< 1 Xiimotewos 4 >

1 Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
Τὸ δὲ πνεῦμα ῥητῶς λέγει ὅτι ἐν ὑστέροις καιροῖς ἀποστήσονταί τινες τῆς πίστεως, προσέχοντες πνεύμασιν πλάνοις καὶ διδασκαλίαις δαιμονίων,
2 Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa.
ἐν ὑποκρίσει ψευδολόγων, κεκαυστηριασμένων τὴν ἰδίαν συνείδησιν,
3 Isaanis fuudhaa fi heeruma dhowwu; nyaata Waaqni akka warri amananii fi warri dhugaa beekan galataan fudhatanii nyaataniif jedhee uume sanas akka namoonni lagatan ajaju.
κωλυόντων γαμεῖν, ἀπέχεσθαι βρωμάτων ἃ ὁ θεὸς ἔκτισεν εἰς μετάλημψιν μετὰ εὐχαριστίας τοῖς πιστοῖς καὶ ἐπεγνωκόσι τὴν ἀλήθειαν.
4 Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru;
ὅτι πᾶν κτίσμα θεοῦ καλόν, καὶ οὐδὲν ἀπόβλητον μετὰ εὐχαριστίας λαμβανόμενον,
5 inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
ἁγιάζεται γὰρ διὰ λόγου θεοῦ καὶ ἐντεύξεως.
6 Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata.
Ταῦτα ὑποτιθέμενος τοῖς ἀδελφοῖς καλὸς ἔσῃ διάκονος Χριστοῦ Ἰησοῦ, ἐντρεφόμενος τοῖς λόγοις τῆς πίστεως καὶ τῆς καλῆς διδασκαλίας ᾗ παρηκολούθηκας·
7 Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.
τοὺς δὲ βεβήλους καὶ γραώδεις μύθους παραιτοῦ. γύμναζε δὲ σεαυτὸν πρὸς εὐσέβειαν·
8 Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.
ἡ γὰρ σωματικὴ γυμνασία πρὸς ὀλίγον ἐστὶν ὠφέλιμος, ἡ δὲ εὐσέβεια πρὸς πάντα ὠφέλιμός ἐστιν, ἐπαγγελίαν ἔχουσα ζωῆς τῆς νῦν καὶ τῆς μελλούσης.
9 Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha.
πιστὸς ὁ λόγος καὶ πάσης ἀποδοχῆς ἄξιος·
10 Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.
εἰς τοῦτο γὰρ κοπιῶμεν καὶ ἀγωνιζόμεθα, ὅτι ἠλπίκαμεν ἐπὶ θεῷ ζῶντι, ὅς ἐστιν σωτὴρ πάντων ἀνθρώπων, μάλιστα πιστῶν.
11 Wantoota kanneen ajaji; barsiisis.
Παράγγελλε ταῦτα καὶ δίδασκε.
12 Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.
μηδείς σου τῆς νεότητος καταφρονείτω, ἀλλὰ τύπος γίνου τῶν πιστῶν ἐν λόγῳ, ἐν ἀναστροφῇ, ἐν ἀγάπῃ, ἐν πίστει, ἐν ἁγνείᾳ.
13 Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
ἕως ἔρχομαι πρόσεχε τῇ ἀναγνώσει, τῇ παρακλήσει, τῇ διδασκαλίᾳ.
14 Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin.
μὴ ἀμέλει τοῦ ἐν σοὶ χαρίσματος, ὃ ἐδόθη σοι διὰ προφητείας μετὰ ἐπιθέσεως τῶν χειρῶν τοῦ πρεσβυτερίου.
15 Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni.
ταῦτα μελέτα, ἐν τούτοις ἴσθι, ἵνα σου ἡ προκοπὴ φανερὰ ᾖ πᾶσιν.
16 Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.
ἔπεχε σεαυτῷ καὶ τῇ διδασκαλίᾳ· ἐπίμενε αὐτοῖς· τοῦτο γὰρ ποιῶν καὶ σεαυτὸν σώσεις καὶ τοὺς ἀκούοντάς σου.

< 1 Xiimotewos 4 >