< 1 Saamuʼeel 9 >

1 Gosa Beniyaam keessaa namicha jabaa maqaan isaa Qiish jedhamu tokkotu ture; innis ilma Abiiʼeel, ilma Xiroor, ilma Bekooraat, ilma namicha gosa Beniyaam sanaa ilma Afiiyaa ture.
Había un hombre rico e influyente de la tribu de Benjamín, que se llamaba Cis, hijo de Abiel, hijo de Zeror, hijo de Becorat, hijo de Afía, descendiente de la tribu de Benjamín.
2 Innis dargaggeessa miidhagaa Saaʼol jedhamu tokko qaba ture; namoota Israaʼel keessaa namni isa caalaa miidhagu tokko iyyuu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
Cis tenía un hijo llamado Saúl. Este era el joven más guapo de todo Israel. Era más alto que cualquier otro.
3 Yeroo sanas Qiish abbaa Saaʼol jalaa harroonni badnaan, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Tajaajiltoota keessaa nama tokko fudhadhuutii dhaqii harroota sana barbaadi” jedhe.
En cierta ocasión, los burros del padre de Saúl, Cis, se extraviaron. Cis le dijo a su hijo Saúl: “Por favor, ve a buscar los burros. Puedes llevar a uno de los siervos contigo”.
4 Kanaafuu inni biyya gaaraa Efreemii fi naannoo Shaaliishaa jedhamu keessa naannaʼe; garuu harroota hin arganne. Isaanis biyya Shaʼaliim keessa darban; taʼus harroonni sun achi hin turre. Ergasiis biyya Beniyaamotaa keessa naannaʼan; garuu harroota sana hin arganne.
Saúl buscó en la región montañosa de Efraín y luego en la tierra de Salisa, pero no encontró los burros. Entonces buscaron en la región de Saalim, pero tampoco estaban allí. Luego buscaron en la tierra de Benjamín, pero tampoco pudieron encontrarlos allí.
5 Yommuu biyya Zuufi gaʼanittis Saaʼol tajaajilaa isa wajjin ture sanaan, “Sababii abbaan koo yoona waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee keenya yaaddaʼuuf kottu ni deebinaa!” jedhe.
Cuando llegaron a la tierra de Zuf, Saúl le dijo a su criado: “Vamos, volvamos, porque si no mi padre no se preocupará solamente por los burros, sino también por nosotros”.
6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo! Magaalaa kana keessa namni Waaqaa tokko jira; innis guddaa kabajamaa dha; wanni inni jedhu tokko iyyuus lafa hin buʼu. Inni karaa deemuu qabnu nutti hima taʼaatii kottu isa bira dhaqnaa” jedhe.
Pero el criado le respondió: “¡Espera! Hay un hombre de Dios en esta ciudad. Tiene muy buena fama, y todo lo que dice se cumple. Vamos a verle. Tal vez él pueda decirnos qué camino debemos tomar”.
7 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Nu yoo dhaqne namichaaf maal kennina? Nyaanni korojoo keenya keessaa dhumeera. Kennaa nama Waaqaatiif geessinu tokko illee hin qabnu. Egaa maal qabna ree?” jedhe.
“Pero si vamos, ¿qué podemos darle?” respondió Saúl. “Todo el pan de nuestras bolsas se ha acabado. No tenemos nada que llevarle al hombre de Dios. ¿Qué tenemos con nosotros?”
8 Tajaajilaan sun ammas deebisee, “Kunoo ani meetii saqilii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko qaba. Akka inni karaa deemuu qabnu nutti himuuf waan kana nama Waaqaatiif nan kenna” jedheen.
“Mira, tengo un cuarto de siclo de plata conmigo. Se lo daré al hombre de Dios para que nos indique el camino que debemos tomar”, le dijo el criado a Saúl.
9 Bara durii Israaʼel keessatti namni Waaqa kadhachuu dhaqu tokko, “Kottaa gara nama mulʼata arguu dhaqnaa” jedha ture; sababiin isaa namni harʼa raajii jedhamu bara durii nama mulʼata argu jedhama tureetii.
(Antiguamente, en Israel, alguien que iba a consultar a Dios decía: “Ven, vamos a ver al vidente”, porque a los profetas se les solía llamar videntes).
10 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Gaarii dha; kottu ni deemnaa” jedhe. Kanaafuu kaʼanii gara magaalaa namni Waaqaa sun turee dhaqan.
“Me parece bien”, le dijo Saúl a su criado. “Vamos entonces”. Y se fueron al pueblo donde estaba el hombre de Dios.
11 Utuu isaan gara magaalaatti gaara ol baʼaa jiranuu dubarran bishaan waraabuuf deeman arganii, “Namichi mulʼata argu sun as jiraa?” jedhanii gaafatan.
Mientras subían la colina hacia el pueblo, se encontraron con unas jóvenes que salían a sacar agua y les preguntaron: “¿Está el vidente aquí?”
12 Isaanis deebisanii akkana jedhan; “Eeyyee ni jira; inni fuula keessan dura jira. Namoonni waan gaara sagadaa irratti aarsaa dhiʼeessaniif inni amma gara magaalaa keenyaa dhufeeraatii dafaa.
Ellas les respondieron: “Está más adelante. Pero tendrán que apresurarse. Hoy ha venido a la ciudad porque el pueblo está celebrando un sacrificio en el lugar de adoración.
13 Akkuma magaalaa seentaniin utuu inni nyaataaf gaaratti ol hin baʼin isa ni argattu. Inni waan qalma sana eebbisuu qabuuf utuu inni hin dhufin namoonni nyaachuu hin jalqaban; sana booddee warri waamaman ni nyaatu. Ammuma ol baʼaa; daftanii isa ni argattu.”
Cuando entren a la ciudad podrán encontrarlo antes de que suba a comer en lugar de adoración. El pueblo no comerá antes de que él haya llegado, porque él tiene que bendecir el sacrificio. Después comerán los que han sido invitados. Si se van ahora, lo alcanzarán”.
14 Isaanis gara magaalaatti ol baʼan; utuma isaan magaalaa sana seenaa jiranuus Saamuʼeel gaara sagadaatti ol baʼuuf jedhee karaatti isaanitti dhufe.
Así que siguieron su camino hasta la ciudad. Cuando llegaron allí estaba Samuel yendo en dirección contraria. Se encontraron con él cuando subía al lugar de adoración.
15 Utuu Saaʼol hin dhufin guyyaa tokko dura Waaqayyo waan kana Saamuʼeelitti mulʼisee ture:
El día anterior a la llegada de Saúl, el Señor le había dicho a Samuel:
16 “Bori yeroo kanatti biyya Beniyaam irraa nama tokko sitti nan erga. Saba koo Israaʼel irratti bulchaa godhiitii isa dibi; innis saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni baasa. Sababii iyyi isaa na bira gaʼeef, ani saba koo ilaaleeraatii.”
“Mañana a esta hora te voy a enviar un hombre de la tierra de Benjamín. Nómbralo como gobernante de mi pueblo Israel, y él los rescatará de los filisteos. He visto lo que le pasa a mi pueblo y he escuchado su ruego de ayuda”.
17 Saamuʼeel yommuu Saaʼolin argetti, Waaqayyo, “Namichi ani waaʼee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo ni bulcha” jedheen.
Cuando Samuel vio a Saúl, el Señor le dijo: “Este es el hombre del que te hablé. Es el que va a gobernar a mi pueblo”.
18 Saaʼol karaa irratti Saamuʼeelitti dhiʼaatee, “Maaloo manni namicha mulʼata argu sanaa eessa akka taʼe natti himtaa?” jedhee gaafate.
Saúl se acercó a Samuel en la puerta y le preguntó: “¿Podrías decirme dónde está la casa del vidente?”
19 Saamuʼeelis akkana jedhee deebise; “Namichi mulʼata argu sun anuma. Isin harʼa waan na wajjin nyaata nyaachuu qabdaniif na dura gaara sagadaatti ol baʼaa. Ani immoo bori ganama sin geggeessa; waan garaa kee jiru hundas sitti nan hima.
“Yo soy el vidente”, le dijo Samuel a Saúl. “Sube delante de mí y comeremos juntos. Luego, por la mañana, responderé a todas tus preguntas y te enviaré por el camino.
20 Waaʼee harroota guyyaa sadiin dura badan sanaa hin yaaddaʼin; isaan argamaniiru. Hawwiin Israaʼel hundi eenyuufii? Siʼii fi mana abbaa keetiitiif mitii?”
En cuanto a los burros que perdiste hace tres días, no te preocupes por ellos porque los han encontrado. Pero ahora, la esperanza de todo Israel descansa en ti y en tu linaje”
21 Saaʼolis deebisee, “Ani nama gosa Beniyaam kan gosoota Israaʼel hunda keessaa gad aanaa taʼe sana mitii? Maatiin koo immoo maatiiwwan gosa Beniyaam hunda keessaa gad aana mitii? Yoos ati maaliif waan akkanaa natti dubbatta ree?” jedhe.
“¡Pero yo soy de la tribu de Benjamín, la más pequeña de Israel, y mi familia es la menos importante de todas las familias de la tribu de Benjamín!” respondió Saúl. “¿Por qué me dices esto?”
22 Saamuʼeelis Saaʼolii fi tajaajilaa Saaʼol galmatti ol galchee warra nyaataaf waamaman kanneen soddoma taʼaniin gara olii isaan teessise.
Entonces Samuel llevó a Saúl y a su criado al salón, y los sentó a la cabeza de las treinta personas que habían sido invitadas.
23 Saamuʼeel namicha nyaata qopheessuun, “Gumaa foonii isa ani kophaa kaaʼi siin jedhe sana fidi” jedhe.
Entonces Samuel le dijo al cocinero: “Trae el trozo de carne especial que te di y que te dije que reservaras”.
24 Namichi nyaata qopheessu sunis foon lukaa guutummaatti fuudhee fuula Saaʼol dura kaaʼe. Saamuʼeelis, “Kun waan siif kaaʼamee dha. Kunis yeroo ani, ‘Ani keessummoota waameera’ jedhee jalqabee yeroo murtaaʼaa kanaaf kophaatti siif kaaʼameeraatii nyaadhu” jedheen. Saaʼolis gaafa sana Saamuʼeel wajjin nyaate.
Así que el cocinero tomó el muslo superior de la carne y lo puso delante de Saúl. Entonces Samuel le dijo: “Mira, esto es lo que estaba reservado para ti. Cómelo, pues estaba apartado para ti, para este momento en particular, desde que dije: ‘He invitado al pueblo’”. Así que Saúl comió con Samuel aquel día.
25 Erga gaara sagadaa irraa gara magaalaatti gad buʼanii booddee Saamuʼeel bantii mana isaa irratti Saaʼol wajjin haasaʼe.
Cuando descendieron del lugar de adoración en lo alto a la ciudad, Samuel habló con Saúl en el techo de su casa.
26 Isaanis ganama barii kaʼan; Saamuʼeelis bantii manaa irraa Saaʼolin waamee, “Qophaaʼi ani sin geggeessa” jedheen. Yeroo Saaʼol qophaaʼettis innii fi Saamuʼeel walii wajjin gad baʼan.
Al amanecer del día siguiente, Samuel llamó a Saúl desde el tejado: “¡Levántate! Tengo que enviarte de regreso”. Así que Saúl se levantó y salió con Samuel.
27 Utuu gara daarii magaalaatti gad buʼaa jiranuus Saamuʼeel Saaʼoliin, “Akka tajaajilaan kee nu dursee deemuuf itti himi” jedhe. Tajaajilaan sunis akkuma itti himame godhe; ergasii Saamuʼeel, “Akka ani ergaa Waaqaa sitti himuuf ati xinnoo as turi” jedhe.
Cuando se acercaban a las afueras de la ciudad, Samuel le dijo a Saúl: “Dile a tu siervo que se vaya adelante, antes que nosotros. Cuando se haya ido, quédate aquí un rato, porque tengo un mensaje de Dios para ti”. Así que el criado se adelantó.

< 1 Saamuʼeel 9 >