< 1 Tasaloniiqee 3 >

1 Kanaafuu nu waan hammana caalaa obsuu dadhabneef kophaa keenya Ateenaatti hafuun gaarii nutti fakkaate.
Derfor, da vi ikke lenger kunde holde det ut, fant vi det best å bli alene tilbake i Aten,
2 Nus obboleessa keenya Xiimotewos, tajaajilaa Waaqaa isa wangeela Kiristoosiitti hojjetaa hidhata keenya taʼe sana, akka inni amantii keessanitti isin cimsuu fi isin jajjabeessuuf ergineerra;
og vi sendte Timoteus, vår bror og Guds tjener i Kristi evangelium, for å styrke eder og formane eder om eders tro,
3 kunis akka namni tokko iyyuu dhiphina kanaan hin jeeqamneef. Isinis akka nu waan kanaaf filatamne sirriitti beektu.
at ikke nogen måtte bli vaklende i disse trengsler. I vet jo selv at vi er satt til det;
4 Yeroo isin bira turretti akka dhiphinni nurra gaʼu isinitti himaa turreetii. Innis akkuma isin beektan sana taʼe.
for da vi var hos eder, sa vi eder også forut at vi vilde komme til å lide trengsel, som det også gikk, og som I vet.
5 Sababii kanaaf ani yommuun kana caalaa obsuu dadhabetti waaʼee amantii keessanii baruuf jedheen isa erge. Tarii inni nama qoru sun isin qoree dadhabbiin keenyas faayidaa malee hafeera jedheen sodaadhe.
Derfor sendte jeg da også bud, da jeg ikke lenger kunde holde det ut, for å få vite om eders tro, om fristeren skulde ha fristet eder og vårt arbeide skulde bli forgjeves
6 Amma garuu Xiimotewos isin biraa gara keenya dhufee waaʼee amantii keessaniitii fi waaʼee jaalala keessanii oduu gaarii nutti himeera. Akkasumas akka isin yeroo hunda yaada gaariidhaan nu yaaddanii fi akkuma nu isin arguu hawwinu sana akka isinis nu arguu hawwitan nutti himeera.
Men nu, da Timoteus er kommet til oss fra eder og har båret oss godt budskap om eders tro og kjærlighet, og om at I alltid har oss i vennlig minne og lenges efter å se oss, likesom vi lenges efter eder,
7 Kanaaf yaa obboloota, nu dhiphinaa fi ariʼatama keenya hunda keessatti amantii keessaniin waaʼee keessan jajjabaanneerra.
så blev vi da, brødre, trøstet over eder i all vår nød og trengsel, ved eders tro.
8 Yoo isin Gooftaatti cimtanii dhaabatan nu dhugumaan ni jiraannaatii.
For nu lever vi, såfremt I står fast i Herren.
9 Gammachuu sababii keessaniin fuula Waaqa keenyaa duratti qabnu hundaaf waaʼee keessaniif hammam Waaqa galateeffachuu dandeenya?
For hvad takk kan vi gi Gud til vederlag for eder, for all den glede som vi har over eder for vår Guds åsyn,
10 Nu akka deebinee isin arginuu fi waan amantii keessan keessaa hirʼates akka isinii guutuu dandeenyuuf halkanii guyyaa cimsinee kadhanna.
idet vi natt og dag inderlig beder om å få se eders åsyn og bøte på det som ennu fattes i eders tro?
11 Ammas Waaqni keenyaa fi Abbaan keenya mataan isaa, Gooftaan keenya Yesuusis akka nu gara keessan dhufnu karaa nuuf haa qajeelchu.
Men han, vår Gud og Fader, og vår Herre Jesus styre vår vei til eder!
12 Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus.
Og eder gi Herren rikdom og overflod av kjærlighet til hverandre og til alle, likesom vi har den til eder,
13 Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.
forat han kan styrke eders hjerter, så de blir ulastelige i hellighet for vår Guds og Faders åsyn, når vår Herre Jesus kommer med alle sine hellige!

< 1 Tasaloniiqee 3 >