< 1 Tasaloniiqee 4 >

1 Kana malees yaa obboloota, Waaqa gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan nu isin barsiifneerra; isinis akkuma sanatti jiraachaa jirtu. Ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan Gooftaa Yesuusiin isin kadhanna; isin gorsinas.
Furthermore then, brethren, we beseech you, and exhort you in the Lord Jesus, that, as ye received from us how ye ought to walk and to please God, even as ye are walking, ye would abound still more;
2 Nu taayitaa Gooftaa Yesuusiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii.
for ye know what commands we gave you through the Lord Jesus.
3 Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif;
For this is the will of God, your sanctification, that ye should abstain from fornication;
4 tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu;
that every one of you should know how to procure for himself his own vessel in purity and honor,
5 kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
not in the passion of lust, even as the gentiles who know not God;
6 waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa.
that no one should go beyond and overreach his brother in the matter; because the Lord is the avenger in respect to all these things, as we also told you before and solemnly testified.
7 Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii.
For God did not call us to live in uncleanness, but in purity.
8 Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Waaqa Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu.
He therefore that rejecteth, rejecteth not man, but God, who also gave to you his Holy Spirit.
9 Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu.
But concerning brotherly love there is no need of writing to you; for ye yourselves are taught of God to love one another;
10 Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina;
for indeed ye do it toward all the brethren who are in all Macedonia. But we exhort you, brethren, to abound in love still more;
11 akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa;
and to study to be quiet, and to do your own business, and to work with your own hands, as we commanded you;
12 kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
that ye may walk becomingly toward those without, and may have need of nothing.
13 Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu.
But we would not have you ignorant, brethren, concerning those who are sleeping, that ye may not sorrow, as others do, who have no hope.
14 Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.
For if we believe that Jesus died and rose again, then also will God, through Jesus, bring again with him those who have fallen asleep.
15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu.
For this we say to you in the word of the Lord, that we who are living, we who are left till the coming of the Lord, shall not anticipate those who have fallen asleep.
16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu.
For the Lord himself will descend from heaven with a loud summons, with the voice of an archangel, and with the trump of God, and the dead in Christ will rise first;
17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
then we who are living, we who are left, shall be caught up together with them in clouds, to meet the Lord in the air; and so shall we be ever with the Lord.
18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.
So then comfort one another with these words.

< 1 Tasaloniiqee 4 >