< 1 Xiimotewos 3 >

1 Jechi, “Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa” jedhu kun amanamaa dha.
ยทิ กศฺจิทฺ อธฺยกฺษปทมฺ อากางฺกฺษเต ตรฺหิ ส อุตฺตมํ กรฺมฺม ลิปฺสต อิติ สตฺยํฯ
2 Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
อโต'ธฺยกฺเษณานินฺทิเตไนกสฺยา โยษิโต ภรฺตฺรา ปริมิตโภเคน สํยตมนสา สเภฺยนาติถิเสวเกน ศิกฺษเณ นิปุเณน
3 kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba.
น มทฺยเปน น ปฺรหารเกณ กินฺตุ มฺฤทุภาเวน นิรฺวฺวิวาเทน นิโรฺลเภน
4 Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba.
สฺวปริวาราณามฺ อุตฺตมศาสเกน ปูรฺณวินีตตฺวาทฺ วศฺยานำ สนฺตานานำ นิยนฺตฺรา จ ภวิตวฺยํฯ
5 Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa?
ยต อาตฺมปริวารานฺ ศาสิตุํ โย น ศกฺโนติ เตเนศฺวรสฺย สมิเตสฺตตฺตฺวาวธารณํ กถํ การิษฺยเต?
6 Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin.
อปรํ ส ครฺวฺวิโต ภูตฺวา ยตฺ ศยตาน อิว ทณฺฑโยโคฺย น ภเวตฺ ตทรฺถํ เตน นวศิเษฺยณ น ภวิตวฺยํฯ
7 Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.
ยจฺจ นินฺทายำ ศยตานสฺย ชาเล จ น ปเตตฺ ตทรฺถํ เตน พหิ: สฺถโลกานามปิ มเธฺย สุขฺยาติยุกฺเตน ภวิตวฺยํฯ
8 Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu.
ตทฺวตฺ ปริจารไกรปิ วินีไต รฺทฺวิวิธวากฺยรหิไต รฺพหุมทฺยปาเน 'นาสกฺไต รฺนิโรฺลไภศฺจ ภวิตวฺยํ,
9 Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu.
นิรฺมฺมลสํเวเทน จ วิศฺวาสสฺย นิคูฒวากฺยํ ธาติวฺยญฺจฯ
10 Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan.
อเคฺร เตษำ ปรีกฺษา กฺริยตำ ตต: ปรมฺ อนินฺทิตา ภูตฺวา เต ปริจรฺยฺยำ กุรฺวฺวนฺตุฯ
11 Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.
อปรํ โยษิทฺภิรปิ วินีตาภิรนปวาทิกาภิ: สตรฺกาภิ: สรฺวฺวตฺร วิศฺวาสฺยาภิศฺจ ภวิตวฺยํฯ
12 Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba.
ปริจารกา เอไกกโยษิโต ภรฺตฺตาโร ภเวยุ: , นิชสนฺตานานำ ปริชนานาญฺจ สุศาสนํ กุรฺยฺยุศฺจฯ
13 Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Kiristoos Yesuusitti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu.
ยต: สา ปริจรฺยฺยา ไย รฺภทฺรรูเปณ สาธฺยเต เต เศฺรษฺฐปทํ ปฺราปฺนุวนฺติ ขฺรีษฺเฏ ยีเศา วิศฺวาเสน มโหตฺสุกา ภวนฺติ จฯ
14 Ani akkan dafee gara kee dhufu abdadhee qajeelfama kana siif nan barreessa;
ตฺวำ ปฺรเตฺยตตฺปตฺรเลขนสมเย ศีฆฺรํ ตฺวตฺสมีปคมนสฺย ปฺรตฺยาศา มม วิทฺยเตฯ
15 kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.
ยทิ วา วิลมฺเพย ตรฺหีศฺวรสฺย คฺฤเห 'รฺถต: สตฺยธรฺมฺมสฺย สฺตมฺภภิตฺติมูลสฺวรูปายามฺ อมเรศฺวรสฺย สมิเตา ตฺวยา กีทฺฤศ อาจาร: กรฺตฺตวฺยสฺตตฺ ชฺญาตุํ ศกฺษฺยเตฯ
16 Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, Inni fooniin mulʼate; Hafuuraan mirkaneeffame; ergamoota Waaqaatu isa arge; saboota keessatti lallabame; addunyaa irratti itti amaname; ulfinaan ol fudhatame.
อปรํ ยสฺย มหตฺตฺวํ สรฺวฺวสฺวีกฺฤตมฺ อีศฺวรภกฺเตสฺตตฺ นิคูฒวากฺยมิทมฺ อีศฺวโร มานวเทเห ปฺรกาศิต อาตฺมนา สปุณฺยีกฺฤโต ทูไต: สนฺทฺฤษฺฏ: สรฺวฺวชาตียานำ นิกเฏ โฆษิโต ชคโต วิศฺวาสปาตฺรีภูตเสฺตช: ปฺราปฺตเย สฺวรฺคํ นีตศฺเจติฯ

< 1 Xiimotewos 3 >