< 1 Saamuʼeel 6 >

1 Taabonni Waaqayyoos Filisxeem keessa jiʼa torba ture.
上主的約櫃在培肋舍特地方七個月之久。
2 Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, “Taabota Waaqayyoo maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa” jedhaniin.
培肋舍特人召集司祭和占卜者說:「我們對上主的約櫃該作什麼﹖請告訴我們,用什麼方法可將它送回原處﹖」
3 Isaanis deebisanii, “Yoo taabota Waaqa Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu” jedhaniin.
他們回答說:「你們若將以色列天主的約櫃送回,不可空空的將它送回,必須奉上贖罪的禮品:這樣你們纔能痊癒,也會明瞭他的手為什麼沒有離開你們。」
4 Filisxeemonnis, “Kennaan yakkaa kan nu erginuuf maal taʼuu qaba?” jedhanii gaafatan. Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Sababii dhaʼichi isinii fi bulchitoota keessan rukute tokkuma taʼeef akkuma baayʼina bulchitoota Filisxeemotaatti dhiitoo warqee shananii fi hantuuta warqee shan ergaa.
他們問說:「我們應奉上什麼贖罪的禮品﹖」他們回答說:「按照培肋舍特酋長的數目,奉上五個金毒瘡像和五個金鼠像,因為你們所有的人和你們的酋長,都遭遇同樣的災禍。
5 Fakkii dhiitoo fi fakkii hantuutaa kanneen biyya balleessaa jiranii hojjedhaa; Waaqa Israaʼeliif immoo ulfina kennaa. Yoos inni harka isaa isin irraa, waaqota keessanii fi biyya keessan irraa ni kaasa taʼa.
所以你們應製造你們患的毒瘡像,和損壞你們地方的老鼠的像,應歸光榮於以色列的天主:這樣或許他會對你們,對你們的神和你們的地方放鬆他的手。
6 Isin maaliif akka namoota Gibxiitii fi akka Faraʼoon mataa jabeeyyii taatu? Yeroo Waaqayyo adaba cimaadhaan isaan adabetti, isaan akka Israaʼeloonni gara barbaadan deemaniif hin eeyyamneefii?
你們為什麼像埃及人和法郎一樣心硬呢﹖不是上主玩弄了他們以後,埃及人纔放走了他們嗎﹖
7 “Kanaafuu gaarii haaraa fi saawwan hoosisan kan waanjoon takkumaa irra hin kaaʼamin lama qopheessaa. Saawwan sanas gaarii sanatti camadaa; jabboota isaanii garuu gara manaatti biraa deebisaatii itti cufaa.
現今,趕快製造一輛新車,牽出兩頭正在哺乳,還沒有負過軛的母牛來,套上這輛新車,把小牛牽回棚裏去;
8 Taabota Waaqayyoo sanas fuudhaatii gaarii irra kaaʼaa; miʼa warqee aarsaa yakkaatiif ergitan sanas sanduuqa taabota Waaqayyoo bira jiru keessa kaaʼaa. Akka inni karaa barbaade deemuufis gad dhiisaa;
然後把上主的約櫃裝在車上,把那奉上作為贖罪禮品的金器,都盛在一匣子內,放在約櫃旁邊,然後讓它去。
9 garuu ija isa irraa hin buqqifatinaa. Yoo inni gara biyya isaa gara Beet Shemeshitti qajeele rakkina guddaa kana Waaqayyotu nutti fide. Yoo gara sanatti qajeeluu baate garuu dhaʼichi kun akkuma tasaa nutti dhufe malee Waaqayyo nutti hin fidne.”
但你們應留神:若是約櫃取道往自己的地方去,即往貝特舍默士去,那麼,這大災難,即是上主加給我們的;若不然,我們就知道,不是他的手打擊了我們,而我們所遭遇的是出於偶然。」
10 Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan.
人們就這樣作了;牽出兩頭正在哺乳的母牛來,套上那輛新車,將牛犢關在棚裏,
11 Isaanis taabota Waaqayyoo sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan.
把上主的約櫃,以及裝有金老鼠和毒瘡像的匣子,都放在車上。
12 Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan.
那對母牛直直奔向貝特舍默士的路上走去,一邊走,一邊叫,不偏左也不偏右;培肋舍特的酋長跟在後面,一直到了貝特舍默士的邊境。
13 Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan.
那時,貝特舍默士人正在谷中收割麥子,舉目一看,見是上主的約櫃,就前去歡迎。
14 Gaariin sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
車來到貝特舍默士人約叔亞的莊田,就在那裏停住了。那裏有一塊大石頭,人就將車輛的木頭劈開,把母牛祭獻給上主作全燔祭。
15 Warri Lewwotaas taabota Waaqayyoo sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma Waaqayyoof dhiʼeessan.
肋未人先把上主的約櫃和旁邊盛有金器的匣子搬下來,放在那塊大石上。貝特舍默士人當天給上主獻了全燔祭,宰殺了許多犧牲。
16 Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan erga waan kana hunda arganii booddee gaafuma sana Eqroonitti deebiʼan.
培肋舍特的五位酋長見事已成,當天就回了厄刻龍。
17 Iiti warqee kan Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Waaqayyoof ergan kanaa dha; isaanis tokko Ashdoodiif, tokko Gaazaaf, tokko Eqrooniif, tokko Gaatiif, tokko immoo Ashqalooniif ergan.
以下是培肋舍特人奉獻給上主作為贖罪禮品的金毒瘡像:阿市多得一個,迦薩一個,阿市刻隆一個,加特一個,厄刻龍一個。
18 Baayʼinni hantuutota warqees akkuma baayʼina magaalaawwan Filisxeemotaa kanneen bulchitoota shananiif kennamaniitti ture. Magaalaawwan dallaa jajjaboo qaban kunneenis gandoota of jalaa qabu ture. Kattaan guddichi isaan taabota Waaqayyoo isa irra kaaʼan sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu namicha Beet Shemeshi keessatti hamma harʼaatti dhugaa baatuu dha.
金老鼠也是依照培肋舍特五酋長的城市數目,包括有垣墻的城市和所有的村落。那曾安放過上主約櫃的大石,直到今日還在貝特舍默士人約叔亞的田內,作為見證。
19 Waaqnis sababii isaan taabota Waaqayyoo keessa ilaalaniif namoota Beet Shemeshi dhaʼee isaan keessaa nama torbaatama ajjeese. Sababii Waaqayyo akka malee isaan dhaʼeef namoonni sun ni booʼan;
當貝特舍默士人看見上主的約櫃時,耶苛尼雅的子孫沒有與他們一起表示歡樂,所以上主擊殺了他們中七十人。百姓就難受,因為上主這樣嚴厲打擊了百姓。
20 namoonni Beet Shemeshis, “Eenyutu fuula Waaqayyoo, fuula Waaqa qulqulluu kanaa dura dhaabachuu dandaʼa? Taabonni kun asii baʼee eenyu bira haa dhaqu?” jedhanii gaafatan.
於是貝特舍默士人說:「在這神聖的天主上主面前,誰還能站得住﹖從我們這裏把它送到誰那裏去呢﹖」
21 Ergasii gara Kiriyaati Yeʼaariimitti ergamoota erganii, “Filisxeemonni taabota Waaqayyoo deebisaniiru; gad kottaatii taabota sana gara keessanitti fudhadhaa” jedhaniin.
他們遂派使者到克黎雅特耶阿陵的居民那裏,對他們說:「培肋舍特人送回了上主的約櫃,你們下來,將它抬上去,放在你們那裏。」

< 1 Saamuʼeel 6 >