< 1 Tasaloniiqee 5 >

1 Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu;
弟兄們;至論那時候與日期,不需要給你們寫什麼。
2 akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii.
你們原確實知道,主的日子要像夜間盜賊來到。
3 Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
幾時人正說:「平安無事,」那時滅亡會猝然來到他們身上,就像痛苦來到懷孕者身上一樣,決逃脫不了。
4 Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.
但是你們,弟兄們,你們不是在黑暗中,以致那些日子像盜賊一樣襲擊你們;
5 Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.
你們眾人都是光明之子和白日之子;我們不屬於黑夜,我們不屬於黑暗。
6 Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.
所以我們不當像其他人一樣貪睡,卻當醒寤清醒,
7 Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.
因為人睡覺是黑夜睡覺,喝醉的人是黑夜喝醉;
8 Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa.
但是我們做白日子之的應當清醒,穿上信德和愛德作甲,戴上得救的望德作盔,
9 Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
因為天主沒有揀定我們為洩怒,而是藉我們的主耶穌基督為獲得拯救,
10 Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.
衪為我們死了,為叫我們不論醒寤或睡眠,都同衪一起生活。
11 Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
為此,你們應互相安慰,彼此建樹,就如你們所行的。
12 Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna.
弟兄們,我們還請求你們尊敬那些在你們中勞苦,在主內管理你們和勸戒你們的人,
13 Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa.
為了他們的工作,你們更因本著愛德,重視他們;你們要彼此平安相處。
14 Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.
弟兄們,我們還規勸他們:要勸戒閒蕩的,寬慰怯懦的扶助軟弱的,容忍一切人。
15 Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
要小心:人對人,不是以惡報惡,卻要時常彼此勉勵,互相善待,且善待一切人。
16 Yeroo hunda gammadaa;
應常歡樂,
17 utuu gargar hin kutin kadhadhaa.
不斷禱告,
18 Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
事事感謝:這就是天主在基督耶穌內對你們所有的旨意。
19 Hafuura hin dhaamsinaa;
不要消滅神恩,
20 raajii hin tuffatinaa;
不要輕視先知之恩;
21 waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.
但應考驗一切,好的,應保持,
22 Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.
各種壞的,要遠避。
23 Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
願賜平安的天主親自全化聖你們,將你們整個的神魂、靈魂和肉身,在我們的主耶穌基督來臨時,保持的無瑕可指:
24 Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.
召你們的是忠信的,衪必實行。
25 Yaa obboloota, nuufis kadhadhaa.
弟兄們,你們也要為我們祈禱。
26 Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.
你們要以聖吻問候所有的弟兄。
27 Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.
我因主誓求你們,向眾弟兄朗誦這封書信。
28 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin wajjin haa taʼu.
我們的主耶穌基督的恩寵與你們同在。

< 1 Tasaloniiqee 5 >