< 1 Saamuʼeel 5 >
1 Filisxeemonni erga taabota Waaqaa boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan.
Afilisti atalanda Bokosi la Mulungu lija, analitenga kuchoka ku Ebenezeri kupita ku Asidodi.
2 Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan.
Kenaka anatenga Bokosi la Chipanganolo nabwera nalo ku nyumba ya Dagoni ndi kuliyika pambali pa Dagoni.
3 Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan.
Anthu a ku Asidodi atadzuka mmawa mwake, anangoona Dagoni atagwa pansi chafufumimba pamaso pa Bokosi la Yehova! Iwo anatenga Dagoni ndi kumuyimika pamalo pake.
4 Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe.
Koma mmawa mwakenso atadzuka, anaona Dagoni atagwa chafufumimba pamaso pa Bokosi la Yehova. Mutu wake ndi manja ake zinali zitaduka ndi kugwera pa khonde polowera, thunthu lake lokha ndilo linatsala.
5 Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma.
Nʼchifukwa chake mpaka lero ansembe a Dagoni kapena wina aliyense amene amalowa mʼkachisi wa Dagoni ku Asidodi saponda pa khonde.
6 Harki Waaqayyoo saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe.
Yehova analanga koopsa anthu a ku Asidodi. Yehova anawawononga ndi kuwazunza ndi zithupsa Asidoniwa pamodzi ndi anthu a madera ozungulira.
7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan.
Anthu a ku Asidodi ataona zimene zimachitika anati, “Bokosi la Mulungu wa Israeli lisakhale kuno chifukwa akutizunza ife pamodzi ndi mulungu wathu Dagoni.”
8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel maal gochuu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis, “Taabota Waaqa Israaʼel gara Gaati geessaa!” jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Waaqa Israaʼel achii baasan.
Choncho anayitana atsogoleri onse a Afilisti kuti asonkhane ndipo anawafunsa kuti, “Kodi Bokosi la Mulungu wa Israeli tichite nalo chiyani?” Iwo anayankha kuti, “Bokosi la Mulungu wa Israeli lipite ku Gati.” Kotero analichotsa Bokosi la Mulungu wa Israelilo.
9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Waaqayyoo magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe.
Koma atafika nalo ku Gati, Yehova analanga mzindawo, ndipo anthu anachita mantha aakulu. Iye anazunza anthu a mu mzindawo, ana ndi akulu omwe, ndi zithupsa.
10 Kanaafuu taabota Waaqaa gara Eqroonitti ergan. Akkuma taabonni Waaqaa Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, “Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Waaqaa nutti fiddan” jedhanii iyyan.
Choncho anatumiza Bokosi la Mulungu ku Ekroni. Koma Bokosi la Mulungu lija litangofika ku Ekroni, anthu a ku Ekroni analira kuti, “Abwera nalo Bokosi la Mulungu wa Israeli kwa ife kuti atiphe pamodzi ndi anthu athu.”
11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa” jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Waaqaas akka malee itti jabaatee ture.
Kotero iwo anayitana atsogoleri onse a Afilisti kuti asonkhane ndipo anati, “Chotsani Bokosi la Mulungu wa Israeli, libwerere ku malo ake. Tikapanda kutero lidzatipha ife ndi anthu athu.” Pakuti mu mzinda monse munali mantha aakulu kwambiri ndipo Mulungu ankawalanga kwambiri anthu a kumeneko.
12 Warri hin duʼinis waan dhiitoon isaanitti yaaʼeef iyyi isaanii samiitti ol baʼe.
Anthu amene sanafe anavutika ndi zithupsa, ndipo kulira kwa anthu a mu mzindamo kunamveka kumwamba.