< 2 Seenaa 14 >

1 Abiyaanis abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe; bara isaa keessas biyyattiin waggaa kudhan nagaadhaan jiraatte.
Ary Abia lasa nodi-mandry any amin’ ny razany, dia nalevina tao an-tanànan’ i Davida izy; ary Asa zanany no nanjaka nandimby azy. Ary tamin’ ny andron’ i Asa dia nandry folo taona ny tany.
2 Aasaan waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe hojjete.
Ary Asa nanao izay tsara sy mahitsy eo imason’ i Jehovah Andriamanitra;
3 Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse.
fa nandrava ny alitaran’ ny firenena hafa sy ny fitoerana avo izy sady nanorotoro ny tsangam-baton-tsampy ary nikapa ny Aseraha.
4 Akka sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaadu, akka seera isaa fi ajaja isaaf bulu ni ajaje.
Ary nandidy ny Joda hitady an’ i Jehovah, Andriamanitry ny razany, izy ary hankatò ny lalàna sy ny didy.
5 Magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaas iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa ixaanaa balleesse; mootummaanis isa jalatti nagaadhaan ni jiraate.
Ary nandrava ny fitoerana avo sy ny tsangan-kazo ho an’ ny masoandro teny amin’ ny tanànan’ ny Joda rehetra izy; dia nandry fahizay ny fanjakana teo anatrehany.
6 Innis waan biyyattiin nagaa argatteef Yihuudaa keessatti magaalaawwan dallaa jabaa qaban ni ijaare. Sababii Waaqayyo boqonnaa isaaf kenneef waggoota sana keessa namni tokko iyyuu lola isatti hin kaafne.
Ary nanao tanàna mimanda tany Joda izy; ka dia nandry fahizay ny tany, fa tsy nisy ady tamin’ izany andro izany; fa Jehovah no nanome azy fiadanana.
7 Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; “Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu Waaqayyo Waaqa keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne.” Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef.
Dia hoy izy tamin’ ny Joda: Andeha hamboarintsika ireto tanana ireto ka hasiantsika manda manodidina sy tilikambo ary vavahady mihidy, raha mbola azontsika zakaina ny tany; fa efa nitady an’ i Jehovah Andriamanitsika isika; eny, nitady Azy isika, ka nanome antsika fiadanana amin’ ny manodidina Izy. Ary dia namboariny avokoa izany ka tontosa tsara.
8 Aasaan namoota Yihuudaa kanneen gaachana gurguddaa fi eeboo qabatan kuma dhibba sadii, namoota Beniyaam kanneen gaachana xixinnaa fi xiyyawwan qabatan kuma dhibba lamaa fi saddeettama qaba ture. Isaan kunneen hundi loltoota ciccimoo turan.
Ary Asa nanana miaramila, dia telo hetsy mpitana ampinga lehibe sy lefona avy tamin’ ny Joda, ary valo alina amby roa hetsy mpitana ampinga sy tsipìka avy amin’ ny Benjamina; ireo rehetra ireo dia lehilahy mahery avokoa.
9 Zeraan namichi Itoophiyaa tokko immoo loltoota miliyoona tokkoo fi gaariiwwan dhibba sadii fudhatee hamma Maareeshaatti isaanitti ni duule.
Ary Zera Etiopiana nivoaka hiady tamin’ ireo ka nitondra miaramila iray tapitrisa sy kalesy telon-jato, ka dia tonga tao Maresa.
10 Aasaanis isatti baʼe; isaanis Sulula Zefaataa keessatti Maareeshaa iddoo lolaa qabatan.
Ary Asa nivoaka hiady taminy, dia samy nilahatra hiady teo an-dohasaha Zefata akaikin’ i Maresa izy.
11 Kana irratti Aasaan Waaqayyo Waaqa isaa waammatee akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, kan akka kee namoota humna hin qabne gargaaree namoota jajjaboo jalaa baasu tokko iyyuu hin jiru. Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, nu sitti of kennineerraatii nu gargaari; maqaa keetiinis waraana akka malee guddaa kanatti duulleerra. Yaa Waaqayyo ati Waaqa keenya; akka namni sitti cimuuf ofitti hin dhiisin.”
Ary Asa nitaraina tamin’ i Jehovah Andriamaniny ka nanao hoe: Jehovah ô, tsy misy afa-tsy Hianao no mahavonjy ny tsy manan-kery, raha iadian’ ny maro izy, ka vonjeo izahay, Jehovah Andriamanitray ô, fa Hianao no iankinanay, ary ny anaranao no andehananay hiady amin’ ireto olona ireto. Jehovah ô. Hianao no Andriamanitray; aza avela hisy olona haharesy Anao.
12 Waaqayyos fuula Aasaatii fi Yihuudaa duraa namoota Itoophiyoota ni dhaʼe; namoonni Itoophiyaas ni baqatan.
Ary Jehovah namely ny Etiopiana teo anoloan’ i Asa sy ny Joda, ka dia nandositra ireny.
13 Aasaa fi loltoonni isaas hamma Geraaraatti isaan ariʼan. Waan Baayʼeen isaanii dhumaniif namoonni Itoophiyaa deebiʼanii bayyanachuu hin dandeenye; isaan fuula Waaqayyoo fi fuula loltoota isaa duratti barbadeeffamaniiruutii. Namoonni Yihuudaas boojuu baayʼee fudhatanii deebiʼan.
Ary Asa sy ny vahoaka teo aminy nanenjika azy hatrany Gerara, ka dia nahafatesana be ny Etiopiana ka tsy naharina intsony; fa voaringana teo anoloan’ i Jehovah sy ny miaramilany izy, ka nahazoan’ ny Joda babo betsaka.
14 Isaan sababii sodaachisni guddaan Waaqayyo biraa jaratti dhufeef gandoota naannoo Geraaraa jiran hunda barbadeessan. Isaanis sababii wantoonni boojiʼaman hedduun achi turaniif gandoota kanneen ni saaman.
Ary namely ny tanàna rehetra manodidina an’ i Gerara izy; fa ny fahatahorana an’ i Jehovah nahazo ireo, ka nobaboiny ny tanana rehetra, fa be ny babo tao.
15 Akkasumas qubatawwan tiksootaa dhaʼanii karra hoolotaa fi reʼoota akka malee hedduu fi gaalawwan illee boojiʼanii fudhatan. Ergasiis Yerusaalemitti dachaʼan.
Ary namely ny vala izy ka nahazo babo betsaka, dia ondry aman’ osy sy rameva, ary dia niverina ho any Jerosalema izy.

< 2 Seenaa 14 >