< 1 Tasaloniiqee 1 >

1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa, Gara waldaa kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Waaqa Abbaatii fi kan Gooftaa Yesuus Kiristoos taateetti: Ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Paul, and Silvanus, and Timothy, to the church of the Thessalonians [which is] in God the Father, and [in] the Lord Jesus Christ: Grace [be] to you, and peace, from God our Father and the Lord Jesus Christ.
2 Nu kadhannaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Waaqa ni galateeffanna.
We give thanks to God always for you all, making mention of you in our prayers;
3 Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti qabdan sana Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
Remembering without ceasing your work of faith, and labor of love, and patience of hope in our Lord Jesus Christ, in the sight of God and our Father;
4 Yaa obboloota Waaqaan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii;
Knowing, brethren beloved by God, your election.
5 wangeelli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu.
For our gospel came not to you in word only, but also in power, and in the Holy Spirit, and in much assurance; as ye know what manner of men we were among you for your sake.
6 Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.
And ye became followers of us, and of the Lord, having received the word in much affliction, with joy of the Holy Spirit:
7 Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan.
So that ye were examples to all that believe, in Macedonia and Achaia.
8 Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Waaqatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu;
For from you sounded out the word of the Lord not only in Macedonia and Achaia, but also in every place your faith toward God is spread abroad; so that we need not to speak any thing.
9 isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Waaqa jiraataa fi Waaqa dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqota tolfamoo irraa gara Waaqaatti deebitanis ni himu;
For they themselves show of us what manner of entrance we had to you, and how ye turned to God from idols, to serve the living and true God;
10 akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.
And to wait for his Son from heaven, whom he raised from the dead, [even] Jesus, who delivered us from the wrath to come.

< 1 Tasaloniiqee 1 >