< 2 Seenaa 1 >
1 Sababii Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Solomoon ilmi Daawit jabaatee mootummaa isaa irra bule.
Solomon ɗan Dawuda ya kafa kansa sosai a bisa masarautarsa, gama Ubangiji Allahnsa yana tare da shi ya kuma sa ya zama mai girma sosai.
2 Ergasiis Solomoon Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate;
Sai Solomon ya yi magana ga dukan Isra’ila, ga shugabannin mayaƙa dubu-dubu da shugabannin mayaƙa ɗari-ɗari, ga alƙalai da kuma ga dukan shugabanni a Isra’ila, kawunan iyalai,
3 sababii dunkaanni wal gaʼii kan Waaqaa inni Museen garbichi Waaqayyoo sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Solomoonii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan.
Solomon tare da dukan taron suka tafi masujadan kan tudu a Gibeyon, gama Tentin Sujadar Allah yana can, wanda Musa bawan Ubangiji ya yi a hamada.
4 Daawitis taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii.
Dawuda ya riga ya haura da akwatin alkawarin Allah daga Kiriyat Yeyarim zuwa inda ya shirya dominsa, domin yă kafa masa tenti a Urushalima.
5 Garuu iddoon aarsaa kan Bezaliʼeel ilmi Uuri, ilmi Huuri naasii irraa hojjete sun fuula dunkaana qulqulluu Waaqayyoo sanaa dura ture; kanaafuu Solomoonii fi yaaʼiin sun achitti Waaqa kadhatan.
Amma bagaden tagullar da Bezalel ɗan Uri, ɗan Hur, ya yi a Gibeyon a gaba tabanakul na Ubangiji; saboda haka Solomon da taron suka neme nufin Ubangiji a can.
6 Solomoonis gara iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sanaatti ol baʼee aarsaa gubamu 1,000 achi irratti ni dhiʼeesse.
Solomon ya haura zuwa bagaden tagulla a gaban Ubangiji a cikin Tentin Sujada, ya kuma miƙa hadayu na ƙonawa dubbai a kansa.
7 Waaqnis halkan sana Solomoonitti mulʼatee, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedheen.
A wannan dare Allah ya bayyana ga Solomon, ya ce masa, “Roƙi duk abin da kake so in ba ka.”
8 Solomoon immoo akkana jedhee Waaqaaf deebise; “Ati abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote; anas iddoo isaa buuftee mootii gooteerta.
Solomon ya amsa wa Allah, “Ka nuna alheri mai girma ga Dawuda mahaifina ka kuma naɗa ni sarki a matsayinsa.
9 Egaa yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, abdiin ati abbaa koo Daawitiif kennite sun fiixaan haa baʼu; ati saba akka biyyoo lafaa baayʼatu irratti mootii na gooteertaatii.
To, yanzu, ya Ubangiji Allah, ka cika alkawarin da ka yi ga mahaifina Dawuda yă tabbata, gama ka naɗa ni sarki a bisa mutanen da suka wuce ƙirge kamar ƙurar ƙasa.
10 Akka ani saba kana hoogganuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”
Ka ba ni hikima da sani, don in iya jagorance wannan mutane, gama wa zai iya shugabance wannan jama’arka mai girma?”
11 Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef,
Allah ya ce wa Solomon, “Da yake wannan ne sha’awar zuciyarka, ba ka kuwa nemi wadata, arziki ko girma ba, ba ka kuma nemi mutuwar abokan gābanka ba, da yake kuma ba ka nemi tsawon rai ba, amma ka nemi hikima da sani don ka shugabanci jama’ata wadda na naɗa ka sarki,
12 ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.”
saboda haka za a ba ka hikima da sani. Zan kuma ba ka wadata, arziki da girma, waɗanda babu wani sarki kafin kai da ya taɓa kasance da su kuma babu wani a bayanka da zai kasance da su.”
13 Solomoon ergasii iddoo sagadaa kan Gibeʼoon keessaa sanaa, fuula dunkaana wal gaʼii duraa kaʼee Yerusaalem dhaqe. Innis Israaʼel irratti mootii taʼe.
Sa’an nan Solomon ya tafi Urushalima daga masujadar kan tudu a Gibeyon, da kuma daga gaban Tentin Sujada. Ya kuma yi mulki a bisa Isra’ila.
14 Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.
Solomon ya tara kekunan yaƙi da dawakai, ya kasance da kekunan yaƙi dubu da ɗari huɗu da kuma dawakai dubu goma sha biyu, waɗanda ya ajiye a biranen kekunan yaƙi, da kuma tare da shi a Urushalima.
15 Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
Sarki ya sa azurfa da zinariya suka zama barkatai a Urushalima kamar duwatsu, al’ul kuma kamar itatuwan fir a gindin tsaunuka.
16 Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.
Aka shigo da dawakan Solomon daga Masar da kuma daga Kuye’yan kasuwan fada suka saye su daga Kuye.
17 Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.
Suka shigo da kekunan yaƙi daga Masar a kan shekel ɗari shida-shida na azurfa, doki kuma a kan shekel ɗari da hamsin-hamsin. Suka kuma riƙa fitar da su ƙasashen waje zuwa dukan sarakunan Hittiyawa da na Arameyawa.