< 1 Xiimotewos 1 >

1 Phaawulos isa ajaja fayyisaa keenya Waaqaatii fi abdii keenya Kiristoos Yesuusiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
Pawulu, mutumwa waKkilisito Jesu mbuli mumalayilile aLeza Mufutuli wesu a Kkilisito Jesu bulangilizi bwesu,
2 Gara Xiimotewos isa amantiidhaan ilma koo dhugaa taʼeetti: Waaqa Abbaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
kuli Timoti, mwanan mulombe wasimpe mulusyomo: Lizyalo, luse, a luumuno kuzwa kuli Leza Taata aKkilisito Jesu Mwaami wesu.
3 Akkuma ani yeroo Maqedooniyaa dhaqetti si gorse sana ati akka namoonni tokko tokko barsiisa addaa hin barsiifne akka ajajjuuf achuma Efesoon turi;
Mbuli mbundakakusungwaazya kuti uchite aawo nindakali kuzwa kuya kuMasedoniya, syaala mu Efeso nkokuti ukonzye kulayilila bamwi bantu kutibatayiisyi iimwi njisyo iisiyene.
4 akkasumas akka isaan oduu hundee hin qabnee fi hidda dhalootaa kan dhuma hin qabne sanaan hin fudhatamne isaan ajaji. Wanni kun hojii Waaqaa kan amantiin taʼu guddisuu irra mormii kakaasaatii.
Nikuba boobo bataswilizyi twaano amazyalani aatagoli. Eezi zichita kukazyanya kwiinda kuba balondozi baLeza, kabuli bwa lusyomo.
5 Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
Lino bulangilili bwa malayilile nduyando luzwa mumoyo uusalala, kuzwa mukulimvwida kubotu, a kuzwa mulusyomo lwini.
6 Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru.
Bamwi bantu balookusweka kuzwa kuzintu eezi akusandukila kukwaambula kwabufubafuba.
7 Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu.
Bayanda kuba bayisi bamulawu, pesi tabamvwisisisyi eezyo nzibaambula nikuba eezyo nzibazikitizya kwaamba.
8 Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna.
Pesi iswe tulizi kuti mulawu mubotu ikuti na umwi wawubelesya chamulawu.
9 Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna;
Swe tulizi, kuti mulwawu tewakabikilwa baalumi baluleme pe abusena, pesi kuli aabo batakwe mulawu alimwi bantu bakapanduka, aabo bantu batakwe bunaleza alimwi a basizibi, abaabo batasalali alimwi kabateeli, nguwabaabo bajaya mawisi a manyina, ngwabajayi,
10 akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
ngwabantu bayandisya zyakulalana, ababo bachita zyakulalana lwabo lwabo, ababo babba bantu akubachita bazike, ngwababeja, abaamba bukamboni bwakubeja alimwi kufumbwa zyoonse eezyo zikazyanya aanjisyo ntuloko.
11 kunis wangeela ulfina qabeessa kan Waaqa eebbifamaa irraa imaanaa natti kenname sana wajjin walii gala.
Oku kulayilila kuli mbuli makani mabotu aabulemu bwaLeza ulongezegelwe kuli ngawo ngindakapegwa.
12 Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha.
Ndilumba Kkilisito Jesu Mwaami wesu. Wakandisimya, nkaambo wakandiyeya mbuli uusyomekede, alimwi wakandinanikila mulimu.
13 Ani kanaan dura nama nama arrabsu, kan nama ariʼatuu fi kan nama miidhu taʼu iyyuu sababii ani wallaalummaa fi amantii dhabuun waan kana hojjedheef araara argadhe.
Ndakali kusampawula Leza, mufwabyi, alimwi mwaalumi wankondo. Pesi ndakatambula luse nkaambo ndakalikuchita mukutaziba a mukutasyoma.
14 Ayyaanni Gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin argamu wajjin baayʼinaan narratti dhangalaafame.
Alimwi luzyalo lwaMwaami wesu lwakafusuka aantomwe a lusyomo alimwi a luyando oolo luli muli Kkilisito Jesu.
15 Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara addunyaa dhufe” jedhu sun amanamaa dha; namni hundinuus kana fudhachuu qaba; cubbamoota sana keessaas cubbamaan cubbamoota hunda caalu ana.
Ooyu mulumbe nguwanchoonzyo alimwi uleelede kutambulwa koonse, kuti Kkilisito Jesu wakasika munyika kuzofutula basizibi.
16 Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame. (aiōnios g166)
Pesi nkaambo kaboobo ndakapegwa luse, kuti mulindime, mutanzi, Kkilisito Jesu akonzyed kutondezya moyo mulamfu. Wakachita eechi mbuli chitondezyo kulibaabo bayosyoma mulinguwe kubuumi butamani. (aiōnios g166)
17 Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
Lino kuMwaami wachindi, utafwi, utabonwi, Leza uumwi luzutu, ngakube bulumbu alimwi bulemu kuli lyoonsea lyoonse. Ameni. (aiōn g165)
18 Yaa ilma koo Xiimotewos, akkuma raajii kanaan dura waaʼee kee dubbatame sanaatti, akka ati lola gaarii loltuuf ani ajaja kana siifin kenna;
Ndilokubika malayilile aaya kunembo lyako, Timoti, mwana wangu, mukweendelana kwabusinsimi bwakachitwa musule aatala a nduwe kuti ukonzye kulwana kulwana kubotu,
19 waan kanas amantii fi qalbii qajeelaa qabaachuudhaan godhi. Namoonni tokko tokko waan kana gochuu didanii amantii isaanii balleessaniiru.
kojisilidi kulusyomo alimwi akukulimvwida kubotu. Aakukaka eezi, bamwi bakasweekelwa alusyomo lwabo.
20 Himenewoosii fi Iskindiroos warri ani akka isaan Waaqa arrabsuu dhiisuu barataniif dabarsee Seexanatti kenne sun isaan keessatti argamu.
Bo mba Himeniyasi a Alekizanda, aabo mbindakapeda kuli Satani kuchitila kuti bakakuyisigwe kutasampawula Leza.

< 1 Xiimotewos 1 >