< 1 Xiimotewos 2 >
1 Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa;
παρακαλω ουν πρωτον παντων ποιεισθαι δεησεις προσευχας εντευξεις ευχαριστιας υπερ παντων ανθρωπων
2 nus akka Waaqa sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu.
υπερ βασιλεων και παντων των εν υπεροχη οντων ινα ηρεμον και ησυχιον βιον διαγωμεν εν παση ευσεβεια και σεμνοτητι
3 Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Waaqaa durattis fudhatamaa dha;
τουτο γαρ καλον και αποδεκτον ενωπιον του σωτηρος ημων θεου
4 Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.
ος παντας ανθρωπους θελει σωθηναι και εις επιγνωσιν αληθειας ελθειν
5 Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;
εις γαρ θεος εις και μεσιτης θεου και ανθρωπων ανθρωπος χριστος ιησους
6 Yesuus kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera.
ο δους εαυτον αντιλυτρον υπερ παντων το μαρτυριον καιροις ιδιοις
7 Sababii kanaaf ani lallabaa fi ergamaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu.
εις ο ετεθην εγω κηρυξ και αποστολος αληθειαν λεγω [ εν χριστω ] ου ψευδομαι διδασκαλος εθνων εν πιστει και αληθεια
8 Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii kadhatan nan barbaada.
βουλομαι ουν προσευχεσθαι τους ανδρας εν παντι τοπω επαιροντας οσιους χειρας χωρις οργης και διαλογισμου
9 Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada;
ωσαυτως και τας γυναικας εν καταστολη κοσμιω μετα αιδους και σωφροσυνης κοσμειν εαυτας μη εν πλεγμασιν η χρυσω η μαργαριταις η ιματισμω πολυτελει
10 isaanis akkuma dubartoota, “Nu Waaqa sodaanna” jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.
αλλ ο πρεπει γυναιξιν επαγγελλομεναις θεοσεβειαν δι εργων αγαθων
11 Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu.
γυνη εν ησυχια μανθανετω εν παση υποταγη
12 Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu.
γυναικι δε διδασκειν ουκ επιτρεπω ουδε αυθεντειν ανδρος αλλ ειναι εν ησυχια
13 Sababiin isaas Addaam jalqabatti uumame; Hewaan immoo ergasii uumamte.
αδαμ γαρ πρωτος επλασθη ειτα ευα
14 Addaam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite.
και αδαμ ουκ ηπατηθη η δε γυνη απατηθεισα εν παραβασει γεγονεν
15 Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu.
σωθησεται δε δια της τεκνογονιας εαν μεινωσιν εν πιστει και αγαπη και αγιασμω μετα σωφροσυνης