< 1 Tasaloniiqee 5 >

1 Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu;
Nambeambe kwa habari ya muda na nyakati, alongo, ntopo haja panga kilebe chochote kiandikwe kwinu.
2 akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii.
Kwa mana mwenga mwabene mutangite kwa usahihi ya kuwa lisoba lya Ngwana yaisa kati mwii ywaisa kilo.
3 Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
Palo palongela pabile “Amani ni usalama”, nga uharibifu huisa gafla. Ni kati utungu ywauisa kwa mao ywabile ni numbo. Baepuka kwaa kwa ndela yoyote.
4 Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.
Lakini mwenga, alongo mubile kwaa mu'libendo hata lelo lisoba lyaisa kati mwii.
5 Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.
Kwa mana mwenga mwabote ni bana ba bweya na bana ba mutwekati. Twenga tubile kwaa bana ba kilo au balibendo.
6 Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.
Nga nyo bai, kana tugonje kati benge bangonjike. Ila tukeshe na kuwa makini.
7 Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.
Kwa kuwa bagonjike ugonja na babalewa ulewa kilo.
8 Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa.
Kwa mana twenga ni bana ba mutwekati, tube makini. Tuwale ngao ya imani na upendo, na, kofia ya chuma, ambayo ni uhakika wa lopolelwa kwa muda woisa.
9 Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
Kwa mana Nnongo atuchawa kwaa mwanzo kwa ajili ghadhabu, ila kwa kupata lopolelwa kwa ndela ya Ngwana Yesu Kristo.
10 Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.
Ywembe nga ywaawile ili panga, mana tubile minyo au tugonjike, twatama pamope ni ywembe.
11 Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
Kwa eyo, mufarijiane na kuchengana mwenga kwa mwenga, kati yaibile tayari mwapanga.
12 Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna.
Alongo, twaaloba mubatangite balo batumilwe nkati yinu na balo babile nnani yinu katika Ngwana na balo babile ashauri.
13 Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa.
Twaaloba kae muwatangite na kuwapeya heshima katika upendo kwa sababu ya kazi yabe. Mube na amani nkati yinu mwenga mwabene.
14 Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.
Twabasihi. alongo, mubakanye babile kwaa yenda kwa utaratibu, mubatie mwoyo babile batikata tamaa. Mubasaidie balo babile anyonge, na mube avumilivu kwa bote.
15 Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
Mulinge kana abe hata yumo yeyote ywalepa baya kwa baya kwa mundu yoyote. Badala yake, mupange gabile mema kwa kila yumo winu na kwa bandu bote.
16 Yeroo hunda gammadaa;
Mupurahi masoba gote.
17 utuu gargar hin kutin kadhadhaa.
Mulobe bila kukoma.
18 Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
Munshukuru Nnongo kwa kila likowe, kwa sababu ago nga mapenzi ga Nnongo kwinu katika Yesu Kristo.
19 Hafuura hin dhaamsinaa;
Kana mumzimishe Roho.
20 raajii hin tuffatinaa;
Kana muudharau unabii.
21 waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.
Mugajaribu makowe gote. Mugakamwe lya libile jema.
22 Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.
Muepuke kila mwonekano ba uovu.
23 Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
Nnongo wa amani abakamilishe katika utakatifu. Roho, nafsi na yega muitunze bila mawaa katika kuisa kwake Ngwana witu Yesu Kristo.
24 Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.
Ywembe ywaabakemile ni mwaminifu, ni ywembe nga mwenye kupanga.
25 Yaa obboloota, nuufis kadhadhaa.
Mwalongo, mutulobiye kae.
26 Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.
Mubasalimye alongo bote kwa busu litakatifu.
27 Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.
Nabasihi katika Ngwana panga barua yee muisome kwa alongo bote.
28 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin wajjin haa taʼu.
Neema ya Ngwana witu Yesu Kristo ibo pamope ni mwenga.

< 1 Tasaloniiqee 5 >