< 2 Seenaa 10 >
1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
Rehoboamu akaenda Shekemu, kwa kuwa Waisraeli wote walikuwa wamekwenda huko kumfanya yeye kuwa mfalme.
2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
Yeroboamu mwana wa Nebati aliposikia hili (alikuwa bado yuko Misri alikokuwa amekimbilia awe mbali na Mfalme Solomoni), akarudi kutoka Misri.
3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
Kwa hiyo wakatuma watu kumwita Yeroboamu, yeye na kusanyiko lote la Israeli wakamwendea Rehoboamu na kumwambia,
4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
“Baba yako aliweka nira nzito, lakini sasa tupunguzie kazi za kikatili na nira nzito aliyoweka juu yetu, nasi tutakutumikia.”
5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
Rehoboamu akajibu, “Nendeni kwa muda wa siku tatu na kisha mnirudie.” Basi watu wakaenda zao.
6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
Kisha Mfalme Rehoboamu akataka shauri kwa wazee ambao walimtumikia Solomoni baba yake wakati wa uhai wake akawauliza, “Mnanishauri nini katika kuwajibu watu hawa?”
7 Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
Wakajibu, “Kama leo utakuwa mtumishi wa watu hawa na kuwahudumia na kuwapa jibu linaloridhisha, watakuwa watumishi wako daima.”
8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
Lakini Rehoboamu akakataa shauri alilopewa na wazee na akataka ushauri kwa vijana wanaume rika lake waliokuwa wakimtumikia.
9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
Akawauliza, “Ninyi ushauri wenu ni nini? Tutawajibuje watu hawa wanaoniambia, ‘Ifanye nyepesi nira baba yako aliyoweka juu yetu?’”
10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
Wale vijana wa rika lake wakamjibu, “Waambie watu hawa waliokuambia, ‘Baba yako aliweka nira nzito juu yetu, lakini ifanye nira yetu nyepesi,’ kuwa, ‘Kidole changu kidogo ni kinene kuliko kiuno cha baba yangu.
11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’”
Baba yangu aliweka nira nzito juu yenu, mimi nitaifanya hata iwe nzito zaidi. Baba yangu aliwachapa kwa mijeledi; mimi nitawachapa kwa nge.’”
12 Bultii sadii booddee akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana Yerobiʼaamii fi namoonni hundi gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
Siku tatu baadaye, Yeroboamu na watu wote wakamrudia Rehoboamu, kama mfalme alivyokuwa amesema, “Rudini kwangu baada ya siku tatu.”
13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee,
Mfalme akawajibu watu kwa ukatili. Akikataa shauri alilopewa na wazee,
14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
akafuata shauri la vijana wa rika lake na kusema, “Baba yangu alifanya nira yenu kuwa nzito, mimi nitaifanya kuwa nzito zaidi. Baba yangu aliwachapa kwa mijeledi, mimi nitawachapa kwa nge.”
15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
Kwa hiyo mfalme hakuwasikiliza watu, kwa kuwa jambo hili lilitoka kwa Mungu ili kutimiza neno ambalo Bwana alikuwa amenena kwa Yeroboamu mwana wa Nebati kupitia Ahiya Mshiloni.
16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti, akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit atis mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni hundi gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
Israeli wote walipoona kuwa mfalme amekataa kuwasikiliza, wakamjibu mfalme: “Tuna fungu gani kwa Daudi? Sisi hatuna urithi kwa mwana wa Yese. Nendeni kwenye mahema yenu, ee Israeli, angalia nyumba yako mwenyewe, ee Daudi!” Hivyo Waisraeli wakaenda kwenye mahema yao.
17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
Lakini kwa habari ya Waisraeli waliokuwa wakiishi katika miji ya Yuda, Rehoboamu akaendelea kuwatawala bado.
18 Rehooboʼaam mootichis Hadooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼeloonni immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rehooboʼaam mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
Mfalme Rehoboamu akamtuma Adoniramu aliyekuwa msimamizi wa wale waliofanya kazi ngumu kwa kulazimishwa, lakini Israeli wote wakampiga kwa mawe hadi akafa. Hata hivyo, Mfalme Rehoboamu, akafanikiwa kuingia kwenye gari lake na kutorokea Yerusalemu.
19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
Hivyo Israeli wakaasi dhidi ya nyumba ya Daudi hadi leo.