< 2 Seenaa 15 >
1 Hafuurri Waaqaa Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe.
Ary ny Fanahin’ Andriamanitra tonga tamin’ i Azaria, zanak’ i Odeda;
2 Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; “Aasaa fi Yihuudaan hundi, Beniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Waaqayyo isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa.
ary dia nivoaka hitsena an’ i Asa izy ka nanao taminy hoe: Mihainoa ahy, ry Asa mbamin’ ny Joda sy ny Benjamina rehetra: Jehovah momba anareo, raha ianareo momba Azy; ary raha mitady Azy kosa ianareo, dia hahita Azy; fa raha mahafoy Azy ianareo, dia hahafoy anareo Izy.
3 Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Waaqa dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan.
Ary efa ela ny Isiraely no tsy nanana an’ Andriamanitra marina, na mpisorona mampianatra, na lalàna.
4 Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame.
Fa raha niverina tamin’ Jehovah, Andriamanitry ny Isiraely, izy nony azom-pahoriana, ka nitady Azy, dia nahita Azy.
5 Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre.
Ary tamin’ izany dia tsy nisy fiadanana ho an’ izay nivoaka na izay niditra; fa horohoro be no nahazo ny mponina rehetra tamin’ ny tany.
6 Sababii Waaqni rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture.
Ary nifandringana ny firenena sy ny tanàna, fa Andriamanitra nampangorohoro azy tamin’ ny fahoriana rehetra.
7 Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.”
Koa mahereza ianareo, fa aza miraviravy tanana; fa hisy valim-pitia tokoa ny ataonareo.
8 Aasaan yommuu dubbii kanaa fi raajii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Beniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Waaqayyoo kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru illee ni haaromse.
Ary raha ren’ i Asa izany teny izany sy ny faminanian’ i Odeda mpaminany, dia niezaka izy ka nanaisotra ny sampy fahavetavetana tamin’ ny tanin’ ny Joda sy ny Benjamina rehetra ary tamin’ ny tanàna izay azony tany amin’ ny tany havoan’ i Efraima, sady nanavao ny alitaran’ i Jehovah izay teo anoloan’ ny lavarangana fidirana amin’ ny tranon’ i Jehovah.
9 Innis Yihuudaa fi Beniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
Ary novoriny ny Joda sy ny Benjamina rehetra sy ny vahiny teo aminy izay avy tany amin’ ny Efraima sy ny Manase ary ny Simeona; fa betsaka no nanatona azy avy tamin’ ny Isiraely, raha hitany fa Jehovah Andriamaniny no teo aminy.
10 Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman.
Ary nivory tany Jerosalema ireo tamin’ ny volana fahatelo tamin’ ny taona fahadimy ambin’ ny folo nanjakan’ i Asa.
11 Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Waaqayyoof aarsaa godhan.
Ary androtrizay no nanaterany fanatitra ho an’ i Jehovah tamin’ ny babo izay nentiny, dia omby fitonjato sy ondry aman’ osy fito arivo.
12 Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan.
Ary nanao fanekena hitady an’ i Jehovah, Andriamanitry ny razany, tamin’ ny fony rehetra sy ny fanahiny rehetra izy,
13 Namni Waaqayyo Waaqa Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture.
ka na iza na iza tsy mety mitady an’ i Jehovah Andriamanitry ny Isiraely, dia hatao maty, na kely na lehibe, na lahy na vavy.
14 Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Waaqayyoof ni kakatan.
Ary nianiana ho an’ i Jehovah tamin’ ny feo mahery sy ny fihobiana ary tamin’ ny trompetra sy ny anjomara izy.
15 Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Waaqa ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Waaqayyo karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
Ary ny Joda rehetra nifaly noho ny fianianana, fa efa nianiana tamin’ ny fony rehetra izy sady nazoto nitady an’ i Jehovah indrindra, ka dia nahita Azy; ary Jehovah dia nanome azy fiadanana tamin’ ny manodidina fahizay.
16 Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
Ary na dia Imaka, renin’ i Asa mpanjaka, aza dia naetriny tsy ho andriambavy, satria efa nanao sampy ho an’ ny Aseraha izy; ary Asa nikapa ny sampiny, dia nanorotoro ka nandoro azy tao amin’ ny lohasahan-driaka Kidrona.
17 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Waaqayyoof kennamee ture.
Fa ny fitoerana avo tsy mba noravana tamin’ ny Isiraely; nefa nahitsy ny fon’ i Asa tamin’ ny androny rehetra.
18 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
Ary nampidiriny ho ao an-tranon’ i Jehovah ny zavatra izay nohamasinin-drainy mbamin’ izay nohamasinin’ ny tenany, dia volafotsy sy volamena ary fanaka.
19 Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.
Ary tsy nisy ady intsony hatramin’ ny taona fahadimy amby telo-polo nanjakan’ i Asa.