuudaa keessatti ni barsiisan; magaalaawwan Yihuudaa hunda keessas deemanii saba ni barsiisan.
Iwo anaphunzitsa mu Yuda monse atatenga Buku la Malamulo a Yehova iwo anayenda mʼmizinda yonse ya ku Yuda ndipo anaphunzitsa anthu.
10 Sababii sodaachisni Waaqayyoo mootummoota biyyoota naannoo Yihuudaa jiran irra buʼeef isaan Yehooshaafaax wajjin wal hin lolle.
Kuopsa kwa Yehova kunali pa maufumu onse a mayiko oyandikana ndi Yuda, kotero kuti sanachite nkhondo ndi Yehosafati.
11 Filisxeemonni tokko tokko kennaawwanii fi meetii akka gibiraatti fidanii Yehooshaafaaxiif ni kennan; Araboonni immoo bushaayee jechuunis korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torbaa fi korbeeyyii reʼee kuma torbaa fi dhibba torba fidaniif.
Afilisti ena anabweretsa kwa Yehosafati mphatso ndi siliva ngati msonkho, ndipo Aarabu anabweretsa ziweto: nkhosa zazimuna 7,700 ndi mbuzi 7,700.
12 Yehooshaafaaxis ittuma caalchisee jabaachaa ni deeme; Yihuudaa keessattis daʼannoowwanii fi magaalaawwan miʼa itti kuusan ni ijaare;
Mphamvu za Yehosafati zinkakulirakulira. Iye anamanga malo otetezedwa ndi mizinda yosungiramo chuma mu Yuda
13 inni mankuusaalee baayʼee magaalaawwan Yihuudaa keessaa qaba ture. Loltoota muuxannoo qabanis Yerusaalem keessa turse.
ndipo anali ndi katundu wambiri mʼmizinda ya Yuda. Iye anayikanso asilikali odziwa bwino nkhondo mu Yerusalemu.
14 Haalli isaan itti maatii maatiidhaan hiriiranis kana: Yihuudaa keessaa ajajjoota gareewwanii 1,000: Adinaahi ajajjichi loltoota 300,000 wajjin;
Chiwerengero chawo potsata mabanja awo chinali chotere: kuchokera ku Yuda, atsogoleri a magulu 1,000; mtsogoleri Adina, anali ndi anthu 300,000 odziwa nkhondo;
15 isatti aanee Yehohaanaan ajajjichi loltoota 280,000 wajjin;
otsatana naye, mtsogoleri Yehohanani, anali ndi anthu 280,000;
16 isatti aanee immoo Amaasiyaa ilma Zikrii kan tajaajila Waaqayyootiif jedhee of kenne loltoota 200,000 wajjin.
otsatana naye, Amasiya mwana wa Zikiri amene anadzipereka yekha kutumikira Yehova, anali ndi anthu 200,000.
17 Gosa Beniyaam keessaa: Eliyaadaan loltuun jabaan sun loltoota xiyyaa fi gaachana qabatan 200,000 wajjin;
Kuchokera ku Benjamini: Eliada, msilikali wolimba mtima, anali ndi anthu 200,000 amene anali ndi mauta ndi zishango;
18 isatti aanee immoo Yehoozaabaad namoota lolaaf qophaaʼan 180,000 wajjin hiriire.
otsatana naye, Yehozabadi, anali ndi anthu 180,000 okonzekera nkhondo.
19 Isaan kunneen namoota inni magaalaawwan guutummaa Yihuudaa keessatti jabeeffamanii ijaaraman keessa qubachiiseen alatti warra mooticha tajaajilaa turanii dha.
Awa ndi anthu amene ankatumikira mfumu osawerengera amene anawayika mʼmizinda yotetezedwa mʼdziko lonse la Yuda.

< 2 Seenaa 17 >