< 2 Seenaa 12 >

1 Rehooboʼaam erga mootii taʼee mootummaa isaa cimsatee booddee innii fi Israaʼeloonni isa wajjin jiraatan hundi seera Waaqayyoo eeguu didan.
ויהי כהכין מלכות רחבעם וכחזקתו עזב את תורת יהוה וכל ישראל עמו
2 Sababii isaan Waaqayyoof amanamuu didaniif waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
ויהי בשנה החמישית למלך רחבעם עלה שישק מלך מצרים על ירושלם כי מעלו ביהוה
3 Innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatamaa fi loltoota Liibiyaa, kan Sukkiimiitii fi kan Itoophiyaa warra baayʼinni isaanii hin beekamne kanneen isa wajjin Gibxii dhufan fudhatee,
באלף ומאתים רכב ובששים אלף פרשים ואין מספר לעם אשר באו עמו ממצרים--לובים סכיים וכושים
4 magaalaawwan Yihuudaa kanneen jajjabeeffamanii ijaaraman qabatee hamma Yerusaalemiitti ni dhufe.
וילכד את ערי המצרות אשר ליהודה ויבא עד ירושלם
5 Ergasii Shemaaʼiyaan raajichi gara Rehooboʼaamii fi bulchitoota Yihuudaa kanneen Shiishaaq sodaatanii Yerusaalem keessatti walitti qabamanii dhufee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Isin na dhiiftan; anis harka Shiishaaqitti isin kenneera’” jedhe.
ושמעיה הנביא בא אל רחבעם ושרי יהודה אשר נאספו אל ירושלם מפני שישק ויאמר להם כה אמר יהוה אתם עזבתם אתי ואף אני עזבתי אתכם ביד שישק
6 Bulchitoonni Israaʼelii fi Rehooboʼaam mootichi gad of deebisanii, “Waaqayyo qajeelaa dha” jedhan.
ויכנעו שרי ישראל והמלך ויאמרו צדיק יהוה
7 Yommuu Waaqayyo akka isaan gad of deebisan argetti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Shemaaʼiyaa dhufe; “Waan isaan gad of deebisaniif, ani dafeen isaan fura malee isaan hin balleessu. Dheekkamsi koos karaa Shiishaaqiin Yerusaalemitti hin dhangalaasu.
ובראות יהוה כי נכנעו היה דבר יהוה אל שמעיה לאמר נכנעו לא אשחיתם ונתתי להם כמעט לפליטה ולא תתך חמתי בירושלם ביד שישק
8 Taʼus isaan akka garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota biyya biraa tajaajiluu gidduu jiru beekaniif isaaf ni garboomu.”
כי יהיו לו לעבדים וידעו עבודתי ועבודת ממלכות הארצות
9 Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan guurratee gale.
ויעל שישק מלך מצרים על ירושלם ויקח את אצרות בית יהוה ואת אצרות בית המלך את הכל לקח ויקח את מגני הזהב אשר עשה שלמה
10 Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
ויעש המלך רחבעם תחתיהם מגני נחשת והפקיד על יד שרי הרצים השמרים פתח בית המלך
11 Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
ויהי מדי בוא המלך בית יהוה באו הרצים ונשאום והשבום אל תא הרצים
12 Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi Waaqayyoo isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture.
ובהכנעו שב ממנו אף יהוה ולא להשחית לכלה וגם ביהודה היה דברים טובים
13 Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
ויתחזק המלך רחבעם בירושלם--וימלך כי בן ארבעים ואחת שנה רחבעם במלכו ושבע עשרה שנה מלך בירושלם העיר אשר בחר יהוה לשום את שמו שם מכל שבטי ישראל ושם אמו נעמה העמנית
14 Inni sababii Waaqayyoon barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.
ויעש הרע כי לא הכין לבו לדרוש את יהוה
15 Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa raajichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
ודברי רחבעם הראשנים והאחרונים--הלא הם כתובים בדברי שמעיה הנביא ועדו החזה להתיחש ומלחמות רחבעם וירבעם כל הימים
16 Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
וישכב רחבעם עם אבתיו ויקבר בעיר דויד וימלך אביה בנו תחתיו

< 2 Seenaa 12 >