< 1 Xiimotewos 6 >

1 Akka maqaan Waaqaatii fi barsiisni keenya hin arrabsamneef warri waanjoo garbummaa jala jiran hundinuu akka ulfinni guutuun gooftota isaaniitiif malutti haa ilaalan.
Którzykolwiek słudzy są pod jarzmem, niech rozumieją panów swych godnych być wszelakiej czci, aby imię Boże i nauka nie była bluźniona.
2 Warri gooftota amanan qabanis sababii isaan obboloota taʼaniif isaan hin tuffatin. Qooda kanaa warri tajaajila isaaniitiin fayyadaman sun waan isaan amantootaa fi jaallatamtoota taʼaniif ittuma cimsanii isaan haa tajaajilan. Atis waan kana barsiisi; gorsis.
A którzy mają panów wiernych, niech nimi nie gardzą, dlatego iż są braćmi, ale tem raczej niech służą, iż są wierni i mili, dobrodziejstwa Bożego uczestnicy. Tego nauczaj i do tego upominaj.
3 Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle,
Jeźli kto inaczej uczy, a nie przystępuje do zdrowych mów Pana naszego, Jezusa Chrystusa, i do tej nauki, która jest według pobożności,
4 inni of tuulummaan guutameera; waan tokko iyyuus hin hubatu. Inni waaʼee jechootaa irratti morkii fi lolaaf fedhii hamaa qaba; kunis hinaaffaa, wal dhabuu, arrabsoo fi shakkii hamaa fida;
Taki nadęty jest i nic nie umie, ale szaleje około gadek i sporów o słowa, z których pochodzi zazdrość, swar, złorzeczenia, złe podejrzenia,
5 namoota qalbiin isaanii badee dhugaanis irraa fudhatame kanneen Waaqatti buluu karaa ittiin maallaqni argamu seʼan gidduuttis walitti buʼiisa dhuma hin qabnetu uumama.
Przewrotne ćwiczenia ludzi umysłu skażonego i którzy pozbawieni są prawdy, którzy rozumieją, że pobożność jest zyskiem cielesnym; odstąpże od takich.
6 Waaqatti buluun, “Wanni ani qabu na gaʼa” jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba.
A jestci wielki zysk pobożność z przestawaniem na swem;
7 Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu.
Albowiem niceśmy nie przynieśli na ten świat, bez pochyby że też wynieść nic nie możemy;
8 Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.
Ale mając żywność i odzienie, na tem przestawać mamy.
9 Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu.
Bo którzy chcą bogatymi być, wpadają w pokuszenie i w sidło, i w wiele głupich i szkodliwych pożądliwości, które pogrążają ludzi na zatracenie i zginienie.
10 Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
Albowiem korzeń wszystkiego złego jest miłość pieniędzy, których niektórzy pragnąc, pobłądzili od wiary i poprzebijali się wieloma boleściami.
11 Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.
Ale ty, człowiecze Boży! chroń się takich rzeczy, a naśladuj sprawiedliwości, pobożności, wiary, miłości, cierpliwości, cichości.
12 Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu. (aiōnios g166)
Bojuj on dobry bój wiary, chwyć się żywota wiecznego, do któregoś też powołany, i wyznałeś dobre wyznanie przed wieloma świadkami. (aiōnios g166)
13 Ani fuula Waaqa waan hundaaf jireenya kennuu duratti, fuula Kiristoos Yesuus kan yommuu Phonxoos Phiilaaxoos duratti dhugaa baʼetti akka gaarii beeksise sanaa durattis,
Rozkazuję ci przed Bogiem, który wszystko ożywia i przed Chrystusem Jezusem, który oświadczył przed Ponckim Piłatem dobre wyznanie,
14 akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa.
Abyś zachował to przykazanie, będąc bez zmazy, bez nagany, aż do objawienia Pana naszego, Jezusa Chrystusa,
15 Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa;
Które czasów swoich okaże on błogosławiony i sam możny król królujących i Pan panujących;
16 kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōnios g166)
Który sam ma nieśmiertelność i mieszka w światłości nieprzystępnej, którego nie widział żaden z ludzi, ani widzieć może; któremu niech będzie cześć i moc wieczna. Amen. (aiōnios g166)
17 Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji. (aiōn g165)
Bogaczom w tym teraźniejszym wieku rozkaż, aby nie byli wysokomyślnymi, ani nadziei pokładali w bogactwie niepewnem, ale w Bogu żywym, który nam wszystkiego obficie ku używaniu dodaje: (aiōn g165)
18 Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji.
Aby innym dobrze czynili, w uczynki dobre bogatymi byli, radzi dawali, a radzi udzielali,
19 Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu.
Skarbiąc sami sobie grunt dobry na przyszły czas, aby otrzymali żywot wieczny.
20 Yaa Xiimotewos, waan imaanaa sitti kenname jabeessii eegi. Oduu Waaqni hin jaallannee fi yaada mormii kan sobaan “Beekumsa” jedhamu irraa fagaadhu;
O Tymoteuszu! strzeż tego, czegoć się powierzono, a brzydź się świecką próżnomównością i sprzeczaniem około fałszywie nazwanej umiejętności,
21 namoonni tokko tokko, “Nu beekumsa akkasii qabna” jechuun amantii irraa badaniiruutii. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.
Którą się niektórzy szczycąc z strony wiary, celu uchybili. Łaska niech będzie z tobą. Amen.

< 1 Xiimotewos 6 >