< 1 Xiimotewos 1 >

1 Phaawulos isa ajaja fayyisaa keenya Waaqaatii fi abdii keenya Kiristoos Yesuusiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
Pavao, apostol Krista Isusa po nalogu Boga, Spasitelja našega, i Krista Isusa, nade naše,
2 Gara Xiimotewos isa amantiidhaan ilma koo dhugaa taʼeetti: Waaqa Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
Timoteju, pravomu sinu u vjeri: milost, milosrđe i mir od Boga Oca i Krista Isusa, Gospodina našega!
3 Akkuma ani yeroo Maqedooniyaa dhaqetti si gorse sana ati akka namoonni tokko tokko barsiisa addaa hin barsiifne akka ajajjuuf achuma Efesoon turi;
Kao što sam te zamolio kad sam odlazio u Makedoniju, ostani u Efezu da zapovijediš nekima neka ne naučavaju drugih nauka
4 akkasumas akka isaan oduu hundee hin qabnee fi hidda dhalootaa kan dhuma hin qabne sanaan hin fudhatamne isaan ajaji. Wanni kun hojii Waaqaa kan amantiin taʼu guddisuu irra mormii kakaasaatii.
i neka se ne zanose beskrajnim bajkama i rodoslovljima, koja više pogoduju rasprama negoli rasporedbi Božjoj po vjeri.
5 Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
Svrha je te zapovijedi ljubav iz čista srca, dobre savjesti i vjere neprijetvorne.
6 Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru.
To su neki promašili i zastranili u praznorječje;
7 Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu.
htjeli bi biti učitelji Zakona, a ne razumiju ni što govore ni što tvrde.
8 Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna.
A mi znamo da je Zakon dobar ako se tko njime služi zakonito,
9 Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna;
svjestan toga da je Zakon tu ne za pravednika nego za bezakonike i nepokornike, nepobožnike i grešnike, bezbožnike i svetogrdnike, ocoubojice i materoubojice, koljače,
10 akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
bludnike, muškoložnike, trgovce ljudima, varalice, krivokletnike, i ima li još što protivno zdravom nauku -
11 kunis wangeela ulfina qabeessa kan Waaqa eebbifamaa irraa imaanaa natti kenname sana wajjin walii gala.
po evanđelju Slave blaženoga Boga koje je meni povjereno.
12 Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha.
Zahvalan sam Onome koji mi dade snagu - Kristu Isusu, Gospodinu našemu - jer me smatrao vrijednim povjerenja, kad u službu postavi mene
13 Ani kanaan dura nama nama arrabsu, kan nama ariʼatuu fi kan nama miidhu taʼu iyyuu sababii ani wallaalummaa fi amantii dhabuun waan kana hojjedheef araara argadhe.
koji prije bijah hulitelj, progonitelj i nasilnik. Ali pomilovan sam jer sam to u neznanju učinio, još u nevjeri.
14 Ayyaanni Gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin argamu wajjin baayʼinaan narratti dhangalaafame.
I milost Gospodina našega preobilovala je zajedno s vjerom i ljubavlju, u Kristu Isusu.
15 Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara addunyaa dhufe” jedhu sun amanamaa dha; namni hundinuus kana fudhachuu qaba; cubbamoota sana keessaas cubbamaan cubbamoota hunda caalu ana.
Vjerodostojna je riječ i vrijedna da se posve prihvati: Isus Krist dođe na svijet spasiti grešnike, od kojih sam prvi ja.
16 Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame. (aiōnios g166)
A pomilovan sam zato da na meni prvome Isus Krist pokaže svu strpljivost i pruži primjer svima koji će povjerovati u njega za život vječni. (aiōnios g166)
17 Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
A Kralju vjekova, besmrtnome, nevidljivome, jedinome Bogu čast i slava u vijeke vjekova. Amen. (aiōn g165)
18 Yaa ilma koo Xiimotewos, akkuma raajii kanaan dura waaʼee kee dubbatame sanaatti, akka ati lola gaarii loltuuf ani ajaja kana siifin kenna;
Taj ti zadatak predajem, sine Timoteju, u skladu s proroštvima nekoć nad tobom izrečenima: na njih oslonjen, bij boj plemeniti
19 waan kanas amantii fi qalbii qajeelaa qabaachuudhaan godhi. Namoonni tokko tokko waan kana gochuu didanii amantii isaanii balleessaniiru.
imajući vjeru i dobru savjest, koju su neki odbacili i doživjeli brodolom vjere.
20 Himenewoosii fi Iskindiroos warri ani akka isaan Waaqa arrabsuu dhiisuu barataniif dabarsee Seexanatti kenne sun isaan keessatti argamu.
Među njima je Himenej i Aleksandar, koje sam predao Sotoni da nauče ne huliti.

< 1 Xiimotewos 1 >