< 2 Seenaa 13 >

1 Bara mootummaa Yerobiʼaam keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
[阿彼雅為王]雅洛貝罕王十八年,阿彼雅登極作猶大王,
2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Miikaayaa ture; isheen intala Uuriiʼeel namicha Gibeʼaa sanaa turte. Abiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
在耶路撒冷作王三年,他母親名叫瑪阿加,是基貝亞人烏黎耳的女兒。阿彼雅與雅洛貝罕之間不斷發生戰爭。[南北戰爭]
3 Abiyaan humna waraanaa kan namoota lola dandaʼan kuma dhibba afur of keessaa qabuun duule; Yerobiʼaam immoo loltoota ciccimoo kuma dhibba saddeetiin baʼee isa eegate.
當時阿彼雅統率四十萬英勇的精兵出戰,雅洛貝罕率領八十萬健壯的精兵列陣出迎。
4 Abiyaan Gaara Zemaaraayim kan biyya gaaraa Efreem irra dhaabatee akkana jedhe; “Yerobiʼaamii fi Israaʼel hundi mee na dhaggeeffadhaa!
阿彼雅立在厄弗辣因山地的責瑪辣因山崗說:「雅洛貝罕和全以色列人,請聽我的話:
5 Isin akka Waaqayyo Waaqni Israaʼel sun mootummaa Israaʼel Daawitii fi sanyiiwwan isaatiif kakuu soogiddaan bara baraan kenne hin beektanii?
上主以色列的天主,曾立鹽約,將以色列王位永遠賜予達味和他的子孫,莫非你們不知道嗎﹖
6 Taʼus Yerobiʼaam ilmi Nebaat tajaajilaan Solomoon ilma Daawit sun gooftaa isaatti ni fincile.
無奈達味的兒子撒羅滿的一個僕人,乃巴特的兒子雅洛貝罕起來背叛了他的主人。
7 Yeroo Rehooboʼaam ilmi Solomoon ijoollee waa murteeffachuu fi isaaniin mormuufis dandeettii hin qabneetti kashlabboonni faayidaa hin qabne tokko tokko naannoo isaatti walitti qabamanii isaan morman.
遂有一些無賴匪徒聚集起來,跟隨他攻擊撒羅滿的兒子勒哈貝罕;勒哈貝罕當年尚年輕脆弱,不能抵禦他們。
8 “Isin amma mootummaa Waaqayyoo kan sanyii Daawit harka jiruun mormuuf yaadaa jirtan. Isin dhugumaan tuuta guddaa dha; fakkiiwwan jabbiiwwan warqee kanneen akka isaan waaqota keessan isinii taʼaniif Yerobiʼaam isiniif tolche sanas of biraa qabdu.
現在,你們企圖反抗達味子孫佔有的上主的國家,因為你們人數眾多,在你們中間且有雅洛貝罕製作的金牛作為你們的神。
9 Isin garuu luboota Waaqayyoo, ilmaan Arooniitii fi Lewwota of keessaa baaftanii akkuma namoota biyyoota kaanii luboota ofii keessanii hin muudannee? Namni dibicha loonii tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba qabatee of qulqulleessuu dhufu kam iyyuu waan waaqota hin taʼin sanaaf luba taʼa.
你們不是驅逐了上主的司祭,亞郎的子孫和肋未人,依照列邦民族的習慣,為自己另立了司祭嗎﹖任何一個人,只要牽一隻工牛犢和七隻公綿羊前去,自行祝聖,便可作那本不是神的司祭。
10 “Nuuf garuu Waaqayyo Waaquma keenya; nu isa hin dhiifne. Luboonni Waaqayyoon tajaajilanis ilmaan Aroon; Lewwonni immoo isaan ni gargaaru.
至於我們,上主是我們的天主,我們沒有離棄過他;事奉上主的司祭仍是亞郎的子孫,肋未人仍各盡己責,
11 Isaan ganamaa fi galgala hunda aarsaa gubamuu fi ixaana urgaaʼu Waaqayyoof ni dhiʼeessu. Minjaala akka seeraatti qulqullaaʼe irra buddeena kaaʼanii galgala galgala immoo ibsaa baattuu ibsaa kan warqee irraa hojjetame irra jiru ni qabsiisu. Nu ajaja Waaqayyo Waaqa keenyaa ni eegna; isin garuu isa dhiiftaniirtu.
每日早晚向上主獻全燔祭,焚香,在清潔的桌子上陳設供餅,每晚點燃金燈台上的金燈。我們如此遵守了上主我們天主的職守,你們反而離棄了他。
12 Waaqni nu wajjin jira; inni qajeelchaa keenya. Luboonni isaas malakata isaanii afuufanii waraana isinitti ni waamu. Yaa namoota Israaʼel isin hin milkooftaniitii, Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii hin lolinaa.”
但是天主與我們在一起,作我們的前導;他的司祭手持警號,就要鳴號向你們進攻。以色列子民,你們不可與上主你們祖先的天主交戰! 你們決不會勝利! 」
13 Yerobiʼaam yeroo kanatti akka isaan utuma inni fuula Yihuudaa duraan jiruu karaa dugda duubaatiin isaan marsaniif loltoota isaa jaratti ni erge.
但是雅洛貝罕卻使伏兵繞到猶大背後,這樣以色列人在猶大人前面,伏兵在他們背後。
14 Namoonni Yihuudaa garagalanii akka duraa fi duubaan marfaman ni argan. Isaanis gara Waaqayyootti ni iyyatan; luboonni immoo malakata isaanii ni afuufan;
猶大人一轉身,見自己前後受敵,便呼籲上主,司祭們吹起號角,
15 namoonni Yihuudaas iyya waraanaa ni dhageessisan. Waaqnis iyya isaaniitiin Yerobiʼaamii fi Israaʼeloota hunda fuula Abiyaa fi Yihuudaa duraa ni barbadeesse.
猶大人就高聲吶喊。當猶大人吶喊時,天主在阿彼雅和猶大人前擊潰了雅洛貝罕和全以色列人。
16 Israaʼeloonni fuula Yihuudaa duraa ni baqatan; Waaqnis dabarsee harka Yihuudootaatti isaan kenne.
以色列人便由猶大前逃走,天主將他們交在猶大人手中。
17 Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume.
阿彼雅和他的軍隊對以色列大加殺戮,以色列被殺,喪亡的精兵有五十萬。
18 Lola sana irrattis namoonni Israaʼel akka malee ni dhaʼaman; namoonni Yihuudaa garuu sababii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii abdataniif ni moʼatan.
這一次以色列子民大敗,猶大子民獲得大勝,因為他們依靠了上主他們祖先的天主。
19 Abiyaanis Yerobiʼaamin ariʼee magaalaawwan Beetʼeel, Yishaanaa fi Efroon, gandoota naannoo isaanii jiran wajjin irraa ni fudhate.
阿彼雅追擊雅洛貝罕,奪取了他的幾座城;貝特耳及所屬村鎮,耶沙納及所屬村鎮,厄斐龍及所屬村鎮。
20 Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. Waaqayyo isa dhaʼe; innis ni duʼe.
阿彼雅在時,雅洛貝罕再沒有強盛起來;此後,上主打擊了他,他便去了世。[阿彼雅逝世]
21 Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche.
阿彼雅日漸強盛,娶了十四個妻妾,生了二十二個兒子,十六個女兒。
22 Wanni Abiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete biraa, waan inni hojjetee fi wanni inni dubbate galmee seenaa raajicha Iddoo keessatti barreeffameera.
阿彼雅其餘得事蹟和他的言行,都記載在先見者依多傳記上。

< 2 Seenaa 13 >