< 2 Seenaa 16 >

1 Bara mootummaa Aasaa keessa waggaa soddomii jaʼaffaatti Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
In the thirty-sixth year of Asa’s reign, Baasha king of Israel went up against Judah, and built Ramah, that he might not allow anyone to go out or come in to Asa king of Judah.
2 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa isaa keessaa baasee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaaf ni erge.
Then Asa brought out silver and gold out of the treasures of Yahweh’s house and of the king’s house, and sent to Ben Hadad king of Syria, who lived at Damascus, saying,
3 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
“Let there be a treaty between me and you, as there was between my father and your father. Behold, I have sent you silver and gold. Go, break your treaty with Baasha king of Israel, that he may depart from me.”
4 Ben-Hadaadis yaada Aasaa mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Isaanis magaalaawwan Iiyoon, Daan, Abeel Maayimii fi magaalaawwan mankuusa Niftaalem hunda rukutan.
Ben Hadad listened to King Asa, and sent the captains of his armies against the cities of Israel; and they struck Ijon, Dan, Abel Maim, and all the storage cities of Naphtali.
5 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee hojii ofii isaa dhaabe.
When Baasha heard of it, he stopped building Ramah, and let his work cease.
6 Aasaan Mootichis namoota Yihuudaa hunda ni fide; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaanis Gebaa fi Miisphaa ittiin ijaarrate.
Then Asa the king took all Judah, and they carried away the stones and timber of Ramah, with which Baasha had built; and he built Geba and Mizpah with them.
7 Yeroo sanattis Hanaaniin ilaalaan sun Aasaa mooticha Yihuudaa bira dhufee akkana jedheen; “Waan ati Waaqayyo Waaqa kee dhiiftee mootii Sooriyaa amanatteef loltoonni Sooriyaa si harkaa baʼaniiru.
At that time Hanani the seer came to Asa king of Judah, and said to him, “Because you have relied on the king of Syria, and have not relied on Yahweh your God, therefore the army of the king of Syria has escaped out of your hand.
8 Namoonni Itoophiyaa fi Liibiyaa gaariiwwanii fi abbootii fardaa kanneen akka malee baayʼee qaban sun loltoota jajjaboo hin turree? Taʼus waan ati Waaqayyoon abdatteef inni dabarsee harka keetti isaan siif kenne.
Weren’t the Ethiopians and the Lubim a huge army, with chariots and exceedingly many horsemen? Yet, because you relied on Yahweh, he delivered them into your hand.
9 Iji Waaqayyoo warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.”
For Yahweh’s eyes run back and forth throughout the whole earth, to show himself strong in the behalf of them whose heart is perfect toward him. You have done foolishly in this; for from now on you will have wars.”
10 Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse.
Then Asa was angry with the seer, and put him in the prison; for he was in a rage with him because of this thing. Asa oppressed some of the people at the same time.
11 Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.
Behold, the acts of Asa, first and last, behold, they are written in the book of the kings of Judah and Israel.
12 Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne.
In the thirty-ninth year of his reign, Asa was diseased in his feet. His disease was exceedingly great; yet in his disease he didn’t seek Yahweh, but just the physicians.
13 Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote.
Asa slept with his fathers, and died in the forty-first year of his reign.
14 Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan.
They buried him in his own tomb, which he had dug out for himself in David’s city, and laid him in the bed which was filled with sweet odors and various kinds of spices prepared by the perfumers’ art; and they made a very great fire for him.

< 2 Seenaa 16 >