< 1 Saamuʼeel 8 >
1 Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude.
When Samuel grew old, he made his sons leaders over Israel.
2 Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan.
His first son was named Joel, and his second son was named Abijah. They were rulers in Beersheba.
3 Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan.
However, his sons did not follow his ways. They were corrupt, making money by accepting bribes and perverting justice.
4 Kanaafuu maanguddoonni Israaʼel wal gaʼanii Saamuʼeel bira gara Raamaa dhufan;
So the elders of Israel all joined together and came to meet Samuel at Ramah.
5 isaanis, “Ati dulloomteerta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee duukaa hin buune; akkuma saboonni kaan hundi mootii qaban sana mootii nu bulchu nuu muudi” jedhaniin.
“Look here,” they told him, “you are old, and your sons do not follow your ways. Choose a king to rule over us like all the other nations.”
6 Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni Waaqayyoon kadhate.
Samuel thought this was a bad idea when they said, “Give us a king to rule over us,” so he prayed to the Lord about it.
7 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne.
“Do what the people tell you,” the Lord said to Samuel, “because it's not you they're rejecting, but me as their king.
8 Isaan waanuma gaafa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hamma harʼaatti na dhiisanii waaqota gara biraa tajaajiluudhaan natti hojjetan sana sittis hojjechaa jiru.
They're doing just as they have always done since I led them out of Egypt right up to now. They have abandoned me and worshiped other gods, and they're doing just the same to you.
9 Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.”
So do what they want, but give them a solemn warning—explain to them what a king will do when he rules over them.”
10 Saamuʼeelis dubbii Waaqayyoo hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime.
Samuel repeated all that the Lord had said to the people asking him to give them a king.
11 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu.
“This is what a king will do when he rules over you,” he told them. “He will take your sons and make them serve as charioteers and horsemen, and to run as a guard in front of his chariot.
12 Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha.
Some of them he will make commanders of thousands and commanders of fifties, and some will have to plow his fields and reap his harvest. Some will be assigned to making weapons of war and chariot equipment.
13 Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata.
He will take your daughters and have them work as perfume-makers, cooks, and bakers.
14 Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna.
He will take your best fields, vineyards, and olive groves and give them to his officials.
15 Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna.
He will take a tenth of your grain harvest and the produce of your vineyards and allocate it to his chief officers and officials.
16 Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata.
He will take your male servants and your female servants, and your best young men and your donkeys, and make them work for him.
17 Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu.
He will take a tenth of your flocks, and you yourselves will be his slaves.
18 Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana Waaqayyo deebii isinii hin kennu.”
On that day you will plead to be rescued from the king you have chosen, but the Lord won't answer you then.”
19 Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena.
But the people refused to listen to what Samuel said. “No!” they insisted. “We want our own king!
20 Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.”
That way we can be like all the other nations. Our king will rule us, and will lead us when we go out to fight our battles.”
21 Saamuʼeel yeroo waan namoonni sun jedhan hunda dhagaʼetti fuula Waaqayyoo duratti waanuma sana deebisee dubbate.
Samuel listened to everything the people said and repeated it to the Lord.
22 Waaqayyos Saamuʼeeliin, “Waan isaan jedhan dhagaʼiitii mootii moosisiif” jedhe. Saamuʼeelis namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan magaalaa keessanitti deebiʼaa” jedhe.
The Lord told Samuel, “Do what they say and give them a king.” Then Samuel told the Israelites, “Go back to your homes.”