< 1 Saamuʼeel 8 >

1 Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude.
Da Sama’ila ya tsufa, sai ya naɗa’ya’yansa maza su zama alƙalan Isra’ila.
2 Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan.
Sunan ɗansa na fari Yowel, na biyu kuwa Abiya. Suka yi alƙalanci a Beyersheba.
3 Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan.
Amma’ya’yansa ba su bi hanyar mahaifinsu ba. Suka mai da hankalinsu ga neman kuɗi da cin hanci, suna kuma danne gaskiya.
4 Kanaafuu maanguddoonni Israaʼel wal gaʼanii Saamuʼeel bira gara Raamaa dhufan;
Sai dukan shugabannin Isra’ila suka taru suka zo wurin Sama’ila a Rama.
5 isaanis, “Ati dulloomteerta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee duukaa hin buune; akkuma saboonni kaan hundi mootii qaban sana mootii nu bulchu nuu muudi” jedhaniin.
Suka ce masa, “Ka tsufa,’ya’yanka kuma ba sa bin hanyarka, saboda haka sai ka naɗa sarkin da zai bi da mu kamar yadda sauran ƙasashe suke da su.”
6 Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni Waaqayyoon kadhate.
Amma Sama’ila bai ji daɗi sa’ad da suka ce, “Ka ba mu sarki da zai bi da mu.” Sai ya yi addu’a ga Ubangiji.
7 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne.
Ubangiji kuwa ya ce masa, “Ka saurari dukan maganganun da mutanen suke gaya maka. Ai, ba kai ba ne suka ƙi, ni ne suka ƙi in zama sarkinsu.
8 Isaan waanuma gaafa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hamma harʼaatti na dhiisanii waaqota gara biraa tajaajiluudhaan natti hojjetan sana sittis hojjechaa jiru.
Haka suka yi daga tun daga ranar da na fitar da su daga Masar har zuwa yau, suka ƙi ni, suka bauta wa waɗansu alloli, haka ma suke yi maka.
9 Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.”
Yanzu ka saurare su amma ka yi musu kashedi sosai, ka sa su san abin da sarkin da zai bi da su zai yi.”
10 Saamuʼeelis dubbii Waaqayyoo hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime.
Sama’ila kuwa ya ce wa mutanen da suke roƙo yă naɗa musu sarki dukan abin da Ubangiji ya faɗa.
11 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu.
Ya ce musu, “Ga abin da sarkin da zai yi mulkinku zai yi. Zai kwashe’ya’yanku yă sa su yi aiki da kekunan yaƙi da dawakansa, waɗansu za su riƙa gudu a gaban keken yaƙinsa.
12 Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha.
Zai sa waɗansu su zama shugabannin mutum dubu-dubu da kuma na hamsin-hamsin. Waɗansu za su yi masa noma da girbi. Waɗansu za su ƙera masa makaman yaƙi da kayayyaki don keken yaƙinsa.
13 Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata.
Zai sa’ya’yanku mata yin aikin turare da dafe-dafe da kuma toye-toye.
14 Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna.
Zai karɓi gonakinku mafi kyau da gonakin inabinku da gonakin zaitunku yă ba wa ma’aikatansa.
15 Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna.
Zai kuma karɓi zakan hatsinku da na inabinku yă ba shugabannin fadarsa da sauran masu hidimarsa.
16 Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata.
Zai ƙwace bayinku maza da mata, da shanunku, da jakunanku mafi kyau domin su yi masa aiki.
17 Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu.
Zai karɓi zakan dabbobinku, ku kanku za ku zama bayinsa.
18 Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana Waaqayyo deebii isinii hin kennu.”
Sa’ad da ranar ta zo, za ku yi kuka ku nemi a fishe ku daga sarkin da kuka zaɓa, Ubangiji kuwa ba zai ji ku ba.”
19 Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena.
Amma mutanen suka ƙi jin Sama’ila, sai suka ce, “A’a, mu dai, muna son sarki yă bi da mu.”
20 Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.”
Ta haka za mu zama kamar sauran ƙasashe, mu kasance da sarkin da zai bi da mu, yă tafi tare da mu zuwa yaƙe-yaƙe.
21 Saamuʼeel yeroo waan namoonni sun jedhan hunda dhagaʼetti fuula Waaqayyoo duratti waanuma sana deebisee dubbate.
Da Sama’ila ya ji duk maganganun da mutanen suka faɗa, sai ya mayar wa Ubangiji.
22 Waaqayyos Saamuʼeeliin, “Waan isaan jedhan dhagaʼiitii mootii moosisiif” jedhe. Saamuʼeelis namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan magaalaa keessanitti deebiʼaa” jedhe.
Ubangiji kuwa ya ce, “Ka saurare su, ka naɗa masu sarki.” Sa’an nan Sama’ila ya ce wa mutanen Isra’ila, “Kowa yă koma garinsa.”

< 1 Saamuʼeel 8 >