< 2 Seenaa 11 >
1 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaamiif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa fi Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
[上主禁止進攻以色列]勒哈貝罕一回到耶路撒冷,即刻召集猶大和本雅明家族中十八萬善戰的精兵,去攻打以色列,想把王國奪回,再歸屬勒哈貝罕。
2 Garuu dubbiin Waaqayyoo kun akkana jedhee gara nama Waaqaa gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
但是,上主有話傳於天主的人舍瑪雅說:「
3 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatii fi Israaʼeloota Yihuudaa fi Beniyaam keessa jiraatan hundaan akkana jedhi;
你去告訴撒羅滿的兒子猶大王勒哈貝罕,及所有猶大和本雅明的以色列人說:
4 ‘Waaqayyo akkana jedha: Obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyootiif ajajamanii Yerobiʼaamitti duuluu dhiisanii deebiʼan.
上主這樣說:你們不可前去攻打你們的弟兄! 你們各人回本家罷! 因為這事是出於我。」他們便聽從上主的話,都回去了,沒有去攻打雅洛貝罕。[勒哈貝罕加強防禦工事]
5 Rehooboʼaam Yerusaalem keessa jiraatee Yihuudaa keessatti immoo magaalaawwan ittisaa ni ijaarrate; isaanis:
勒哈貝罕住在耶路撒冷,在猶大修築了各成的防禦工事,
6 Beetlihem, Eexaam, Teqooʼaa,
即修築了白冷、厄坦、特科亞、
7 Beet Zuuri, Sookoo, Adulaam,
貝特族爾、索苛、阿杜藍、
8 Gaati, Maareeshaa, Ziif,
加特、瑪勒沙、齊弗、
9 Adooraayim, Laakkiish, Azeeqaa,
阿多蘭、拉基士、阿則卡、
10 Zoraa, Ayaaloonii fi Kebrooni. Isaan kunneen magaalaawwan Yihuudaa fi Beniyaam keessatti jabeeffamanii ijaaramanii dha.
祚辣、阿雅隆和赫貝龍:這些都是猶大和本雅明境內設防的城。
11 Innis ittisa isaanii jajjabeessee ajajjoota itti galche; nyaata, zayitii ejersaatii fi daadhii wayiniis achitti ni kuuse.
他加強鞏固這些城,派軍駐守,儲備食糧,酒、油;
12 Magaalaawwan hunda keessas gaachanaa fi eeboo kaaʼee akka isaan jabaatan ni godhe. Akkasiinis Yihuudaa fi Beniyaamin kan ofii isaa godhate.
各城內又備有干戈,使之極其堅固,為統治猶大和本雅明。[聖職人員來歸]
13 Luboonnii fi Lewwonni aanaalee Israaʼel hunda keessa jiraatan gara isaa goran.
凡以色列所有的司祭和肋未人都由各地歸勒哈貝罕。
14 Sababii Yerobiʼaamii fi ilmaan isaa akka luboota Waaqayyootti isaan ilaaluu didaniif, Lewwonni lafa dheeda isaanii fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Yihuudaa fi Yerusaalem dhufan.
肋未人離開自己的牧場和產業,來到猶大和耶路撒冷,是因為雅洛貝罕和他的兒子們拒絕他們充當司祭,服事上主,
15 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate.
而另為高丘、公山羊像和自己所製的牛犢委派了司祭。
16 Warri gosoota Israaʼel hunda keessaa garaan isaanii Waaqayyo Waaqa Israaʼel bira jiru Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf Lewwota duukaa buʼanii Yerusaalem dhaqan.
為此,以色列各支派中,凡專心尋求上主以色列天主的,都隨那些肋未人到了耶路撒冷,向上主他們祖先的天主奉獻犧牲。
17 Isaanis mootummaa Yihuudaa jajjabeessaa waggaa sadii Rehooboʼaam ilma Solomoon ni gargaaran; isaan waggoota sadan kana keessa karaa Daawitii fi Solomoon duukaa buʼaa turaniitii.
如此,這般人加強了猶大的國勢,使撒羅滿的兒子勒哈貝罕有了勢力,凡三年之久,因為他們在三年之中,遵循了達味和撒羅滿的道路。[勒哈貝罕的家室]
18 Rehooboʼaamis Maahalaati intala Yeriimooti ilma Daawitii fi Abiihaayil fuudhe; Abiihaayil kun immoo intala Eliiyaab ilma Isseey.
勒哈貝罕取了達味之子耶黎摩特的女兒,亦即葉瑟之子厄里雅布的女兒阿彼海耳的女兒瑪哈拉特為妻。
19 Isheenis: Yeʼuushi, Shemaariyaa fi Zahaam deesseef.
瑪哈拉特給他生的兒子,即耶烏士、舍瑪黎雅和匝罕。
20 Ergasii immoo Maʼakaa intala Abesaaloom ni fuudhe; isheenis Abiyaa, Ataayi, Ziizaa fi Sheloomiit deesseef.
以後,他又娶了阿貝沙隆的外孫女瑪阿加,她生了阿彼雅,阿泰、齊匝和舍羅米特。
21 Rehooboʼaamis niitotaa isaa kaanii fi saajjatoowwan isaa caalaa Maʼakaa intala Abesaaloom ni jaallate. Innis walumatti niitota kudha saddeet, saajjatoowwan jaatama, ilmaan digdamii saddeetii fi intallan jaatama qaba ture.
勒哈貝罕共娶了十八個妻子,六十個妾侍,生了二十八個兒子,六十個女兒;但他愛阿貝沙龍的外孫女瑪阿加,超過其他的妻妾。
22 Rehooboʼaamis mootii isa gochuuf jedhee Abiyaa ilma Maʼakaa sana obboloota isaa ilmaan mootii keessaa hoogganaa godhee muude.
勒哈貝罕遂將瑪阿加的兒子阿彼雅立為儲君,為眾兄弟之長,有意立他為王。
23 Innis ogummaan ilmaan isaa keessaa tokko tokko aanaalee Yihuudaa fi Beniyaam keessa, gara magaalaawwan jabeeffamanii ijaaraman hundaatti ni erge. Ilmaan isaaf nyaata isaan gaʼu kennee niitota baayʼee illee isaan ni fuusise.
勒哈貝罕作事聰明,將他所有的兒子分派在猶大和本雅明全境所有設防的城內,供給他們豐富食糧,並給他們娶了許多妻妾。