< 2 Seenaa 10 >
1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
And Rehoboam went to Shechem; for all Israel had come to Shechem to make him king.
2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
And it came to pass when Jeroboam the son of Nebat heard it (now he was in Egypt, whither he had fled from the presence of king Solomon) that Jeroboam returned out of Egypt.
3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
And they sent and called him; and Jeroboam and all Israel came and spoke to Rehoboam saying,
4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
Thy father made our yoke grievous; and now lighten the grievous servitude of thy father, and his heavy yoke that he put upon us, and we will serve thee.
5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
And he said to them, Come again to me after three days. And the people departed.
6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
And king Rehoboam consulted with the old men, who had stood before Solomon his father while he yet lived, saying, How do ye advise to return answer to this people?
7 Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
And they spoke to him saying, If thou be kind to this people, and please them, and speak good words to them, they will be thy servants for ever.
8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
But he forsook the advice of the old men which they had given him, and consulted with the young men, who had grown up with him, that stood before him.
9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
And he said to them, What advice give ye that we may return answer to this people, who have spoken to me saying, Lighten the yoke which thy father put upon us?
10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
And the young men that had grown up with him spoke to him saying, Thus shalt thou say to the people who have spoken to thee saying, Thy father made our yoke heavy, and lighten thou it for us, — thus shalt thou say to them: My little [finger] is thicker than my father's loins;
11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’”
and whereas my father laid a heavy yoke upon you, I will add to your yoke: my father chastised you with whips, but I [will chastise you] with scorpions.
12 Bultii sadii booddee akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana Yerobiʼaamii fi namoonni hundi gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
And Jeroboam and all the people came to Rehoboam the third day, as the king had appointed saying, Come again to me on the third day.
13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee,
And the king answered them roughly; and king Rehoboam forsook the advice of the old men,
14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
and spoke to them according to the advice of the young men, saying, My father made your yoke heavy, but I will add to it; my father chastised you with whips, but I [will chastise you] with scorpions.
15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
So the king hearkened not to the people; for it was brought about by God, that Jehovah might give effect to his word, which he spoke through Ahijah the Shilonite to Jeroboam the son of Nebat.
16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti, akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit atis mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni hundi gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
And all Israel saw that the king hearkened not to them; and the people answered the king saying, What portion have we in David? and [we have] no inheritance in the son of Jesse: every man to your tents, O Israel. Now see to thine own house, David! And all Israel went to their tents.
17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
But as for the children of Israel that dwelt in the cities of Judah, Rehoboam reigned over them.
18 Rehooboʼaam mootichis Hadooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼeloonni immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rehooboʼaam mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
And king Rehoboam sent Hadoram, who was over the levy; but the children of Israel stoned him with stones, that he died. And king Rehoboam hastened to mount his chariot, to flee to Jerusalem.
19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
And Israel rebelled against the house of David, unto this day.