< 2 Seenaa 15 >

1 Hafuurri Waaqaa Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe.
The Spirit of God came on Azariah the son of Oded:
2 Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; “Aasaa fi Yihuudaan hundi, Beniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Waaqayyo isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa.
and he went out to meet Asa, and said to him, "Hear me, Asa, and all Judah and Benjamin. Jehovah is with you, while you are with him; and if you seek him, he will be found by you; but if you forsake him, he will forsake you.
3 Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Waaqa dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan.
Now for a long time Israel was without the true God, and without a teaching priest, and without law.
4 Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame.
But when in their distress they turned to Jehovah, the God of Israel, and sought him, he was found by them.
5 Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre.
In those times there was no peace to him who went out, nor to him who came in; but great troubles were on all the inhabitants of the lands.
6 Sababii Waaqni rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture.
They were broken in pieces, nation against nation, and city against city; for God troubled them with all adversity.
7 Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.”
But you be strong, and do not let your hands be slack; for your work shall be rewarded."
8 Aasaan yommuu dubbii kanaa fi raajii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Beniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Waaqayyoo kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru illee ni haaromse.
When Asa heard these words, and the prophecy of Azariah the son of Oded the prophet, he took courage and put away the abominations out of all the land of Judah and Benjamin and out of the cities which he had taken from the hill country of Ephraim; and he renewed the altar of Jehovah, that was before the vestibule of Jehovah.
9 Innis Yihuudaa fi Beniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
He gathered all Judah and Benjamin, and those who lived with them out of Ephraim and Manasseh, and out of Simeon: for they fell to him out of Israel in abundance, when they saw that Jehovah his God was with him.
10 Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman.
So they gathered themselves together at Jerusalem in the third month, in the fifteenth year of the reign of Asa.
11 Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Waaqayyoof aarsaa godhan.
They sacrificed to Jehovah in that day, of the spoil which they had brought, seven hundred head of cattle and seven thousand sheep.
12 Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan.
They entered into the covenant to seek Jehovah, the God of their fathers, with all their heart and with all their soul;
13 Namni Waaqayyo Waaqa Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture.
and that whoever would not seek Jehovah, the God of Israel, should be put to death, whether small or great, whether man or woman.
14 Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Waaqayyoof ni kakatan.
They swore to Jehovah with a loud voice, and with shouting, and with trumpets, and with cornets.
15 Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Waaqa ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Waaqayyo karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
All Judah rejoiced at the oath; for they had sworn with all their heart, and sought him with their whole desire; and he was found of them: and Jehovah gave them rest all around.
16 Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
Also Maacah, the mother of Asa the king, he removed from being queen, because she had made an abominable image for an Asherah; and Asa cut down her image, and made dust of it, and burnt it in the Kidron Valley.
17 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Waaqayyoof kennamee ture.
But the high places were not taken away out of Israel: nevertheless the heart of Asa was perfect all his days.
18 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
He brought into God's house the things that his father had dedicated, and that he himself had dedicated, silver, and gold, and vessels.
19 Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.
There was no more war to the five and thirtieth year of the reign of Asa.

< 2 Seenaa 15 >