< 1 Saamuʼeel 5 >

1 Filisxeemonni erga taabota Waaqaa boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan.
ופלשתים לקחו את ארון האלהים ויבאהו מאבן העזר אשדודה׃
2 Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan.
ויקחו פלשתים את ארון האלהים ויביאו אתו בית דגון ויציגו אתו אצל דגון׃
3 Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan.
וישכמו אשדודים ממחרת והנה דגון נפל לפניו ארצה לפני ארון יהוה ויקחו את דגון וישבו אתו למקומו׃
4 Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe.
וישכמו בבקר ממחרת והנה דגון נפל לפניו ארצה לפני ארון יהוה וראש דגון ושתי כפות ידיו כרתות אל המפתן רק דגון נשאר עליו׃
5 Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma.
על כן לא ידרכו כהני דגון וכל הבאים בית דגון על מפתן דגון באשדוד עד היום הזה׃
6 Harki Waaqayyoo saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe.
ותכבד יד יהוה אל האשדודים וישמם ויך אתם בעפלים את אשדוד ואת גבוליה׃
7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan.
ויראו אנשי אשדוד כי כן ואמרו לא ישב ארון אלהי ישראל עמנו כי קשתה ידו עלינו ועל דגון אלהינו׃
8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel maal gochuu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis, “Taabota Waaqa Israaʼel gara Gaati geessaa!” jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Waaqa Israaʼel achii baasan.
וישלחו ויאספו את כל סרני פלשתים אליהם ויאמרו מה נעשה לארון אלהי ישראל ויאמרו גת יסב ארון אלהי ישראל ויסבו את ארון אלהי ישראל׃
9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Waaqayyoo magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe.
ויהי אחרי הסבו אתו ותהי יד יהוה בעיר מהומה גדולה מאד ויך את אנשי העיר מקטן ועד גדול וישתרו להם עפלים׃
10 Kanaafuu taabota Waaqaa gara Eqroonitti ergan. Akkuma taabonni Waaqaa Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, “Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Waaqaa nutti fiddan” jedhanii iyyan.
וישלחו את ארון האלהים עקרון ויהי כבוא ארון האלהים עקרון ויזעקו העקרנים לאמר הסבו אלי את ארון אלהי ישראל להמיתני ואת עמי׃
11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa” jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Waaqaas akka malee itti jabaatee ture.
וישלחו ויאספו את כל סרני פלשתים ויאמרו שלחו את ארון אלהי ישראל וישב למקמו ולא ימית אתי ואת עמי כי היתה מהומת מות בכל העיר כבדה מאד יד האלהים שם׃
12 Warri hin duʼinis waan dhiitoon isaanitti yaaʼeef iyyi isaanii samiitti ol baʼe.
והאנשים אשר לא מתו הכו בעפלים ותעל שועת העיר השמים׃

< 1 Saamuʼeel 5 >