< 2 Seenaa 13 >

1 Bara mootummaa Yerobiʼaam keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
Katika mwaka wa kumi na nane wa utawala wa Yeroboamu, Abiya akawa mfalme wa Yuda,
2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Miikaayaa ture; isheen intala Uuriiʼeel namicha Gibeʼaa sanaa turte. Abiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
naye akatawala huko Yerusalemu miaka mitatu. Mama yake aliitwa Maaka, binti Urieli wa Gibea. Basi kulikuwa na vita kati ya Abiya na Yeroboamu.
3 Abiyaan humna waraanaa kan namoota lola dandaʼan kuma dhibba afur of keessaa qabuun duule; Yerobiʼaam immoo loltoota ciccimoo kuma dhibba saddeetiin baʼee isa eegate.
Abiya aliingia vitani na jeshi la watu 400,000 wenye uwezo wa kupigana, naye Yeroboamu akapanga jeshi dhidi ya Abiya akiwa na jeshi la watu 800,000 wenye uwezo.
4 Abiyaan Gaara Zemaaraayim kan biyya gaaraa Efreem irra dhaabatee akkana jedhe; “Yerobiʼaamii fi Israaʼel hundi mee na dhaggeeffadhaa!
Abiya akasimama juu ya Mlima Semaraimu, katika nchi ya vilima ya Efraimu, naye akasema, “Yeroboamu na Israeli yote, nisikilizeni mimi!
5 Isin akka Waaqayyo Waaqni Israaʼel sun mootummaa Israaʼel Daawitii fi sanyiiwwan isaatiif kakuu soogiddaan bara baraan kenne hin beektanii?
Hamfahamu kwamba Bwana, Mungu wa Israeli, alimpa Daudi na wazao wake ufalme juu ya Israeli milele kwa Agano la chumvi?
6 Taʼus Yerobiʼaam ilmi Nebaat tajaajilaan Solomoon ilma Daawit sun gooftaa isaatti ni fincile.
Hata hivyo Yeroboamu mwana wa Nebati afisa wa Solomoni mwana wa Daudi, aliasi dhidi ya bwana wake.
7 Yeroo Rehooboʼaam ilmi Solomoon ijoollee waa murteeffachuu fi isaaniin mormuufis dandeettii hin qabneetti kashlabboonni faayidaa hin qabne tokko tokko naannoo isaatti walitti qabamanii isaan morman.
Baadhi ya watu wasiofaa kitu, wabaya kabisa walimkusanyikia na kumpinga Rehoboamu mwana wa Solomoni alipokuwa kijana mdogo asiyekuwa na uamuzi, asiye na nguvu za kuweza kupingana nao.
8 “Isin amma mootummaa Waaqayyoo kan sanyii Daawit harka jiruun mormuuf yaadaa jirtan. Isin dhugumaan tuuta guddaa dha; fakkiiwwan jabbiiwwan warqee kanneen akka isaan waaqota keessan isinii taʼaniif Yerobiʼaam isiniif tolche sanas of biraa qabdu.
“Hata sasa unapanga kupingana na ufalme wa Bwana ambao uko mikononi mwa wazao wa Daudi. Kweli ninyi ni jeshi kubwa nanyi mnazo ndama za dhahabu Yeroboamu alizozitengeneza kuwa miungu yenu.
9 Isin garuu luboota Waaqayyoo, ilmaan Arooniitii fi Lewwota of keessaa baaftanii akkuma namoota biyyoota kaanii luboota ofii keessanii hin muudannee? Namni dibicha loonii tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba qabatee of qulqulleessuu dhufu kam iyyuu waan waaqota hin taʼin sanaaf luba taʼa.
Lakini je, hamkuwafukuza makuhani wa Bwana, wana wa Aroni na Walawi na kujifanyia makuhani wenu wenyewe kama yafanyavyo mataifa ya nchi nyingine? Yeyote anayekuja kujiweka wakfu akiwa na ndama dume na kondoo dume saba aweza kuwa kuhani wa kile ambacho ni miungu kwenu.
10 “Nuuf garuu Waaqayyo Waaquma keenya; nu isa hin dhiifne. Luboonni Waaqayyoon tajaajilanis ilmaan Aroon; Lewwonni immoo isaan ni gargaaru.
“Lakini kwetu sisi, Bwana ndiye Mungu wetu, wala hatujamwacha. Makuhani wanaomtumikia Bwana ni wana wa Aroni, nao Walawi wakiwasaidia.
11 Isaan ganamaa fi galgala hunda aarsaa gubamuu fi ixaana urgaaʼu Waaqayyoof ni dhiʼeessu. Minjaala akka seeraatti qulqullaaʼe irra buddeena kaaʼanii galgala galgala immoo ibsaa baattuu ibsaa kan warqee irraa hojjetame irra jiru ni qabsiisu. Nu ajaja Waaqayyo Waaqa keenyaa ni eegna; isin garuu isa dhiiftaniirtu.
Kila asubuhi na jioni wao hutoa sadaka za kuteketezwa na kufukiza uvumba wa harufu nzuri kwa Bwana. Wao huweka mikate juu ya meza safi kwa taratibu za kiibada na kuwasha taa kwenye kinara cha dhahabu kila jioni. Sisi tunazishika kanuni za Bwana Mungu wetu. Lakini ninyi mmemwacha Mungu.
12 Waaqni nu wajjin jira; inni qajeelchaa keenya. Luboonni isaas malakata isaanii afuufanii waraana isinitti ni waamu. Yaa namoota Israaʼel isin hin milkooftaniitii, Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii hin lolinaa.”
Mungu yu pamoja nasi, yeye ndiye kiongozi wetu. Makuhani wake wakiwa na tarumbeta zao watapiga baragumu ya vita dhidi yenu. Watu wa Israeli, msipigane dhidi ya Bwana, Mungu wa baba zenu, kwa maana hamtashinda.”
13 Yerobiʼaam yeroo kanatti akka isaan utuma inni fuula Yihuudaa duraan jiruu karaa dugda duubaatiin isaan marsaniif loltoota isaa jaratti ni erge.
Basi Yeroboamu alikuwa ametuma jeshi kuzunguka nyuma ya Yuda ili kwamba akiwa mbele ya Yuda, jeshi liwavizie kwa nyuma.
14 Namoonni Yihuudaa garagalanii akka duraa fi duubaan marfaman ni argan. Isaanis gara Waaqayyootti ni iyyatan; luboonni immoo malakata isaanii ni afuufan;
Basi Yuda wakageuka na kuona kwamba wanashambuliwa mbele na nyuma. Ndipo wakamlilia Bwana. Makuhani wakapiga tarumbeta zao,
15 namoonni Yihuudaas iyya waraanaa ni dhageessisan. Waaqnis iyya isaaniitiin Yerobiʼaamii fi Israaʼeloota hunda fuula Abiyaa fi Yihuudaa duraa ni barbadeesse.
nao watu wa Yuda wakapaza sauti ya kilio cha vita. Katika kupiga kelele za vita, Mungu akawafukuza Yeroboamu na Israeli wote mbele ya Mfalme Abiya na Yuda.
16 Israaʼeloonni fuula Yihuudaa duraa ni baqatan; Waaqnis dabarsee harka Yihuudootaatti isaan kenne.
Waisraeli wakakimbia mbele ya Yuda, naye Mungu akawatia Israeli mikononi mwao.
17 Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume.
Abiya na watu wake wakawachinja kwa machinjo makuu, hata wakawepo majeruhi 500,000 miongoni mwa watu wenye uwezo wa Israeli.
18 Lola sana irrattis namoonni Israaʼel akka malee ni dhaʼaman; namoonni Yihuudaa garuu sababii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii abdataniif ni moʼatan.
Watu wa Israeli walitiishwa katika tukio lile, nao watu wa Yuda wakawa washindi kwa sababu walimtegemea Bwana, Mungu wa baba zao.
19 Abiyaanis Yerobiʼaamin ariʼee magaalaawwan Beetʼeel, Yishaanaa fi Efroon, gandoota naannoo isaanii jiran wajjin irraa ni fudhate.
Abiya akamfuatia Yeroboamu na kuteka miji ya Betheli, Yeshana na Efroni kutoka kwake, pamoja na vijiji vinavyoizunguka miji hiyo.
20 Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. Waaqayyo isa dhaʼe; innis ni duʼe.
Yeroboamu hakupata nguvu tena wakati wa utawala wa Abiya. Naye Bwana akampiga Yeroboamu akafa.
21 Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche.
Lakini Abiya akapata nguvu. Alioa wanawake kumi na wanne na alikuwa na wana ishirini na wawili na binti kumi na sita.
22 Wanni Abiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete biraa, waan inni hojjetee fi wanni inni dubbate galmee seenaa raajicha Iddoo keessatti barreeffameera.
Matukio mengine ya utawala wa Abiya, pamoja na mambo aliyofanya na aliyosema, yameandikwa katika kitabu cha maelezo cha nabii Ido.

< 2 Seenaa 13 >