< 2 Seenaa 14 >

1 Abiyaanis abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe; bara isaa keessas biyyattiin waggaa kudhan nagaadhaan jiraatte.
And Abia died with his fathers, and they buried him in the city of David; and Asa his son reigned in his stead. In the days of Asa the land of Juda had rest ten years.
2 Aasaan waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe hojjete.
And he did that which was good and right in the sight of the Lord his God.
3 Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse.
And he removed the altars of the strange [gods], and the high places, and broke the pillars in pieces, and cut down the groves:
4 Akka sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaadu, akka seera isaa fi ajaja isaaf bulu ni ajaje.
and he told Juda to seek earnestly the Lord God of their fathers, and to perform the law and commandments.
5 Magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaas iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa ixaanaa balleesse; mootummaanis isa jalatti nagaadhaan ni jiraate.
And he removed from all the cities of Juda the altars and the idols, and established in quietness
6 Innis waan biyyattiin nagaa argatteef Yihuudaa keessatti magaalaawwan dallaa jabaa qaban ni ijaare. Sababii Waaqayyo boqonnaa isaaf kenneef waggoota sana keessa namni tokko iyyuu lola isatti hin kaafne.
fortified cities in the land of Juda; for the land was quiet, and he had no war in these years; for the Lord gave him rest.
7 Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; “Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu Waaqayyo Waaqa keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne.” Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef.
And he said to Juda, Let us fortify these cities, and make walls, and towers, and gates, and bars: we shall prevail over the land, for as we have sought out the Lord our God, he has sought out us, and has given us rest round about, and prospered us.
8 Aasaan namoota Yihuudaa kanneen gaachana gurguddaa fi eeboo qabatan kuma dhibba sadii, namoota Beniyaam kanneen gaachana xixinnaa fi xiyyawwan qabatan kuma dhibba lamaa fi saddeettama qaba ture. Isaan kunneen hundi loltoota ciccimoo turan.
And Asa had a force of armed men bearing shields and spears in the land of Juda, [even] three hundred thousand, and in the land of Benjamin two hundred and eighty thousand targeteers and archers: all these were mighty warriors.
9 Zeraan namichi Itoophiyaa tokko immoo loltoota miliyoona tokkoo fi gaariiwwan dhibba sadii fudhatee hamma Maareeshaatti isaanitti ni duule.
And Zare the Ethiopian went out against them, with a force of a million, and three hundred chariots; and came to Maresa.
10 Aasaanis isatti baʼe; isaanis Sulula Zefaataa keessatti Maareeshaa iddoo lolaa qabatan.
And Asa went out to meet him, and set the battle in array in the valley north of Maresa.
11 Kana irratti Aasaan Waaqayyo Waaqa isaa waammatee akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, kan akka kee namoota humna hin qabne gargaaree namoota jajjaboo jalaa baasu tokko iyyuu hin jiru. Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, nu sitti of kennineerraatii nu gargaari; maqaa keetiinis waraana akka malee guddaa kanatti duulleerra. Yaa Waaqayyo ati Waaqa keenya; akka namni sitti cimuuf ofitti hin dhiisin.”
And Asa cried to the Lord his God, and said, O Lord, it is not impossible with you to save by many or by few: strengthen us, O Lord our God; for we trust in you, and in your name have we come against this great multitude. O Lord our God, let not man prevail against you.
12 Waaqayyos fuula Aasaatii fi Yihuudaa duraa namoota Itoophiyoota ni dhaʼe; namoonni Itoophiyaas ni baqatan.
And the Lord struck the Ethiopians before Juda; and the Ethiopians fled.
13 Aasaa fi loltoonni isaas hamma Geraaraatti isaan ariʼan. Waan Baayʼeen isaanii dhumaniif namoonni Itoophiyaa deebiʼanii bayyanachuu hin dandeenye; isaan fuula Waaqayyoo fi fuula loltoota isaa duratti barbadeeffamaniiruutii. Namoonni Yihuudaas boojuu baayʼee fudhatanii deebiʼan.
And Asa and his people pursued them to Gedor; and the Ethiopians fell, so that they could not recover themselves; for they were crushed before the Lord, and before his host; and they took many spoils.
14 Isaan sababii sodaachisni guddaan Waaqayyo biraa jaratti dhufeef gandoota naannoo Geraaraa jiran hunda barbadeessan. Isaanis sababii wantoonni boojiʼaman hedduun achi turaniif gandoota kanneen ni saaman.
And they destroyed their towns roundabout Gedor; for a terror of the Lord was upon them: and they spoiled all their cities, for they had much spoil.
15 Akkasumas qubatawwan tiksootaa dhaʼanii karra hoolotaa fi reʼoota akka malee hedduu fi gaalawwan illee boojiʼanii fudhatan. Ergasiis Yerusaalemitti dachaʼan.
Also they destroyed the tents of cattle, and the Alimazons, and took many sheep and camels, and returned to Jerusalem.

< 2 Seenaa 14 >