< 1 Saamuʼeel 7 >

1 Kanaafuu namoonni Kiriyaati Yeʼaariim dhufanii taabota Waaqayyoo fudhatanii ol baʼan. Isaanis gara mana Abiinaadaab kan gaara irra jiruutti geessan; akka inni taabota Waaqayyoo eeguufis ilma isaa Eleʼaazaarin qulqulleessan.
Entonces el pueblo de Quiriat-jearim vino y se apropió del Arca del Señor. La pusieron en la casa de Abinadab, en la colina. Designaron a su hijo Eleazar para cuidar el Arca del Señor.
2 Taabonni sun erga gara Kiriyaati Yeʼaariim geeffamee yeroo dheeraa dha; walumaa galatti waggaa digdama taaʼe. Sabni Israaʼel hundinuus booʼichaan Waaqayyotti deebiʼe.
El Arca permaneció allí, en Quiriat-jearim, desde aquel día, durante mucho tiempo, hasta veinte años. Todos en Israel se lamentaron y, arrepentidos, volvieron al Señor.
3 Saamuʼeelis guutummaa mana Israaʼeliin akkana jedhe; “Yoo isin garaa keessan guutuudhaan Waaqayyotti deebitanii, waaqota ormaatii fi Ashtooretin waaqeffachuu dhiisuudhaan Waaqayyotti of kennitanii isa qofaaf tajaajiltan, inni harka Filisxeemotaa jalaa isin ni baasa.”
Entonces Samuel le dijo a todo Israel: “Si desean sinceramente volver al Señor, desháganse de los dioses extranjeros y de las imágenes de Astoret, entréguense al Señor y adórenlo sólo a él, y él los salvará de los filisteos”.
4 Kanaaf Israaʼeloonni Baʼaalii fi Ashtooretin calaasanii Waaqayyoon qofa tajaajilan.
El pueblo de Israel se deshizo de sus baales e imágenes de Astoret y sólo adoró al Señor.
5 Kana irrattis Saamuʼeel, “Isin Israaʼeloota hundumaa Miisphaatti walitti qabaa; anis Waaqayyoon isiniif nan kadhadhaa” jedhe.
Entonces Samuel dijo: “Que todo el pueblo de Israel se reúna en Mizpa, y yo oraré al Señor por ustedes”.
6 Isaanis yommuu Miisphaatti walitti qabamanitti bishaan waraabanii fuula Waaqayyoo duratti dhangalaasan. Gaafas soomanii, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra” jedhan. Saamuʼeelis Miisphaatti saba Israaʼel irratti murtii kenna ture.
Una vez reunidos en Mizpa, sacaron agua y la derramaron ante el Señor. Ese día ayunaron y reconocieron: “Hemos pecado contra el Señor”. Y Samuel se convirtió en el líder de los israelitas en Mizpa.
7 Yommuu Filisxeemonni akka Israaʼel Miisphaatti walitti qabame dhagaʼanitti bulchitoonni Filisxeem isaan waraanuudhaaf ol baʼan. Ijoolleen Israaʼelis yommuu waan kana dhagaʼanitti Filisxeemota ni sodaatan.
Cuando los filisteos se enteraron de que los israelitas se habían reunido en Mizpa, sus gobernantes dirigieron un ataque contra Israel. Cuando los israelitas se enteraron de esto, se aterraron por lo que los filisteos podrían hacer.
8 Isaanis Saamuʼeeliin, “Akka inni harka Filisxeemotaa jalaa nu baasuuf gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti nuu iyyuu hin dhiisin” jedhan.
Le dijeron a Samuel: “No dejes de rogarle al Señor nuestro Dios por nosotros, para que nos salve de los filisteos”.
9 Saamuʼeelis ilmoo hoolaa kan hodhu tokko fuudhee jiraa isaa aarsaa gubamu godhee Waaqayyoof dhiʼeesse. Qooda Israaʼelis gara Waaqayyootti iyye; Waaqayyos deebii kenneef.
Samuel tomó un cordero joven y lo presentó como holocausto completo al Señor. Clamó al Señor por ayuda para Israel, y el Señor le respondió.
10 Utuu Saamuʼeel aarsaa gubamu dhiʼeessaa jiruu Filisxeemonni Israaʼelin loluuf dhiʼaatan. Gaafas garuu Waaqayyo sagalee qaqawwee guddaa isaa isaan irratti qaqawweessaʼee waan isaan joonjesseef Filisxeemonni fuula Israaʼelootaa duratti ni moʼataman.
Mientras Samuel presentaba el holocausto, los filisteos se acercaron para atacar a Israel. Pero aquel día el Señor tronó muy fuerte contra los filisteos, lo que los confundió totalmente, y fueron derrotados ante la mirada de Israel.
11 Israaʼeloonnis Miisphaadhaa baʼanii Filisxeemota karaa irratti gorraʼaa hamma Beet Kaari jalaatti isaan ariʼan.
Entonces los hombres de Israel salieron corriendo de Mizpa y los persiguieron, matándolos hasta llegar a un lugar cercano a Bet-car.
12 Ergasii Saamuʼeel dhagaa tokko fuudhee Miisphaa fi Sheen gidduu dhaabe. Maqaa isaas, “Waaqayyo hamma harʼaatti nu gargaareera” jedhee, “Ebeenezer” jedhee moggaase.
Después de esto, Samuel tomó una piedra y la colocó entre Mizpa y Sen. La llamó Ebenezer, diciendo: “¡El Señor nos ayudó hasta aquí!”.
13 Kanaafuu Filisxeemonni waan moʼatamaniif lammata deebiʼanii biyya Israaʼelootaa hin weerarre. Bara jireenya Saamuʼeel guutuu harki Waaqayyoo Filisxeemota irratti ni jabaate.
Fue así como los filisteos se mantuvieron bajo control y no volvieron a invadir Israel. A lo largo de la vida de Samuel, el Señor usó su poder contra los filisteos.
14 Magaalaawwan Filisxeemonni Israaʼel irraa fudhatanii turan kanneen Eqroonii jalqabanii hamma Gaatitti jiran hundinuu Israaʼelootaaf ni deebiʼan. Israaʼelis daangaa ishee Filisxeemota harkaa baafate. Israaʼelii fi Amoorota gidduuttis nageenyi buʼee ture.
Los filisteos le devolvieron a Israel las ciudades que les habían arrebatado, desde Ecrón hasta Gat, e Israel también liberó el territorio vecino de manos de los filisteos. También hubo paz entre Israel y los amorreos.
15 Saamuʼeelis bara jireenya isaa guutuu abbaa murtii saba Israaʼel ture.
Y Samuel fue el líder de Israel por el resto de su vida.
16 Innis wagguma waggaan Beetʼeel, Gilgaalii fi Miisphaa keessa naannaʼee iddoo hundatti abbaa murtii saba Israaʼel ture.
Todos los años recorría el país, yendo a Betel, Gilgal y Mizpa. En todos estos lugares atendía los asuntos de Israel.
17 Ergasiis gara Raamaa iddoo jireenya isaatti deebiʼee achittis saba Israaʼel irratti murtii kenna ture. Achittis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare.
Luego regresaba a Ramá, porque allí vivía. Desde allí gobernaba a Israel, y también construyó un altar para el Señor.

< 1 Saamuʼeel 7 >