< 1 Tasaloniiqee 2 >

1 Yaa obboloota, isin bira dhufuun keenya sun akkasumaan akka hin taʼin isinuu ni beektu.
Domin ku da kanku kun sani, 'yan'uwa, cewa zuwan mu gareku, ba a banza yake ba.
2 Akkuma isin beektan nu kanaan dura Fiiliphisiyuusitti dhiphanneerra; akka malees qaaneffamneerra. Garuu yoo mormiin cimaan nu qunname illee gargaarsa Waaqa keenyaatiin wangeela isaa isinitti himuudhaaf ija jabina arganneerra.
Kun kuma san yadda aka wulakantar damu, aka kuma kunyatar damu a Filibi, kamar yadda kuka sani. Muna nan kuwa da karfin zuciya cikin Allahnmu domin yi maku bisharar Allah cikin fama da yawa.
3 Gorsi nu kenninus kan dogoggora yookaan xuraaʼummaa yookaan gowwoomsaa irraa dhufe miti.
Domin kuwa gargadinmu zuwa a gare ku ba gurbatacciya bace, ko cikin rashin tsarki, ba kuma ta yaudara bace.
4 Qooda kanaa nu akka warra Waaqni wangeela imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Waaqa garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti.
A maimako, kamar yadda Allah ya amince damu, ya kuma damka mana amanar bishararsa, haka kuma muke yin magana. Muna maganar ba domin mu gamshi mutane ba, amma domin mu gamshi Allah. Domin shi ne yake gwada zuciyarmu.
5 Akkuma isin beektanii fi akkuma Waaqnis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne.
Domin bamu taba yi maku dadin baki ba, ko sau daya, kamar yadda kuka sani, ko kwadayi a asirce, kamar yadda Allah shine shaidar mu.
6 Nu namoota irraa, isin irraas taʼu yookaan warra kaan irraa ulfina hin barbaanne. Nu akka ergamoota Kiristoosiitti baʼaa isinitti taʼuu ni dandeenya ture;
Bamu kuma nemi daukaka daga mutane ko daga gare ku ko kuma wadansu ba. Da mun so da mun mori ikonmu a matsayin manzannin Almasihu.
7 nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.
A maimakon haka, mun kaskantar da kanmu a tsakanin ku kamar yadda uwa take ta'azantar da 'ya'yan ta.
8 Nu waan akka malee isin jaallanneef wangeela Waaqaa qofa utuu hin taʼin lubbuu keenya illee isinii kennuun fedhii keenya ture; isin nu biratti akka malee jaallatamoo turtaniitii.
Don haka muna da kauna domin ku, ba bisharar Allahnmu kadai muke jin dadin yi maku ba, amma harda bada rayukan mu domin ku. Domin kun zama kaunatattu ne a garemu,
9 Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre.
Kufa tuna, 'yan'uwa, game da aikinmu da famarmu. Dare da rana muna aiki sosai domin kada mu nawaita wa kowane dayan ku. A lokacin da muke yi maku bisharar Allah.
10 Nu hammam qulqullummaan, qajeelummaa fi mudaa malee isin warra amantan gidduu akka jiraanne isin dhugaa ni baatu; Waaqnis dhugaa baʼa.
Ku shaidu ne, haka ma Allah, yadda muka yi rayuwar tsarki da kuma adalci da rashin abin zargi a wajenku wadanda kuka bada gaskiya.
11 Isin akka nu akkuma abbaan ijoollee isaa gorsee jajjabeessutti tokkoo tokkoo keessaniif taane ni beektuutii;
Don haka kun kuma sani yadda muka rika yi da kowannenku, kamar uba da 'ya'yansa, yadda muka yi ma ku garadi da kuma karfafa ku, mun kuma shaida.
12 kunis akka isin jireenya Waaqa isa mootummaa isaattii fi ulfina isaatti isin waamu sanaaf malu jiraattaniif.
Domin ku yi tafiya a hanyar da ta dace ga Allah, wanda ya kira ku zuwa ga mulkinsa da kuma daukakarsa.
13 Isinis yommuu dubbii Waaqaa kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Waaqaa kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Waaqa galateeffanna.
Domin wannan dalili ne yasa muke yi wa Allah godiya a koyaushe. Domin a lokacin da kuka karbi maganar Allah daga wurinmu wadda kuka ji, kun karbeta da gaske ba kamar maganar mutum ba. A maimako, kuka karbeta da gaskiyarta, kamar yadda take, maganar Allah. Wannan kalma kuma ita ce ke aiki a cikin ku wadanda kuka yi bangaskiya.
14 Yaa obboloota, isin fakkeenya waldoota kiristaanaa Waaqaa warra Kiristoos Yesuusitti jiran kanneen biyya Yihuudaa jiranii duukaa buutaniirtu; akkuma waldoonni kunneen harka Yihuudootaatti dhiphatan sana isinis harka namoota biyya keessaniitti dhiphattaniirtu;
Domin ku 'yan'uwa, kun zama masu koyi da ikilisiyoyin Allah da ke Yahudiya cikin Almasihu Yesu. Domim kuma kun sha wahala irin tamu daga wurin mutanen kasarku kamar yadda suma suka sha a hannun Yahadawa.
15 Yihuudoonni kunneen warra Gooftaa Yesuusii fi raajota ajjeesanii nu illee ariʼatanii dha. Isaan Waaqa hin gammachiisan; nama hundattis diina taʼu;
Yahudawane suka kashe Ubangiji Yesu da sauran Annabawa, kuma Yahudawane suka koro mu, Basu gamshi Allah ba. A maimako, suna hamayya da dukkan mutane.
16 isaanis cubbuu isaanii guuttachuuf jedhanii akka nu akka Namoonni Ormaa fayyifamaniif itti hin dubbanne nu dhowwu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufeera.
Sun kuma haramta mana yin magana da Al'ummai domin su sami ceto. Sakamakon haka kuwa kullum suna cika zunubansu. Fushi kuma ya afko kansu daga karshe.
17 Garuu yaa obboloota, erga yaadaan utuu hin taʼin fooniin yeroo gabaabaaf isin irraa gargar baanee jalqabnee fuula keessan arguuf hawwii guddaan caalchifnee dhamaane.
Mu kuma, 'yan'uwa, mun rabu daku na karamin lokaci, a zahiri, ba a zuciya ba, mun kuma yi iyakar kokarinmu da marmarin ganin fuskarku.
18 Nu gara keessan dhufuu barbaannee turreetii; dhugumaanuu ani Phaawulos yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaaleera; garuu Seexanatu nu dhowwe.
Domin mun yi maramarin zuwa gareku. Ni, Bulus, ba sau daya ba, amma Shaidan ya hanamu.
19 Yommuu Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti fuula isaa duratti abdiin keenya yookaan gammachuun keenya yookaan gonfoon nu ittiin of jajnu eenyu? Isinuma mitii?
To menene begenmu a gaba, ko murnarmu ko rawanin alfahari, a gaban Ubangijinmu Yesu a ranar zuwansa? Ko ba ku bane, da kuma sauran jama'a?
20 Isin ulfinaa fi gammachuu keenyaatii.
Don kuwa kune daukakarmu da kuma farin cikinmu.

< 1 Tasaloniiqee 2 >