< 2 Seenaa 16 >

1 Bara mootummaa Aasaa keessa waggaa soddomii jaʼaffaatti Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
Katika mwaka wa thelathini na sita wa utawala wa Asa, Baasha, mfalme wa Israeli, akatenda kwa ukatili dhidi ya Yuda na akaujenga Rama, ili kwamba asimruhusu mtu yeyote kutoka wala kuingia katika nchi ya Asa, mfalme wa Yuda.
2 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa isaa keessaa baasee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaaf ni erge.
Kisha Asa akaitoa fedha na dhahabu nje ya vyumba vya kuhifadhia katika nyumba ya Yahwe na nje ya nyumba ya mfalme, na akaituma kwa Ben Hadadi mfalme wa Aramu, ambaye aliishi Dameski. Akasema, pawe na agano kati yako na mimi, kama palivyokuwa na agano kati ya baba yangu na baba yako. Angalia, nimekutumia fedha na dhahabu.
3 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
Livunje agano lako na Baasha, mfalme wa Israeli, ili kwamba aniache.”
4 Ben-Hadaadis yaada Aasaa mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Isaanis magaalaawwan Iiyoon, Daan, Abeel Maayimii fi magaalaawwan mankuusa Niftaalem hunda rukutan.
Ben Hadadi akamsikiliza mfalme Asa na kutuma maakida wa majeshsi dhidi ya miji ya Israeli. Wakavamia Iyoni, Dani, Abelimaimu, na miji yoye ya kuhifadhia ya Naftali.
5 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee hojii ofii isaa dhaabe.
Ikawa kwamba Baasha aliposikia hili, akaacha kuujenga Rama, na akaistisha kazi yake.
6 Aasaan Mootichis namoota Yihuudaa hunda ni fide; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaanis Gebaa fi Miisphaa ittiin ijaarrate.
Kisha Asa mfalme akawachukua Yuda wote pamoja naye. Wakayabeba mawe na mbao za Rama ambazo Baasha alikuwa anajengea ule mji. Kisha Mfalme Asa alitumia vifaa hivyo vya ujenzi kwa ajili ya kuijenga Gaba na Mispa.
7 Yeroo sanattis Hanaaniin ilaalaan sun Aasaa mooticha Yihuudaa bira dhufee akkana jedheen; “Waan ati Waaqayyo Waaqa kee dhiiftee mootii Sooriyaa amanatteef loltoonni Sooriyaa si harkaa baʼaniiru.
Wakati huo Hanani mwonaji akaenda kwa Asa, mfalme wa Yuda, na akamwambia, “Kwa sababu umemtegemea mfalme wa Aramu, na hukumtegemea Yahwe Mungu wako, jeshi la mfalme wa Aramu limetoroka nje ya mikono yako.
8 Namoonni Itoophiyaa fi Liibiyaa gaariiwwanii fi abbootii fardaa kanneen akka malee baayʼee qaban sun loltoota jajjaboo hin turree? Taʼus waan ati Waaqayyoon abdatteef inni dabarsee harka keetti isaan siif kenne.
Waethiopia na Walubi hawakuwa jesi kubwa, wenye magari mengi na wapanda farasi wengi? Na bado, kwa sababau ulimtegemea Yahwe, alikupa ushindi juu yao.
9 Iji Waaqayyoo warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.”
Kwa maana macho ya Yahwe hukimbia kila mahali katika dunia yote, ili kwamba ajioneshe mwenyewe shujaa kwa niaba ya wale amabao mioyo yao ni mikamilifu kumwelekea yeye. Lakini umetenda kipumbavu katika jambo hili. Kwa maana tangu sasa na kuendelea, utakuwa na vita.” Kisha Asa akamkasirikia mwonaji, akamuweka gerezani, kwa maana alikuwa na hasira naye juu ya jambao
10 Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse.
hili. Wakati huo huo, aliwagandamiza baadhi ya watu
11 Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.
Tazma, matendo ya Asa, kutoka mwanzo hadi mwisho, tazama, yameandikwa katika kitabu cha wafalme wa Yuda na Israeli.
12 Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne.
Katika mwaka wa thelathini na tisa wa utawala wake, Asa alipata ugnjwa kwenye miguu yake; ugonjwa wake ulikuwa mkali sana. Hata hivyo, hakutafuta msaada kutoka kwa Yahwe, lakini kutoka kwa waganga tu.
13 Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote.
Asa akalala pamoja na babu zake; alikufa katika mwaka wa arobaiani na moja wa utawala wake. Wakamzika katika kaburi lake, ambalo alilichimba mwenyewe katika mji wa Daudi.
14 Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan.
Walimlaza juu ya kitanda kilichokuwa kimewekewa manukato na aina mbali mbali ya dawa zilizotayarishwa na wale mafundi wa manukato. KIsha wakatengeneza moto kwa heshima yake.

< 2 Seenaa 16 >