< 1 Saamuʼeel 7 >

1 Kanaafuu namoonni Kiriyaati Yeʼaariim dhufanii taabota Waaqayyoo fudhatanii ol baʼan. Isaanis gara mana Abiinaadaab kan gaara irra jiruutti geessan; akka inni taabota Waaqayyoo eeguufis ilma isaa Eleʼaazaarin qulqulleessan.
Watu wa Kiriath Yearimu walikuja, wakalichukua sanduku la BWANA, wakalileta ndani ya nyumba ya Abinadabu mlimani iliyokuwa kilimani. Wakamteua Eleazari, mwanawe, kulitunza sanduku la BWANA.
2 Taabonni sun erga gara Kiriyaati Yeʼaariim geeffamee yeroo dheeraa dha; walumaa galatti waggaa digdama taaʼe. Sabni Israaʼel hundinuus booʼichaan Waaqayyotti deebiʼe.
Tangu siku ambayo sanduku lilikaa huko Kiiriath Yearimu, ulipita muda mrefu, miaka ishirini. Nyumba yote ya Israeli iliomboleza na ikaazimu kumrudia BWANA.
3 Saamuʼeelis guutummaa mana Israaʼeliin akkana jedhe; “Yoo isin garaa keessan guutuudhaan Waaqayyotti deebitanii, waaqota ormaatii fi Ashtooretin waaqeffachuu dhiisuudhaan Waaqayyotti of kennitanii isa qofaaf tajaajiltan, inni harka Filisxeemotaa jalaa isin ni baasa.”
Samweli akawaambia watu wote wa Israeli, “Kama mtamrudia BWANA kwa moyo wenu wote, mkaiondoa miungu migeni na Ashtorethi kutoka katikati yenu, igeuzeni mioyo yenu kwa BWANA, na mwabuduni yeye peke yake, ndipo atawaokoa kutoka mkono wa Wafilisti.”
4 Kanaaf Israaʼeloonni Baʼaalii fi Ashtooretin calaasanii Waaqayyoon qofa tajaajilan.
Ndipo watu wa Israeli wakamuondoa Baali na Ashtorethi, na wakamwabudu BWANA peke yake.
5 Kana irrattis Saamuʼeel, “Isin Israaʼeloota hundumaa Miisphaatti walitti qabaa; anis Waaqayyoon isiniif nan kadhadhaa” jedhe.
Ndipo Samweli akasema, “Waleteni Israeli wote hadi Mizpa, nami nitamwomba BWANA kwa ajili yenu.”
6 Isaanis yommuu Miisphaatti walitti qabamanitti bishaan waraabanii fuula Waaqayyoo duratti dhangalaasan. Gaafas soomanii, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra” jedhan. Saamuʼeelis Miisphaatti saba Israaʼel irratti murtii kenna ture.
Wakakusanyika Mispa, wakateka maji na kuyamwaga chini mbele za BWANA. Siku hiyo walifunga na kusema, “Tumemfanyia BWANA dhambi.” Hapo Mispa ndipo Samweli aliwaamu na kuwaongoza watu wa Iraeli. -8
7 Yommuu Filisxeemonni akka Israaʼel Miisphaatti walitti qabame dhagaʼanitti bulchitoonni Filisxeem isaan waraanuudhaaf ol baʼan. Ijoolleen Israaʼelis yommuu waan kana dhagaʼanitti Filisxeemota ni sodaatan.
Basi Wafilisti waliposikiakwamba Waisraeli wamekusanyika hapo Mispa, viongozi wa Wafilisti waliwashambulia Israeli. Waisraeli waliposikia hivyo, waliwaogopa Wafilisti.
8 Isaanis Saamuʼeeliin, “Akka inni harka Filisxeemotaa jalaa nu baasuuf gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti nuu iyyuu hin dhiisin” jedhan.
Ndipo Waisraeli wakamwambia Samweli, “Usiache kumwomba BWANA Mungu wetu kwa ajili yetu, ili atuokoe kutoka mkono wa Wafilisti.”
9 Saamuʼeelis ilmoo hoolaa kan hodhu tokko fuudhee jiraa isaa aarsaa gubamu godhee Waaqayyoof dhiʼeesse. Qooda Israaʼelis gara Waaqayyootti iyye; Waaqayyos deebii kenneef.
Samweli alimchukua kondoo mchanga nakumtoa sadaka ya kuteketezwa kikamilifu kwa BWANA. Ndipo Samweli akamlilia BWANA kwa ajili ya Israeli, na BWANA akamjibu.
10 Utuu Saamuʼeel aarsaa gubamu dhiʼeessaa jiruu Filisxeemonni Israaʼelin loluuf dhiʼaatan. Gaafas garuu Waaqayyo sagalee qaqawwee guddaa isaa isaan irratti qaqawweessaʼee waan isaan joonjesseef Filisxeemonni fuula Israaʼelootaa duratti ni moʼataman.
Hata Samweli alipokuwa akitoa sadaka ya kuteketezwa, Wafilisti wakasogea karibu kuwashambulia Israeli; lakini BWANA alipiga kwa nguromo ya sauti kubwa siku hiyo dhidi ya Wafilisti na kuwatia kiwewe, na wakashindwa mbele ya Israeli.
11 Israaʼeloonnis Miisphaadhaa baʼanii Filisxeemota karaa irratti gorraʼaa hamma Beet Kaari jalaatti isaan ariʼan.
Waisraeli wakaondoka Mispa, wakawafuatia Wafilisti na kuwaua hadi kufika chini ya Beth kari.
12 Ergasii Saamuʼeel dhagaa tokko fuudhee Miisphaa fi Sheen gidduu dhaabe. Maqaa isaas, “Waaqayyo hamma harʼaatti nu gargaareera” jedhee, “Ebeenezer” jedhee moggaase.
KIsha Samweli akachukua jiwe akalisimamisha kati ya Mispa na Sheni. Akaliita hilo jiwe Ebeneza, akisema, “Hata sasa BWANA ametusaidia.”
13 Kanaafuu Filisxeemonni waan moʼatamaniif lammata deebiʼanii biyya Israaʼelootaa hin weerarre. Bara jireenya Saamuʼeel guutuu harki Waaqayyoo Filisxeemota irratti ni jabaate.
Kwa hiyo, Wafilisti walishindwa na hawakuingia katika mipaka ya Israeli. Mkono wa BWANA uliwalemea Wafilisti siku zote za Samweli.
14 Magaalaawwan Filisxeemonni Israaʼel irraa fudhatanii turan kanneen Eqroonii jalqabanii hamma Gaatitti jiran hundinuu Israaʼelootaaf ni deebiʼan. Israaʼelis daangaa ishee Filisxeemota harkaa baafate. Israaʼelii fi Amoorota gidduuttis nageenyi buʼee ture.
Miji ambayo Wafilisti waliitwaa kutoka kwa Israeli ilirudishwa, kutokea Ekroni hadi Gathi; Israeli ikarudisha tena sehemu za nchi zake kutoka kwa Wafilisti. Ndipo ikawa amani kati ya Israeli na Waamori.
15 Saamuʼeelis bara jireenya isaa guutuu abbaa murtii saba Israaʼel ture.
Samweli akawa mwamuzi wa Israeli siku zote za maisha yake.
16 Innis wagguma waggaan Beetʼeel, Gilgaalii fi Miisphaa keessa naannaʼee iddoo hundatti abbaa murtii saba Israaʼel ture.
Kila mwaka alienda Betheli kwa kuzunguka, akienda Gilgali, na huko Mispa.
17 Ergasiis gara Raamaa iddoo jireenya isaatti deebiʼee achittis saba Israaʼel irratti murtii kenna ture. Achittis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare.
Kisha angerudi Rama, kwa sababu mji wake ulikuwa huko; na huko pia aliwaamua Waisiraeli. Hata huko Rama, pia alimjengea BWANA madhabahu.

< 1 Saamuʼeel 7 >